Ho’i addunyaa dabaluun biyyoota buna oomishan geeddaruu mala

Madda suuraa, Getty Images
Biyyooti addunyaa buna, avokaadoo fi sanyi lawuzii (cashew) biqilchuuf mijatoo tahan sababa ho’a addunyaan jijjiiramuu malu jedha qorannoon haaraa.
Biyyooti baay’inaan buna biqilchan kanneen akka Biraaziil, Indooneeziyaafi Kolombiyaa bara 2050 harka 50 lafti mijataa isaanii oomisha kanaaf tahu ni hir’isa.
Iddoowwan avokaadoo fi sanyii lawuzii biqilchan ni dabalu garuu iddoo amma oomishaalen kuni irraa dhufan hin tahan.

Madda suuraa, Getty Images
Qorattoonni akka jedhanitti qonnaan bultoota jijjiirama kana akka madqsan gargaaruun barbaachisaa dha.
Bunni oomishoota akka addunyaatti barbaachisan keessaati, kunis iddoo baayyeetti dhugaatii filatamaa gatii taheef qofa osoo hin taane,jireenyi qonnaan bultoota baayyee waan irratti hundaa’uufi.
Biyyooti sooreyyii waggoota kurnan dhiyoo keessatti avokaadoofi sanyii lawuzii ‘cashew’ jedhamuuf fedhiin isaanii dabalaa dhufeera.
Jijjiiramni haala qilleensaa oomisha bunaa irratti dhiibbaa akka qabaatu ragaan jiraatus, ho’i addunyaa dabaluun kuni akkamiin avokaadoo fi ‘cashew’ irratti dhiibbaa akka geessisu odeeffannoo muraasatu jira.
Qorattoonni kunneen ho’ii addunyaa dabalaa jiraachuun akkamiin oomishoota kunneen waggoota soddoma dhufan keessatti akka miidhuu danda’u qorataniiru.
Qorattoonni kunneen yeroo jalqabaaf odeeffannoo waa’ee lafaa fi biyyoo illee qorannoo isaanii keessatti dabalaniiru.
Ho’a addunyaaf sadarkaa olaanaa kan saaxilamu buna dha.Keesumaa immoo biyyoota buna isa ‘Arabica’ jedhamu oomishan keessatti.
Gosa bunaa baayyee qabaachuufi biqilchuuf mijatoo tahuun naannolee kanaa bara 2050tti haala ‘olaanaa’ taheen hir’isa.
Iddoowwan addatti dhiibbaan irra gahummoo jiru. Ho’a isa gad-aanaa jedhamuun biyya bunaaf mijattuu jedhamtu Biraaziil keessattii lafti oomisha kanaaf mijatu %76 hir’isa, Kolombiyaatti immoo %63.
Biyyooti kanneen akka Arjantiinaa, Afrikaa Kibbaa, Chaayinaa fi Niiw Ziilaand irra mijatoo tahaa dhufu.

Madda suuraa, Getty Images
Haa tahu malee iddoowwan kuni biyyoota oomisha kanaan beekaman haala salphaa taheen bakka bu’u jechuu miti.
‘’Ergaan inni guddaa biyyoota amma oomisha kunneeniin beekamaniif dabarsinu, haala qonnaa isaanii jijjiirama jiru waliin akka madaqsan kan jedhu dha,’’ jedhu barreessaan mummee qorannichaa Romaan Giratar, Univarsity Appilaayid Saayinsii Zuuriik irraa.
‘’Iddoo buna biqilchan biroo jiru jechuun oomisha kana babal’isuun salphachuu mala garuu iddoowwan akkaan mijatoo tahan waggaa 10 keessatti argachuun danda’ama,’’ jechuu miti.
Oomisha ‘cashew’ jedhamuuf iddoowwan mijatoo tahan harka 17 ni dabalu.
Haa tahu malee,biyyoota yeroo ammaa gabaan isaanii oomisha kana irratti hundaa’uuf oduun gaarii hin jiru. Indiyaan iddoo mijataa ishee baayyee ni dhabdi. Beeniin lafa mijataa ishee walakkaa tahu ho’a isa xiqqaa jedhamuun dhabuu dandeessi.
Oomishni avokaadoo haallisaa wal-xaxaa dha, keesumaa biyyoota oomisha kanaan iddoo guddaa qabataniif jechuu dha.
Meeksikoon biyya oomisha avokaadoon kan beekamtu yoo tahu lafa mijataa qabaachuun ishee harka 80 dabala. Haa tahu malee Peeruun immoo harka walakkaa ol lafa mijataashee dhabdi.
Haalli ho’a addunyaa dabaluufi haalli roobaa jijjiiramuun iddoowwan biroo daran mijatoo taasisa, tahus yaaddoon qorattoota kanaa garuu jijjiiramni kuni bosona baayyee gara lafa qonnaatti jijjiiruu mala kan jedhu dha.
‘’Iddoowwan haaraa oomishoota kana biqilchuuf mijatoo tahanitti dhiibbaan eegumsa naannoofi mancaatii bosonaa akka hin jiraanne eeggannoo gochuun barbaachisaa dha,’’ jedhan Romaan Giruutar.
‘’Haala kanaan qooda fudhattoonnii naannoofi hawaasnis jijjiirama kana keessatti hirmaachuu qaba,’’ jedhan.















