Lakkuuwwan Jappaan addunyaarratti umrii dheeraa qaban waggaa 107tti beekamtii argatan

Lammiileen Jappaan lakkuuwwan dubaraa lama addunyaarratti umrii dheeraa waggaa 107 fi guyyoota 300 jiraachuun galmee wantoota ajaayibsiisoo addunyaa-Guinness World Records irratti beekamtii argatan.

Umeno Sumiyama fi Koume Kodama rikoordii lammiileema Jappaan dubartoota ta'an Kin Narita fi Gin Kanie jedhamaniin qabamee ture cabsan.

Hawaasa biratti daran kan jaal'atamanii fi namaan walii galuun kan beekaman lakkuuwwan Umeno fi Koume, Sadaasa 5, bara 1913 dachee Shodoshima irratti dhalatan.

Beekamtiin lakkuuwwan kunneenii kan labsameWiixata kaleessaa yoo ta'u, innis guyyaa kabaja namoota umrii dheeraa jiraataniif jedhamee yaadatamuudha.

Guyyaan kabaja namoota umriin jaaranii Jappaan keessatti ayyaana biyyaalessaati.

Sodaa weerara koronaavaayirasiif jecha waraqaan beekamtii lakkuuwwan kunneenii karaa bakka bu'ootaa fi kunuunsitoota isaanii manatti ergameef.

Lakkuuwwan kunneen Fulbaana 1, 2021 irraa eegalanii aangoo kabajaa addaan waamamu jedhe Guinness ibsa Wiixata kaleessaa baase keessatti.

Kanneen duraan beekamtii argatanii, rikoordii qabatanii turan Kin fi Gin waggaa 107 fi guyyoota 175 irratti waraqaa ragaa argatan.

Kin bara 2,000 ji'a Amajjii keessa yoo duutu, Gin ammoo bara itti aanu waggaa 108'tti duute,

Lakkuuwwan kunneen Hagayya 1, bara 1892 bulchiinsa Nagoya keessatti dhalatan.

Maatiiwaan Umeno fi Koume lakkuuwwan kunneen waa'ee umriisaaniirratti akka qoosanii fi jiruusaanii kolfaan akka dabarsan himan.

Umeno ijoollee afur, Koume ammoo ijoollee sadi qabu.

Jappaan dheerina umrii namni tokko jiraatuun addunyaarraa jalqabarra jirti.

Biyyattiin namoota umriin jaaraniif kabaja addaa kenniti.

Akka Guinness jedhutti namni umrii dheeraa addunyaa dubartii lammii Jaappaan Kane Tanaka yoo taatu waggaa 118 jiraatte.