Safaricom: Mpesa’n bittaa fi gurgurtaa salphise Itoophiyaadhaaf maal fidee dhufa?

Baatii lama booda Itoophiyaatti hojii akka jalqabu kan hime Safaariikoom sirna bittaafi gurgurtaa akkasumas qarshii moobaayiliidhaan dabarsuu ‘Mpesa’ jedhamu biyyattii keessatti akka diriirsuuf mootummaan fedhii akka qabu ibseera.

Ministir deetaa Ministeera Maallaqaa, Iyyoob Takkaalinyi eeruun miidiyaaleen biyya keessaa fi Keeniyaa akka gabaasanitti, mootummaan Itoophiyaa Safaariikoom mala qarshii walii dabarsuu ‘Mpesa’ kana biyya keessatti akka jalqabu barbaada.

Kana dura mootummaan sirna geeddaraa qarshiifi bittaa fi gurgurtaa mobaayiliin taasifamu dhaabota biyya alaaf banaa akka hin goone ibsee ture.

Amma garuu Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa sochii maallaqaa mobaayiliin taasifamu kana Safaariikoomif banaa gochuuf hojimaata seera-qabeessa tahe wixinaa akka jiru ibseera.

Gabaasoti ministira deetaa kana eeran akka jedhanitti Safaariikoom ‘Mpesa’ hojiirra oolchuuf Caamsaa dhufu eeyyama argata.

Mootummaan caal-baasii telekoomiidhaaf baaseen sirni bittaafi gurgurtaa akkasumas qarshii erguu keessa hin jiru ture.

Yeroo Safaariikoom caal-baasii kana mo’ate Itoophiyaatti kan argaman Pireezidantiin Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaattaan Itoophiyaa gabaashee ‘Mpesa’ dhaaf banaa gochuu qabdi jechuun al-kallattiin dubbatanii turan.

Mootummaan Itoophiyaa caal-baasii telekoomii marsaa lammataa yeroo hin murtoofneef dheeressus, sirna bittaafi gurgurtaa mobaayiliin adeemsifamu kana eeyyamuutu ibsame.

Safaariikoom tajaajila kana kennuuf eeyyama isa barbaachisu akka kennamuufis himameera.

‘Mpesa’n akkamiin hojjeta?

‘Mpesa’n sirna bittaa fi gurgurtaa akkasuma qarshii mobaayilaan walitti erguu dandeessisudha.

Hundeessaan hojimaata kanaa dhaabbata telekoomii Keeniyaa Safaariikoom yoo tahu, yeroo ammaa biyyoota Afrikaa gargaraa keessatti hojiirra oolaa jira.

‘Mpesa’ mobaayilii irra erga buufatani booda, qarshii keewwachuu, kaanirraa fudhachuu, kaffaltii raawwachuu, maallaqa herrega keessanirraa gara bilbila keessanitti dabarsuu, qarshii fayyadamaa ‘Mpesa’ biraatti erguu akkasumas maallaqa dhimma biraaf waliitti erguu fa’i dandeessisa.

Bara 2007 Safaariikoomiifi Vodaafooniidhaan kan jalqabe ‘Mpesa’n baankii biyyaalessaa Keeniyaatu tiksa.

Maqaan ‘Mpesa’ jedhu ‘M’ mobaayilii kan bakka bu’uu yoo ‘pesa’n immoo afaan Kiswaahiliidhaan beessee yookaan qarshii jechuudha.

Bakka buutonni Safaariikoom daddabarsa qarshii salphisan ganda gandatti argamu. Bakka buutota kanatti qarshii nootii kennuun ‘Mpesa’tti dabarfachuun ni danda’ama.

Qarshii mobaayilii keessan keessa jirus bakka buutota Safaariikoom bira dhaquun gara qarshii nootiitti geeddarachuu dandeessu.

Keessumaa Keeniyaa keessatti daldaltoota gabaa keessatti qinxaaboo gurguranirraa hanga hoteelota qananii jedhamanitti kaffaltii isaanii mala ‘Mpesa’ jedhamu kanaan raawwatu.

Biyyoota tajaajilli kuni argamutti kaffaltii bishaaniifi ibsaa otoo hin hafiin kaffaltii tajaajilaa fi oomishaa raawwachuuf kun filannoo mishaa tahe dha.

‘Mpesa’ dhaan qarshii wal-geeddaraan gaafa taasifamu ykn bakka butoota Safaariikoom irraa yeroo maallaqani yoo fudhatamu hamma qarshichaan kaffaltiin tajaajilaa ni kutama.

Biyyoota kam fa’itu Mpesa fayyadama?

Addunyaa sochii maallaqaa dijitaalaatti geeddaramaa jirutti hojimaata beekamtii argatan keessaa tokko ‘Mpesa’dha.

Bara 2010tti biyyoota guddataa jiran keessatti sirna qarshii walii dabarsuu milkaa’aa tahe jedhamuun leelliffameera.

Keeniyaarra darbee Taanzaaniyaa, Demookiraatik Rippaabliika Kongoo, Masrii, Gaanaa, Leseetoofi Mozaambiik keessatti tajaajila kennaa akka jiru marsariitiin Safaariikoom agarsiisa.

Baankota Jarman, UAE fi Chaayinaa jiranittis qarshii dabarsuun ni danda’ama.

Marsariitiin Vodaafoon akka jedhutti ‘Mpesa’n fayyadamtoota miiliyoona 50 caalan qaba.

Afrikaattis sirna daddabarsa maallaqaa isa guddaa tahuun kan himamu ‘Mpesa’n namoota herrega baankii qaban qofa osoo hin taane kanneen hin qabneefis tajaajila ni kenna.

Keessumaa iddoowwan baadiyyaa tajaajilli baankii hin qaqqabnetti, ‘Mpesa’n hojiirra ooluu danda’uun daldalaaf qofa osoo hin taane, qusannoofis karaa baneera.

Safaariikoom ‘Mpesa’n daldaltoota sadarkaa xiqqoorra jiran akka jajjabeessu ni hima.

Bilbila keessanitti qarshii guuttachuu irraa qabee tajaajiloota biroof maallaqa miiliyoonaan lakkaa’amu daddabarsa.

Qarshii qusachuufi liqeeffachuu sirna dandeessisu hoji-maata ‘M-shawaarii’ jedhamus fayyadamtootaaf diriirsee jira.

Marsariitiin Voodaafoon akka agarsiisutti ‘Mpesa’n sirnoota daddabarsa maallaqaa akka ‘Western Union’, ‘Moneygram’ WorldRemit fi kaan wajjin qindoomina uumeera.

Wagga waggaan qarshii biiliyoona 1.5 biyyoota alaarraa ka’uun ergamu ni argamsiisa.

Akka Mootummooti Gamtoomanii jedhutti wal-jijjiirraan qarshii bifa dijitaalaa yeroo qabatu namoota baayyee qaqqaba, namoota galii gadi-aanaa qabanis ni fayyada.

Mpesa fi Mbirr maaltu wal-isaan fakkeessa?’

‘M-birr’ wal-jijjiirraa qarshii mobaayilii fayyadamuudhaan raawwatudha.

‘M-birr’ fayyadamtoota gidduutti qarshii walii dabarsuu, bakka bu’oota ‘Mbirr’ irraa qarshii nootiidhaan jiru gara bibilaatti fudhachuu ykn bilbilaan qarshii baasuudhaaf fayyada.

Maallaqa bilbila fayyadamuuf oolu, kaffaltii bishaaniifi ibsaa akkasumas tajaajiloota kaan bituuf ‘M-birr’ fayyadamuun ni danda’ama.

‘Mpesa’n, M-birr fi kaan hojimaatnisaanii wal fakkaataa tahus gosa tajaajilaa fi si’aayinaan adda addadha.

Mootummaan Itoophiyaa qooda Itiyoo-telekoom dhaabota telekoomii biroof banaa yeroo godhu qabxiiwwan ka’an keessaa tokko gama kanaan dorgommiin waan jiraatuuf qulqullina tajaajilaa ni eegsisa kan jedhudha.

Tajaajila faayinaansii dijitaalatti geeddaramaa jiru saffisiisuuf dhaabota biyyoota garagaraatti muuxannoo gahaa qaban gara Itoophiyaa galchuu akka gaariitti ogeessotni qor-diinagdee ilaalan jiru.

Mpesa’n Itoophiyaa ni yaaddessaa?

Gamtaan dhaabota telekoomii kanneen akka Voodaakoom Giruup, Voodaafoon Giruup, Sumiitoom Korpooreeshinii fi Siidiisii Giruup, Safaariikoomiin hogganamuun qarhsii miiliyoona 850 dhiyeesseeti caal-baasii mo’ate.

Dhaabota mootummaadhaan hogganaman kanneen akka Itiyoo-telekoom dhaabota alaaf banaa gochuu kanneen deeggaran akkuma jiran kan mormanis hin dhiban.

Dhaabota mootummaaf qarshii guddaa argamsiisan gurgurataaf dhiyeessuun mootummaa galii dhabsiisuurra darbee dorgomtoota biyya keessaa irratti dhiibbaa fida jechuun kan morman jiru.

Dhaabota biyya alaaf seekatara hunda banaa taasisuu mannaa kanneen akka faayinaansii mootummaa jalatti tahuun akka turan gochuun foyya’aa dha jechuun ogeessonni falmanis jiru.

Dhaabonni kanneen akka Safaariikoom qarshii madaalawaa taheen miiliyoonotaaf tajaajila intarneetii kennan illee, tajaajila faayinaansii kan akka ‘Mpesa’ jalqabsiisuun garuu shakkiin akka ilaalan himu.

Itoophiyaan biyyoota telekoomii dhaabota dhuunfaaf banaa godhan keessaa warra dhumaa keessatti argamti jedhama.

Gamtaan Safaariikoomiin hogganamu, ce’umsa dijitaalaa Itoophiyaaf deeggarsa akka godhu, namoota baayyeef carraa hojii akka uumu, jireenya lammiilee haala gaarii taheen akka geeddaru yeroo hundeeffama isaa ibsee ture.

Itoophiyaan gama isheetiin dhaabota maallaqqa idila-addunyaa deeggaramuun diinagdee ishee foyyeessuuf gahee telekoom gurguruun akka keessa jiru ibsiteetti.