Shawaa Lixaatti abbaafi haati warraa waggaa 75 waliin jiraatan garaagarummaa sa’aa muraasaan du’aan boqochuun raajii uume

    • Barreessaa, Habtaamuu Xibabuutin
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo

"'Ani du'ee atimmoo ji'atti na qaqqabda. Naaf gadditee kaatee na qaqqabda' waliin jechaa turan."

Abbaan warraafi haati warraa godina Shawaa Lixaa aanaa Iluu Galaan ganda Meettaa KidaanaMihratitti garaagartee sa'aa 20 gidduutti lubbuun darbe hawaasa biratti raajii uumeera.

Obbo Giilloo Toleeraa maanguddoo umrii waggaa 100 fi haati warraa isaanii Aadde Xuruu Bantii umriin waggaa 90 bara 1939 eegalee waggoota 75f gaa'elaan waliin jiraachuu ilmi isaanii inni dhumaa Obbo Abarraa Giilloo BBCtti himan.

Jaalalaaf wal kabaja guddaa akka waliif qaban ollaafi maatiin kan dubbatuuf maanguddootni lamaan, ALI Qaammee 05, 2013 erga takkaa dhukkubsatan.

"Dhukkubni isaanii dhukkuba ulfaataa 'iddoo akkasii na dhukkuba' jedhanii ibsatan miti. Nyaatumaafi dhugaatii dhowwe. Kan lamaanuu haaluma walfakkaataa ture," jedhan Obbo Abarraan.

"Waanuma salphaa dhukkubsatanii waan turanif ni fayyu jennee eegaa turre. Booda garuu haatikoo 'kankoo gaheera, kankoo dhumeera' jechaa turan. Ni fayyu jennee osoo eegnuu yeruma itti waamama isaanii ta'ee boqotan," jechuunis himan.

"Ani du'ee atimmoo ji'atti na qaqqabda…"

Obbo Giilloo Toleeraafi haati warraa isaanii Aaddee Xuruu Bantii namoota yaadaanis ta'e qaamaan walirraa fagaachuu hin barbaadne ta'uu ollaafi ijoolleen isaanii himu.

"Dhimma tokkoofillee yennaa inni biraa deemu, yookiin mana yaalaa deemu walbiraa hafuu hin barbaadan," jedhu ilmi isaanii Obbo Abarraa.

"'Ani du'ee atimmoo ji'atti na qaqqabda. Kophaakoo hin taa'u. Naaf gadditee kaatee na qaqqabda' waliin jechaa turan," jechuunis himu.

Haaluma kanaan abbaan warraafi haati warraa kun Qaammee 05, 2013 dhukkubsachuu eegalanii Obbo Giilloon guyyaa Roobii Fulbaana 05, 2014 galgala sa'aa 3:05 irratti boqotan.

Wayita abbaan warraa boqotanitti haati warraas dadhabaniifi of wallaalanii akka turan BBCn maatiifi ollaarraa odeeffateera.

Sana boodas haati warraa Obbo Giilloo Aadde Xuruun sa'aa 20 booda, Kamisa waaree booda sa'aa 12:00 irratti addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

Sirni awwaalchaa lamaan isaaniitis Jimaata Fulbaana 07, 2014 walfaana gaggeeffame.

Miira hawaasaafi maatii…

Maanguddoon waggaa 65fi aanaa Iluu Galaan jiraataan ganda Meettaa Kidaanam-mihratii Obbo Baqqalaa Cimdeessaa du'a maanguddoota lamaanin hawaasni cimaa gadduu himu.

Haati warraafi abbaan warraa bifa kanaan lubbuu darbuunis "nuf haaraadha" jedhu.

"Namootni tokko tokko yemmuu dubbatan 'jaalala guddaa waan waliif qabaniif, waan wal kabajaniifi ulfina walii kennanif Waaqayyo walfaana isaan fudhate' jedhu,'' jechuun miira hawaasa bira jiru himu.

Jiraataan gandichaa inni biraan Obbo Rabbumaa Moosisaa, "wanti kun nuuf haaraadha. Umriikoo keessatti waan akkasii dhagahees argees hin beeku. Hawaasa baay'ee taajjabsiise," jechuun taateen kun haawaasa keessatti raajii uumuu himu.

Gama biraatin, ilmi maanguddoota lubbuun darbee Obbo Abarraan, "akka maatiitti akka walirraa hin hafne beeknus, akkana ni ta'a jennee hin eegne. Naasuu guddaadha kan nutti ta'e," jedhan.

Wal dhageettii, kabaja haangafaa, naamusaafi ilaaf-ilaamee maatii isaanirraa barachuu kan himan Obbo Abarraan, "waliigaltee qabu, wal kabaju yaada waliis wal dhagahu. haatikoo abbaa warraa isaaniitin 'isin' jedhanii jecha kabajaatin itti dubbatu ture," jedhan.

"Yeroo walitti dhufanii kaasee walitti bu'anii walirraa sokkanii hin beekan. Wal qoccolaniis namni gidduu isaanii seenees hin beeku," jechuunis gaa'ela abbaa fi haadha isaanii ibsan.

Obbo Giilloo Toleeraafi Aadde Xuruu Bantii gaa'ela isaanii waggoota 70 olin ijoollee saddeet horachuu isaaniis dhageenyeerra.