Lammiilee Naayijeeriyaa ‘jaalala sobaan’ dubartoota 100 ol irraa qarshii nyaatan

Lammiileen Naayijeeriyaa saddeet jaalala sobaan onlaayinii irratti dubartoota gowwomsan mana murtii Afrikaa Kibbaatti himataman. Adeemsa jarreen kana himachuu keessatti Biiroon Basaasaa Ameerikaa(FBI) fi Interpol hirmaataniiru.

Qondaalotni Ameerikaa yakka kana kanneen raawwatan dabarfamanii akka kennaman gaafatan, dubartoonni 100 tahan kan jaalala sobaama goyyoomfaman Ameerikaa kan jiraatan yoo tahu, waggaa kudhan darbe keessatti walumaagala doolaarri miiliyoonni torba jalaa fudhatameera.

Himannaan kuni maal maal akka of keessaa qabatu hin ibsamne.

Dubbii himtuun poolisii Afrikaa Kibbaa Koloneel, Katlego Mogale Afrikaa Kibbaa keessatti kuni to’annoo poolisii isa guddaa dha jedhan.

Shakkamtoonni namoota ganna 33-52 keessa jiran yoo tahu gaafa Kibxataa Keep Tawuunitti qabaman.

FBI fi qondaalota Afrikaa Kibbaa waliin qorannoo fi sakatta’insa taasisaniin jarri qabamuu danda’an.

Shakkamtoonni Teeksaasiifi Niiw Jarsii keessatti yakka garagaraan barbaadamu, isaanis hannaaf eenyummaa geeddaruu, qarshii waliin dhahuufi ergaa sobaan goyyomsuu fa’i.

Abbaan alangee Robin Lewis gama biraan jarri kuni miseensa garee yakkaa Naayijeeriyaa Black Axe jedhamuu yoo tahan, yakka qarshii waliin dhahuun argachuu biyya isaanii irraa ce’anii biyya kaanitti dalagu jedhan.

Jarri kunneen ammallee akkaawuuntii qarshii isaaniitti fayyadamuu danda’u gatii taheef of-eeggannoon godhamuu qaba jedhameera.

Shakkamtoonni yoo irratti murtaa’e hamma waggaa 20 adabamuu malu.

Shakkamtoonni namoota goyyomsan marsariitii jaalallee walitti fidu irratti eenyummaa sobaa uumuun itti siqan. Kanneen goyyomfaman baayyeen immoo gursummeettiiwwaniifi warreen abbaa manaa hiikani dha.

Isaaniis dhugumaan hariiroo jaalalaa uumuu barbaadu ture.

Dubbii himtuun poolisii kuni akka jedhanitti, ‘’namoota goyyomsan kunneen seenaa sobaa himuun akka isaaniif gaddan godhu, achii qarshii isaan ergisiisu.’’

Gama biraan,’’doorsisanii erga jireenya isaanii akka hin taane erga godhaniin booda jalaa baduu,’’ jedhan.

Shakkamtoota keessaa ollaa obbolaa lameenii kan tahe tokko maqaa otoo hin himatiin, namoonni kunneen yakka akkasii dalaguu isaaniifi miseensa wanbadee tahuu isaanii yoo baru akka nahe dubbate.

‘’Yeroo hunda namoota gaarii turan takkaa waan yakka jedhamu irratti argee hin beeku. Obboleessi inni tokko lammii Afrikaa Kibbaa fuudhee jira,’’ jedhe. ‘’Konkolaataa qabataniifi wayyaa uffatanirraa sooreyyii akka tahan baruun ni danda’ama,’’ jedha.

Manni obbolaan lamaan kuni poolisiin yoo to’atamu iyyaa sareedhaan ollaan dammaqee arge.

Namoonni 60 tahan ragaa sassaabuudhaaf sa’atii jaha dabarsaniiru. Qabeenyi biroo torbas akkasuma to’annoo jala oolaniiru.

Kanneen qabaman keessaa muraasni seeraan ala dha Afrikaa Kibbaa keessa jiraachaa jiru jedhan abbaan alangee Lewis, yoo wabiidhaan gadhiifaman ragaa online qaban balleessuu malus jedhaniiru.

Miidiyaan Afrikaa Kibbaa poolisiin nama sagalaffaa dhimma kanaan shakkame barbaadaa jira jedhe.