Maanguddoo Eertiraa galmeen wantoota ajaayibsiisoo addunyaa qorachaa jiru

Lammiileen Eertiraa umrii jaarraa tokkoo fi sanaa olii jiraatan oduun jedhu wayita dhagahamu haaraa ta'uu dhiisuu mala.

Tibbana maanguddoon biyyattii addunyaa kanarraa du'aan kan boqotan ammoo umrii dheeraa jiraachuun galmee wantoota ajaa'ibsiisoo irratti maqaansaanii dura taa'uu mala.

Qorannoon umriisaaniirratti gaggeeffamaa jiru ragaan sanadaa sirriin yoo dhiyaate, addunyaa kanarratti nama umrii dheeraa jiraatan jedhamuun maqaansaanii galmaa'uu danda'a.

Seenaa Abbooy Nataabaay

Obbo Nataabaay Tinsaa'eew abbaansaanii Obbo Tinsaa'eew Taayib fi haadhasaanii Aadde Kibbid Aayib irraa Caamsaa 1, bara 1894 iddoo Aazafaa jedhamtu keessatti dhalatanii akka guddatanii fi achuma keessa akka jiraataa turan maatii fi qeesiin bataskaana naannoo kanaa ni himu.

Bara dhalootasaanii irraa ka'uun hanga bara boqotaniitti yoo shallagamu addunyaa kanarra waggaa 127 jiraachuusaanii mul'isa.

Aazafaan ganda xiqqoo kallattii daandii magaalaa Asmaraa irraa gara Karan geessuun Godina Anbassaa keessatti argamtudha.

Barruu mootummaa biyyattii 'Haddis Eertiraa' jedhamurratti odeessi gaafa Hagayya bara 2014 ba'e tokko maanguddoon kun nama addunyaarratti umrii dheeraa qaban ta'uu akka hin hafne ibsee ture.

Obbo Nataabaay gaaffii fi deebii wayita sana taasisaniin umriinsaanii yoggaa sana 120 ta'uu himanii turan.

Ganda Azaafaa jedhamtutti waggoota torbaaf kan tajaajilanii fi bara 2014 kabaja waggaa 120ffaa Abbooy Nataabaay irratti kan hirmaatan Lubni mana amantii Kaatoolikii Abbaa Mantaay Naayir, ''galmeen bara cuuphamuusaaniirra jiru 1894 jedha, jechuun BBC'tti himan.

Bara bulchiinsa Haayilasillaasee fi Dargii haleellaawwan qilleensarraan akkasumas meeshaalee waraanaa gurguddoon manneen namootaa fi manneen amantiirratti raawwatamaa turaniin sanadoonni ragaa namootaa mul'isan hedduun dhabamaniiru.

Lubi Mantaay akka jedhanitti, sanadoonnii fi ragaaleen mana amantii kanaa jalqaba gara iddoo Tiroonkuwaa jedhamurraa gara Shi'ib akka geeffaman achii booda ammoo gara Aazafaa akka deebi'an godhamaniiru.

Yeroo ammaas bakkuma sanatti akka argamu abbaan amantii kun ni himu.

"Galmechi Aazafaatti na ga'e,'' jechuun umriin maanguddoo kanaa galmeerra jiraachuu himan.

"Ijisaanii dadhabuurraan kan hafe fayyaa guutuu qabu turan,'' jechuun waa'ee Abbooy Nataabaay kan dubbatan Abbaa Mantaay, umriisaanii gara dhumaa keessa garuu uleetti hirkatanii deemaa akka turan himan.

'Umriinsaanii waggaa 127 qofa hin jedhu'

Obbo Nataabaay Tinsaa'eew Taayib Hagayya 20, 2021 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

Haala kanaan umriin isaanii waggaa 127, ji'a 4 fi guyyaa 20 ta'a jechuudha.

Ilma ilmasaanii keessaa tokko kan ta'e Zara'aa Taklee BBC'tti akka himetti, umriinsaanii 127 ta'uu ragaan agarsiisus Obbo Nataabaay garuu sanaa ol jiraatan.

Ragaan bara 1984 dhalatan jedhu, barasaan itti dhalatan osoo hin taane barasaan itti cuuphamaniidha jedhe.

Umriinsaanii kana qofa miti kan jedhu namni kun, kan jedhameen olitti jiraachuu fi kunimmoo sirnaan beekamuu akka hin dandeenye hime.

Galmee Guinness irratti?...

Namni umurii dheeraa jiraatan Obbo Nabaataay galmee addunyaarratti riiardii qabachuu akka danda'an kan dubbatan maatiin isaanii, odeeffannoo gara galmee addunyaa (Guinness World Records) erguusaanii BBCtti himaniiru.

Dhaabbanni riikardiiwwan addunyaa galmeessus, gaaffii akka umuriin Obbo Nataabaay akka galmaa'uuf dhiyaatee fudhachusaa kan dubbatan ilmi ilma isaanii Obbo Zara'aa, ''erga hojii qulleessuu xumureen booda bu'aasaa akka nu beeksiisu nuuf ibseera,'' jedhan.

Giinas erga namoota umurii dheeraa jiraatan galmeessuu eegalee waggoota hedduu lakkoofsiiseera.

Galmeen kun akka mul'isuuttis, kan umurii dheeraa jiraachuun beekaman lammii Faransaay Jeen Liiwiis jedhamu. Bara 1875tti kan dhalattee Jeen, wagga 122 fi guyyoota 162 addunyaa tanarra jiraataniiru.

Bara jireenyaa isaanitti, dhukkuba 'Ispaanish Filuu' jedhamuun beekamuu fi weerara namoota hedduu miidhee akkasumas waraana Addunyaa Tokkooffaa arganiiru. Umuriisaanittis taatuu filmii beekamtuu akka turan himama.

Erga waggaa 100 gutaniin boodalleen bishikileetii oofuu kan hindhaabiin dubartiin sun, Hagayya 4, 1997tti du'aan boqataniiru.

Galmeen addunyaa kun umuriin Obbo Nataabaay qulleeffachuun galmeessuu yoo danda'a ta'e, riikardiin addunyaa lammii Faransaay tanaan qabame kan Obbo Natabaay ta'a jechuudha.

Icciitii umurii dheeraa

Namoonni tokko tokko kaan caalaa umurii dheeraa yoo jiraatan, 'icciitiinsaa maaliidhaa?' jechuun gaafachuun hinoolu. Namoonni umurii dheeraa jiraatan baayyeen fayya qabeessa ta'uun kan jiraataniidha. Sochiin qaamaa isaanis nama dinqisiisa.

Obboo Nataabaayi bakki isaan itti dhalatan irraa caalaa naannoo kan sabni Bileen keessa jiraatu waan ta'eef, baayyinaan mishingaafi ocholonii omishu. Fuduraaleen akka zayitunaa, burtukaanaafi mandariiniis qarqara laga Ansabaarra ni biqilu. Akaakuwwan raafuu adda addaas bal'inaani ni omishama.

Obbo Nataabaayii fi jiraattoonni naannichaa kaan baliinaan kan sooratan marqaa mishingaa yoo ta'u, aannan, dhadhaa fi damma baayinaan nyaatu.

Obbo Zari'aan ''haalli jireenyaafi soorata'' abaabayyuun isaanii akka umurii dheeraa jiraataniif sababa ta'uu ibsuun, umurii dheeraa jiraachuuf jireenya karooraan hogganachuufi gossota nyaataa umamaa ta'an irra caalaa soorachuun gahee olaanaa akka qabaatu dubbatu.

Obbo Nataabaay bara 2014tti gaaffiifi deebii taasisaniin, dhadhaa dammi itti dabalamee dhugaa akka turan dubbatanii ture. Kanniisa horsiisaa waan turaniif, damma argachuuf hin rakkattan turan. Daakuun marqaaf fayyadamanis kan harkaan daakame ture.

Amalli biraa namoonni umurii dheeraa jiraatan ittiin beekaman kan biraa ammoo, ilaalchi jireenyaaf qabaniifi mala jireenyaa isaanitiin. ''Obbo Nataabaay nama tasgabbaa'aafi kan hincinqamne turan'' jedhu Lubni Batasakaana Kaatolikii Abbaa Mantaay.

''Abaabayyuun kiyya gara lafeessa, kan nama jaalatan, kan namaaf gaddaniifi hojjataa cimaa turan,'' kan jedhan ilmi ilmasaanii Obbo Zara'aan gama isaanitiin, icciitiin umurii dheeraa jriaachusaanii, tasgabbii, jaalalaa fi nagaa qaban akka dabalu dubbatu.

Gaa'ilaafi maatii- Riikardiiwwan dachaa…?

Seenaan Obbo Nataabaay gutummaan yoo sakkata'ame, umurii dheeraa jriaachuu qofaa osoo hintaane riikardiiwwan gara biraalleen galmeessuu ni danda'u.

Damee dhiiraa qofaan yoo ilaalamu, ammaan tanatti namni umurii dheeraa jiraachuun riikardiin galmaa'e waggaa 116 fi guyyoota 54 kan jiraatan lammii Jaappaan Jiiromoon Kamuraa jedhamu.

Umuriinsaanii mirkanaa'uu yoo danda'e, dhiiraafi dubartiidhaan umurii dheeraa jiraachuun riikardii qabatu jechaadha.

Dhimmi gaa'ila isaanis dhimma galmaa'uu malu kan biraati. Gaaffii fi deebii bara 2014tti Haddaas Ertiraa waliin taasisaniin akka jedhaniitti, isaan gaheessa waggaa 40 ta'un shamarree waggaa 14 kan turte haadha warraa saanii Aaddee Lattarufaa'eel waliin gaa'ila kan dhaabbatan bara 1934tti.

Lameen kunis waggaa 85'f waliin kan jiraatan yoo ta'u, kanaanis waggaa dheeraa gaa'ilaan jiraachun kan isaan dursu hinjiru ta'a. Sababiinsaa hanga har'aatti kan galmaa'ee waggaa 80 qofaadha. Isaaniis lameen lammii Ikuwaador yoo ta'an, kanaan riikardii addunyaa qabachutu himama.

Shamarree waggaa 14 ta'un Obbo Nabaataay waliin gaa'ila kan dhaabbattan Aaddee Lattarufaa'eel, bara 2019tti addunyaa kanarraa du'aan boqatan. Waggaa lamaan booda ammoo abbaan warraasaanii itti dabalamuun boqatan.

Cimdiiwwan weerara Xaaliiyaanitii hanga bulchaa biyyattii ammaa Isaayyaas Afawarqiitti arguu danda'an kunneenis, ijoollee 10 waliin godhataniiru. Hanga bara 2014ttis, ijoolleesaanii dabalatee dhaloota shan arguu danda'aniiru.

Waliigalattis, lakkoofsi maatiisaanii/maandhaa 134 qaqqabuu gaazeexaan mootummaa Haaddaas Ertiraa jedhamu gabaasee ture.

Maatiin Obbo Nabaataay waggoota torban bara 2014 as jiran keessatti dabaluu akka danda'us ni tilmaamama.