Qonnaan-bulaa Bashaashaa buna gabaa alaatti erguun milkaa'an

Ahimad Abbaa Tamaam Abbaa-Fooggal

Madda suuraa, Obbo Ahimad Abbaa Tamaam Abbaa-Fooggal

Ibsa waa'ee suuraa, Ahimad Abbaa Tamaam Abbaa-Fooggal

Ahimad Abbaa -Tamaam Abbaa -Fooggal, qonnaan-bulaa Godina Jimmaa aanaa Gommaa ganda Bashaashaa yoo ta'an, buna oyirusaanii irratti oomishan biyya alaatti erguu erga jalqabanii ganna afur lakkoofsisaniiru.

Barana buna omishaniirra galii birrii miliyoona 10tti dhiyaatu argachuu BBCtti himan.

Galii gaarii argachuu qofaas osoo hin taanee, hojii cimaa buna baay'inaafi qulqullinaan gabaa biyya alaaf dhiyeessuun raawwataniif mootummaa Itoophiyaarraa baruma kanameediliyaafi waraqaa beekamtii argataniiru.

''Buna qulqullinaan dhiyeessuufi sharafa maallaqa alaa argamsiisuun Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaarraa ji'a tokkoon dura beekamtiifi badhaasa meediliyaa argadhe,'' jechuun BBC'tti himan.

Abbaa Taayitaa Bunaaf Shaayii Itoophiyaa akka jedhutti, qonnaan-bultoota 60 buna biyya alaatti ergaa jiran keessa Obbo Ahimad qonnaan-bula dursarratti eeramaniidha.

Obbo Ahimad buna omishuu kan eegalan guyyaa keessa osoo hin taanee hojii maatii isaanii irraa darbaa baratan ta'u himu.

''Akaakayyuufi abbaan koo buna dhaabu turan, hojicha isaaniirraan dhaale,'' jedhan.

Sharafa maallaqa alaa bunarraa argachuu garuu ganna muraasaan duran eegaluu dubbatu. Wayita oomisha saanii gara gbaa biyya alaatti erguu eegalanittis haalli akka yaadanitti mijatan akka hin turre yaadatu.

Obbo Ahmad bara 2019 yeroo jalqabaaf buna konterana tokko biyya Faransaayiifi Awustaaraaliyaatti erguun birri kuma 700tti akka gurguratan dubbatu.

Obbo Ahimad lafa heektara 35.7 irratti buna oomishaa kan jiratan ta'u dubbatan.

Ammaan tanas oomisha bunaasaanii kan dhaabbata biyya Faransaayii Veerko jedhamutti akka gurguratan himu.

Oriyuu bunaa kana harka caala warra isaaniirra dhaalan.

Barnoota isaanii hanga kutaa saddeeti qofatti akka baratan kan Obbo Ahimad, abbaan isaanii erga du'anii booda hojichatti cichanii hojjataa akka jiran himu.

''Abbaan keenya maasii qotaa turan bunatti jijjiirre,'' jedhu.

Buna biyya alaatti erguu osoo hin bariin dura, galiin bunarraa argatan akkuma qonnaan bultoota kaanii qubsaa akka hin turre dubbatu.

Abbaa ijoollee afurii kan ta'an Obbo Ahimad, qonnaan bultoota ganda Bashaashaa biroo waliin waldaa hundeessuun hojii buna gabaaf dhiyeessu hojjataan turan.

Osoo buna biyya alaatti erguu hin eegaliin waggoota muraasa duras dhaabbata Ameerikaa tokkorraa leenjii erga fudhataniin booda buna erguutti xiyyeeffachu dubbatu.

Buna biyya alaatti ergu wayita eegalan maamila biyya alaatti oomisha isaaniirraa bitu argachuun rakkise turuu yaadatu.

Waggoota lamaan jalqabaatti buna sadarkaa sadaffaatti gurguratan. ''Amma warri nurraa bitan gabaa waan itti argataniif gammachuun buna keenya fudhata jiru,'' jedhan.

Buna diimaa afamee

Madda suuraa, Ahimad Abbaa Tamaam Abbaa Fooggal

Bunni isaan gurguran sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa qaba. ''Bara jalqabaa beekamtii argachuuf hojjanneeti hojjataa turre, barana ammoo maamilas sirriitti argannee gurgure,'' jedhan.

'Warri bitachu dhufanis nu daawwatu, waan sirreessuu qabnus nutti himu,'' jedhan.

Obbo Ahimad dorgommi dhandhama bunaa USAID'n ji'oota muraasa dura qopheesseerratti buna kuntaala 20 dhiyeessanii birrii 300,000tti gurgurataniiru.

Amma maashina buna falfaluutti gargaaramuun buna qulqullinaan gabaaf dhiyeessaa jiru.

Jalqaba siree bunni irratti gogsamu tokkoon eegaluufi amma iddoo lamatti maashina buna falfaluu dhaabbachuu dubbatu.

Gara fuulduratti ammoo, hojiicha babal'isuun Finfinneetti mana kuusaa ijaaranii buna biyya alaatti ergachuurratti xiyyeeffatanii hojjachuu akka barbaadan dubbatu Obbo Ahimad.

'Bunaafi nagaa'

Bunni Itoophiyaa qulqullina fooyyee qabu (ispeeshalitiin) gabaa Ameerikaatti gatii fooyyeen gurgurama.

Tibbana Ameerikaa Itoophiyaa carraa daldala qaraxa irraa bilisaa (AGOA) keessaa haquuf murtee dabarsuun ishee ni yaadatama. Qonnaan bultoota murteen kun yaaddoo itti uumee keessaa tokko Obbo Ahimad ta'u himu.

Sababni isaammoo bunni ispeeshalitiin harki caalaan gabaa Ameerikaatti gurguramaa waan ta'eef.

Daarektarri Ittanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Federaalaa Obbo Shaafii Umar, ammatti bunni gabaa Ameerikaarra akka hin dhorkamne dubbatan.

Carraa daldala qaraxa irraa bilisaa - AGOA keessaa Itoophiyaan baafamuun alergii bunaarratti dhiibbaa kan qabatu yoo ta'e garuu, gabaa haaraa barbaaduun dirqamuuf akka jiran dubbatan.

''Gabaa Ameerikaa qofaa eeggachuun nurra hin jiru,'' jedhan.

Gabaa haaraa barbaaduun yoo rakkoon jiraate rakkoo uumamu dandamachuuf akka fayyadu dubbatan Obbo Shaafiin.

Bunni ispeeshalitiin harki caalaan gabaa Ameerikaatti gurgurama, kaan gara Awurooppaa, Jaappaan fi Kooriyaa Kibbaatti ergamee gurgurama.

''Ameerikaa nu fayyaduuf miti buna keenya kan nurraa bittu, maamiltoonni isaaniif waan barbaadaniifi, akka dhandhama addaatti itti gargaaramu, Istaarbas fa'aan buna keenya buna kaan waliin walitti makanii waan gurguraniif barbaadu''jedhan Obbo Shaafiin.

Bunni sadarkaa qulqullinaa gadaanaa qabu biyyoota akka Sa'ud Arabiyaa fi kaanitti ergamu.

Bunni Itoophiyaa qulqullina olaanaa fi dhandhama haawwataa waan qabuuf gabaarratti fudhatama guddaa qabaachu kaasan.

Itoophiyaatti namoota miliyoona 20- 25tu galii bunarraa argamurratti hundaa'e jiraata.

Qonnaan bultoonni miliyoona shani amma jahaa ta'an buna oomishanii gabaaf dhiyeessaniiratti jireenyi isaanii hirkateera.

Qonnaa bultoota galii bunarra argamurratti jireenyisaani hirkateef bunni waa mara kanaaf ta'u hin hafne ''bunaafi nagaa hin dhabiina'' jechuun keessummaan buna dhaabanii simatan kan nama eebbisuuf.

Oomisha bunaa gabaaf dhiyaatu keessaa harki 70 ol qonnaan bultoota Oromiyaatu dhiyeessa.

Haata'u malee, qonnaan bultoonni buna oomishanii gabaa biyya alaatti kallattiin dhiyeeffachaa jiran akka biyyattu 60 ta'uusaanii ragaan Abbaa Taayitaa Bunaaf Shaayii Itoophiyaarra argame akka argarsiisu.

Qonnaan bultoonni kaan warra buna gabaaf dhiyeessanitti gurguru, kaan isaanii gabaa biyya keessatti gurguruu, kanneen buna akaayaniifi daakanitti gurguranis jiru, kaan immoo yuuniyeeniidhaan ykn waldaaleen gurma'aanii gurguratu.

Qonnaan bultoota dhama'anii buna kunuunsanii gabaaf dhiyeessan caala garuu daldaltootatu bu'aa fooyyee itti argataa jedhame yeroo garaa garaatti himama.

Qonnaan bultoonni oomishanii biyya alaatti ergatan caalatti bu'aa akka irraa argataa jiran Daarektarri Ittanaan Abbaa Taayitaa Bunaaf Shaayii Federaalaa Obbo Shaafii Umar himaniiru.