Shamarree gabaa bunaa Oromiyaa teeknolijiidhaan guddisuuf hojjechaa jirtu

Madda suuraa, Kumee Caalsisaa Ciibsaa
Kumee Caalchisaa Ciibsaa jedhamti. Dhalattee kan guddatte magaalaa Finfinneetti yoo ta'u, barumsaafi hojiidhaan kan dabarsite ammoo biyyoota akka UK fi Ameerikaatti.
Ogummaafi muuxaannoon ishee teeknolojii irratti ta'uu kan himtu Kumeen, waggoota afuriin dura ogummaa qabdu kanaan jijjiirama hawaasaa fiduuf gara Oromiyaatti akka deebite dubbatti.
"Addunyaa dijitaalaa kana fayyadamnee akkamitti jijjiirama dinagdeefi hawaasaatiif oolchina kan jedhu bakka hedduutti hojjedheera.
Ergan gara Itoophiyaa dhufee dhaabbata 'Afrovalley' jedhamu hundeesseen qonna teeknolojiidhaan ceesisuu irrattin hojjedha," jetti.
Bara 2018 sagantaa 'Oromia Digital Transformation' jedhuun Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin waliigaltee mallatteessuudhaan qonna teeknolojiidhaan utubuun bu'aa Oromiyaan qonnarraa argattu gara fuuladuraatti saffisiisuf hojii jalqabdee akka turtes himti.
"Naannoon Oromiyaa biyya kana keessatti qonnaadhaan carraa guddaa kan qabu waan taa'eef naannicha teeknolojii dijitaalaatiin deeggarree yoo qonna gara fuulduraatti ariifachiisne guutuu Itoophiyaa jijjiiruun ni dandahama jedheeni kanin filadhe," jetti.
Sagantaan ce'umsa dijitaalaa kun waggaa tokkoo oliif haala gaariin hojjechaa turtulleen haala waliigalaa naannicha keessa ergasii tureen gidduutti akka adda cite turuus dubbatti.
"Amma erga hojiitti deebinee ji'a sagal ta'eera. Amma kanin hojjechaa jiru adeemsa daldala omishaa dijitaalaawaa ta'e diriirsuu irratti.
Hojiin kun qonnaan bulaan osoo faddaalaan gidduu hin seenin akkamitti bittuu biyya alaa wajjin walarguu akka dandahu kan haala mijeessudha," jetti.
Sosochii 'Bunakoo'…

Madda suuraa, Kumee Caalchisaa Ciibsaa
Omishni bunaa seektaroota karaa daldala dijitaalaatiin gabaa biyya alaatti kallattiidhaan walqunnamsiisuuf irratti hojjechaa jirtu keessaati.
Oromiyaan bakka argama bunaa waan taateef jecha bunni Oromiyaa maqaafi biraandii mataasaaatiin gabaa gurgurtaa dijitaalaa akka seenuuf hojechaa jirachuus himti Kumeen.
"Jimma bakka argama bunaa taatulleen gabaa biyya alaa keessatti hamma kana beekamtii hin qabu.
Amma pirojektii keenya godina kanarraa jalqabne. Qonnaan bultoota buna omishan 500 hubannoo uumnefii jirra.
Kanneen 200 tahan ammoo karaa daldala dijitaalaa kana wajjin hojjechuuf waliigaltee mallatteesineerra," jetti.
"Rakkoon jabaan omisha bunaa irra jiru qonnaan bulaan ni omisha malee waa'ee gurgurtaa irratti gahee hin qabu. Pirojektiin keenya ammoo qonnaan bulaan omishuu qofa osoo hin taane gabaa gurgurtaa biyya alaa keessattis aangoo akka argatudha," jechuun itti dabalti.
Qonnaan bultoota Kumee wajjin yeroo ammaa hojiitti galan keessaa tokko Obbo Awol Siraaji. Isaan jiraataa godina Jimmaa aanaa Gommaati.
"Rakkoon jabaan nuti qabnu gurgurtaa irratti gatii nu miti kan murteessu. Saamuda biyya alaatti ergina jedhanii nurraa fuudhu.
Sana booda waanuma isaan jedhaniin gurgurra. Ani amma bara darbe gatii gaarii waanin hin arganneef osoo hin gurgurren hafe," jedhu.

Madda suuraa, Kumee Caalchisaa Ciibsaa
Yeroo ammaa kana Kumee wajjin waliigaltee hojii waan mallatteessaniifi bu'a qabeessa ta'uu waan amananiif gabaa dijitaalaa isheen qopheessaa jirtu kanaan gabaa alaatti ofumaan gurgurachuuf qophaa'aa jiraachuus himu.
Teeknolojii dijitaalaa Kanaan qonnaan bultoonni kallattiidhaan namoota biyya alaa isaanirra bitan waliin dubbatanii, gatii haasa'anii walirraa akka bitaniif gabaa alaa mijeessaa jiraachuu himti Kumeen.
"Addunyaan waa'ee buna keenyaa kana hubannoo gahaa hin qabani. Hojii 'Biranding' maqaa Bunakoo jedhuun beeksisaa jirra.
Amma dadammaqiinsa bal'aa uumaa jirra. Qonnaan bulaan waa'ee bunasaaa odeeffannoo qindeeffatee gabaa addunyaatti of beeksisa. Namni biyya alaarraa bitu sunis siistama nuti diriirsine kanaan kallattiidhaan qonnaan bulaa argata," jetti.
Hojmaanni haaraan teeknolojii dijitaalawaadhaan deeggaramu kuni iftoomina bitaafi gurguraa gidduu jiru kan cimsuufi qonnaan bulaan adeemsa daldalaa walxaxaa keessaa bahee ofiin gurguruudhaan bu'aa dafqa isaa akka argatuuf akka gargaarus himti.
Qonnaan bultoota amma ishee wajjin hojii jalqaban 200tti siqan kunneen wajjin yeroo ammaa karaa teeknolojiitiin odeeffannoo waljijjiiraa karaa gabaa alaatiinis dhaabbilee itti fufiinsaan bitan wajjin hariiroo uumaa jiraachuus eerti.
Gabaa dijitaalawaatiin buna biraandii mataasaa qabu gabaa alaatti kallattiidhaan gurguruun kuni godina Jimmaa irraa jalqabdulleen fuula duratti Oromiyaa bakka bunni itti omishamu hundatti bal'istee hojjechuuf akka jirtus himti.
















