Baqataa Oromoo Keeniyaatti poolisiin reebamaa ture, Awustiraaliyaatti poolisii badhaafamaa ta'e

Madda suuraa, Musaa Jamaal
Umriisaa waggaa saddeet gaaf ta'u jireenya baqattummaa eegale. Keeniyaatti jireenya baqattummaa hadhooftuu dabarse.
Ijoollummaatti 'mandara hannii fi yakki keessatti hammaata' jedhamu keessatti barachaa guddate.
Ijoolleen daree tokkotti inni waliiin barate kuun biraa 'ajjeefamuu' hima. Inni har'a Awustiraaliyaatti poolisii dha. Poolisii badhaafamaa dha.
Miidiyaaleen Awustiraaliyaa hedduunis waayee isaa gabaasaniiru.
Dandeettii afaan hedduu qabuun hawaasa Afrikaa Bahaatii hanga Afrikaa Giddugaleessaatti tajaajilaa nama jirudha.
Ka'umsi isaa Oromiyaa kan ta'e Poolisiin Awustiraaliyaa Konitaabil Musaa Jamaal eenyu?
Seenaa isaa BBC'f qoodeera.
Jireenya Baqattummaa (Naayiroobii)

Madda suuraa, Musaa Jamaal
Musaa Jamaal dhalootaan ijoollee Oromiyaa Bahaati. Harargee, Kombolcha bakka addaa Malkaa Raafuutti dhalate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaaf ijoollee inni waggaa saddeetii maatiin isaa gara Keeniyaa baqatan. Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa kaasee magaalaa Naayiroobiitti barate.
Gaafa Naayiroobii ture ijoollee lafaa dhufaa jiru waan tureef waan baay'ee hin yaadatu. Garuu barnoota, tapha kubbaa miilaa fi hariiroo poolisii fi hawaasa qe'ee itti baratee hin dagatu.
Naayiroobii yeroon ture nama xiqqaan ture. Mana barnootaa fi kubbaa taphachuu malee quba hin qabu. Hanga kutaa 8 achittin baradhe. Kubbaa taphachuu baay'een jaaladha jedha Musaan.
Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa xumurraan barnoota sadarkaa lammaffaaf mana barnoota sadarkaa 2ffaa Kaakameegaatti darbuu hima.
Kaakameegaan mana barnoota bultii ti. Carraa mana barnoota kanatti barachuu kan argate taphataa cimaa kubbaa miilaa waan tureef mana barnootaa kana na ergan jedha.
Naayiroobii mandara Islii karaa lamatti akka guddate dubbata.
Waldaa kubbaa miilaa dargaggootaa MYSA (Mathare Youth Sports Association) keessatti leenji'uu hima.
MYSA'n pirojektii gargaarsaa kan ispoortii fi qulqullina naannoo irratti hojjetu dha. Bara 1987 kan hundaaye projektiin kun achi keessaa taphattoonni kubbaa miilaa bebbeekamoon bahanii jiru.
Naannoon Mataaree ammas 'lafa hannaa fi yakkaan beekamuu fi poolisiin adamsu' akka ture yaadata MuUsaan.
"Ijoolleen wajjin barannu sanbattan booda mana barnootaatti yoo deebinu ijoolleen mana barnootaa hin jirtu.
Namni wal cinaa teessee waliin barattu yoo deebitu hin jiru. Maali yoo jette poolisiidhaan ajjeefameera. Poolisiin rasaasaan ajjeesa. Gochawwan yakka garaagaraatti hirmaatu waan ta'eef.
Ana kubbaatu na baase. Jiruu akkasii san takkaa itti hin dabalamne," jedha.

Madda suuraa, Musaa Jamaal
Qormaataa fi Mudannoo Naayiroobii
Muusaan mudannoo gaafa Naayiroobii ture hin daganne qaba. Tokko kan dandeettii kubbaa miilaa inni qabuun kan wal qabatu dha. Gaafa MYSA keessa ture:
"MYSA zoonii 16tu jira. Madaaree, Islii, Kaariyuubaangii, Kaayolee, Dandooraa… ijoolleen kana hundarraa walitti dhufanii taphatti. As keessaa illee tuuta umrii 12 gaii.14 gadii, 16 gadii filanii biyya alaa geessani.
Ani garee keessaa cimee yeroon carraa akkasii argadhu immoo sanadoota akka seritifikeetii guyyaa dhalootaa, Paaspoortii fidi naan jedhani. Baqataa waanin taheef ani san argachuu hin danda'u.
Qormaanni na mudate tokko kana ture. Amma fakkeenyaaf, waggaa 16, 17 gadi garee biyyaalessaafillee yoo si filan achi deemtee taphachuu hin dandeessu." jedha.
Mudannoon isaa biraa poolisoota waliin kan wal qabatu dha.
Muusaan ''afaan Iswaahilii akka gaarii waan dubbadhuuf yeroo lafaa akkuma nama biyya Keeniyaatti na beeku ture,'' jedha. Anis yoo na gaafatan Boorana jedheen himadha waan ta'eef baqataa nan hin se'an.
Garuu gaaf waraqaa gaafatamtu ni rakkatta. Poolisiin yoo si qabu faa ni rakkatta. Umriin kiyyallee xiqqaa waan tureef waraqaa eenyummaa hin qabu ture jedha.
Yeroo baqattoonni Oromoo rakkatan Poolisii waliin afaan hiikkee akka baasu hima.
Yeroo tokko poolisiin baqataa Oromoo na biraa qabee ani waamame, poolisiin akka matta'aa shilingii kuma lama (barbaadu) baqataatti akkan himuuf natti himannaan Shilingii 200 jedheen.
"Poolisiin deemitii mandaazii(daabboo zayiitaan waadame) nyaadhu jedhee na kabale" jechuun kolfaan dubbata [maallaqa tuffachuu isaati.]
Eegi sanii nama biraa itti erganii maallaqa guddaa fudhatanii gad lakkisan," jedhan.
Akkamiin poolisii ta'e?

Madda suuraa, Musaa Jamaal
Musaan qormaata heddu cehee Awustiraaliyaa gahe. Bara 2010 Awustiraaliyaa seene. Afrikaa gaaf ture poolisiin reebamaa turus Awustiraaliyaatti garuu poolisii ta'uu filate.
Afrikaa yeroo turetti poolisii fi baqataan hariiroo adurree fi hantuutaa fakkaatu qabaachuu kan yaadatu Musaa. Barnoota isaa kutaa 12ffaa Awustiraaliyaatti akka fixeen, sagantaa leenjii (traineeship) jedhamu fudhachuu hima.
"Carraa argadhee South Australia police wajjin eegale. Waggaa lama achi dalage. Waggaa sadaffaa ilaaleen yoo of duraa poolisii ta'e jedheen yaade.
Maaliifii, hawaasni baqataan biyya kanaas rakkoo qaba. Poolisiin biyya kanaas aadaa jaraa hin beekani.
Rakkina guddaan arge osoon achi keessa dalagu. Waliif hin galan. Yoon poolisii ta'e rakkoo kana nanfura jedheen hojii salphisuu danda'a jedhee itti seene.
''Waaqaaf galata ittiin milkaaye. Barnoota isaa hunda fixee 2017 eebbifame.
Akkanaan hojii poolisummaa eegale. Amma waggaa torbaaf hojjedhe," jedha.
Hojii kana eegaluu isaa booda namoonni keenya bilbilanii rakkina isaanii na himatu. isaanis nan gargaara. Kun gammaachuu guddaa naa kenna jedha konstaabil Musaaan.
"Ijoollummaatti Poolisiin ta'a jedhee hawwee hin beeku. "Poolisii yeroon ilaaluyyuu diina natti fakkata. Ammoo biyyi kunii fi sun adda waan ta'eef, ofiisaroota hedduu wajjin dalagaa jarri kun hedduu si kabajani. Sanatu na kakaase irra guddaa."
Osoo poolisa hin ta'in dura qondaala itti gaafatamaa buufata poolisii tokko faanbahojjechuun ogummaa kana akkan jaaladhu waan na godhan keessaa kan biraa ti jedha.
"Osoo poolisa hin ta'in dura supparinteendant (itti gaafatamaa buufata poolisii takkaatiin) waliin hojjechuun eegale.
Hedduu na jaalate. Inni akka malee na kabaja ture. Akkamiin inni hogganaa ta'ee ana nama gar gadii akkas na kabaje, na simate, na jaalate kan jedhutu na kakaase. Kanatu ilaalchan poolisiirratti qabu naa jijjiire. "
Akkasuu ta'ee garuu ilaalchi kaleessaa guutuutti waan keessaa hin badin poolisii ta'uu kanaan of bir'achaa turuus yaadata.
"Tarii wanni kun wayi hawaasa natti garagalchaa? jedhee sheekkotallee mariisiseen ture, "jedha.
Yaada uummataa fi hojii poolisummaa

Madda suuraa, Musaa Jamaal
Muusaan nama dandeettii afaan hedduu qabudha. Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Ingilizii, Iswaahilii, Somaalee, Arabaa beeka. Kun hawaasa Afrikaa Bahaatii hanga Afrikaa Giddugaleessaa akka tajaajilu isa dandeessiseera.
Aaddatti, afaan Iswaahilii waan beekuuf immoo hawaasa Keeniyaa, Yugaandaa, Taanzaniyaa, Ruwaandaa, Koongoo maraan tajaajila jedha.
Hawaasni keessumaa Oromoo hedduu gammmadan. Isa booda namni sadi poolisii ta'an jiru. Fuulduraaf akka dabalu abdiin qaba. Anis nan gargaara akkamiin akka seenuu danda'an.
Maatii keessa miira wal makaatu ture jedha yoo poolisii ta'u.
"Ummaan tiyya ni yaaddofte. "Amma qawwee qabattee deemtaaree jette," (kolfa). Abbaan kiyya immoo Abiyyis wattaadara keessaa bahee biyya bulchaa jira jedhee gammade."
Awustiraaliyaatti kubbaa miilaa jaalatus itti fufee liigii seenee ture. Naannoo keessayis filameen ture dargaggoota umrii 20 gadii keessatti biyya bakka bu'ee tapahchuuf hiree argatee sababa miidhamaa fi paaspoortii hin qabneef hiree sana hin fayyadamne.
Boodarrammoo hojii poolisummaa waliin ni ulfaata nan dhiise. Muusaan isa dura lammiin Itoophiyaa achitti poolisii turee fi hedduu isa gargaare jedhu saahiba Teedii Wandimmuu jedhamu qaba. Inni waggoota digdamiishan caaluf poolisa turuu hima.
"Hawaasni keenya bakka hunda jiraachuun barbaachisaadha. Hojii addaa keessa jiraachuun hawaasa keenya cimsa. Dorgomuu akka dandeenyu nu godha. Hawaasa biraatiin wal nu qixxeessa.
Yeroo hedduu hawaasa hojii garagaraa keesssatti hawaasa biraa ni agarta hawaasa Oromoo hin argitu.
Hawaasni Oromoo waan dandeettii dhabeef osoo hin taane, ofitti amanamuummaa dhabaa fi dur hiree barnootaa dhabuu fi rakkina durii hawaasa keenyarra ture santu of booda nu aanse.
Dhaloonni amma dhufaa jiru dandeettii ni qabu, carraa bakka hunda jiru seenanii yaaluun barbaaachisaa dha.
Abdii hin kutinaa, wanni hundinuu ni danda'ama sammuu teetti yoo himte."
Muusaan erguma badhaasa dargaggootaaf kennamu Multicultural Award jedhamu bulchaa Awustiraaliyaa Kibbaa Hiyuu Vaal Lii irraa fudhateera.
Badhaasni kun beekkamtii tajaajila tola ooltummaa hawaasa Afrikaa bakka jiraatutti kenneefi akka addunyaatti kenneen kennameef.












