Warri saala jijjiiratan akkamiin jaalallee argatu?

Madda suuraa, Daniella McDonald
Namni saalashee dhiira irraa gara dubartiitti jijjiirratte Daani'eellaa Makdoonaaldi jalqaba dhiirota jaalalaaf beellamuun akkuma ''agarsiisa sodaachisaa'' [horror show] tahe tokkoo ture jetti.
Ergasii nama Joosh jedhamu waliin wal baruun waggaa lamaa fi walakkaa jaalalaan waliin dabarsaniiru.
Daani'eellaan seenaa ishee kana gabaastuu dhimma koorniyaa fi eenyummaa BBC Kan taate Meegaa Mohaanitti himte.
Akeekkachiisa: Gabaasni kun jechoota tarii safuu cabsan fakkaatan of keessaa qaba.

Maatiinkoo naannoo Haroo Maamoot, kan gaarreen Kaalifooniyaa Seeraa Neevaadaatti argamutti bashannana irra turan.
Bakkichi bakka hawwata turizimii guddaadha. Gaareen, haroo garreen gidduu, samii qulqulluu fi qilleensa bashannanaaf ooluun beekama.
Asittidha Joos kan natti seeqe. Maatiinkoo ala bahuun bashannanuu jaalatu. Waan inni godhes kan baay'ee nama hawwatu ture. Kan ammaa garuu miira addaa nama maatiikee waliin wal sii gitu argachuun sitti dhagahamudha.
Jireenya koo keessatti namoota lama callisanii wal bira dhaabbatan ilaaleen, miirri nagaa guddaan natti dhagahame.
Waan kun uumama jedhee yeroo ani hin yaadne tureera.
Joosh dura nama jaalalaaf beellamuun waan nama sodaachisu ture. Akkuma hiriyyootakoo anis appilikeeshinii jaalallee ittiin barbaaddatan fayyadamaa ture.
Jaalala keessatti waanti ani barbaadu xiqqoo ishee kan jabaatudha. Ani nama waliin ciree nyaadhu, yeroo barnootaa fayyaa dheeraa yuunvarsiitii Kaalifoorniyaay, Saan Diyeegoo keessatti nama na cina dhaabbatu barbaada.
Onlaayinii yeroon waa'eekoo barreesuusu karaa sadarkaa isaa eeggateen ture. Jechoota lamaan jalqabaan ala. ''Nama saala jijjiirratte.''
Waa'ee koorniyaakoo nama hin dhoksu. Durumayyuu of ibsun beekama. Qaaman kanan jijjiiramuu jalqabe umuriin koo ganna 26 erga taheeti. Sana dura Daani'eellaa taheeman jiraachaa ture.

Madda suuraa, Daniella McDonald
Akka dubartiitti yeroon jiraadhu waa'ee namoota saala jijjiirattanii ilaalchisee falmiif miidiyaatti hin bahu.
Hiriyyoota koo saala jijjiirratan fi ani shaaworii yookaan kutaa dhiqannaa kam fayyadamna, qooqa akkamii fayyadamnu, jechuun yeroo dheeraa mariyanna:
Waanuma namootni baay'een odeessan maroyanna. Hariiroo jaalalaa. Akka dubartiitti dhiira akkamiitu dubartii barbaada? Ani dhiira dubartii barbaadu waliin tahuun filadha.'aan guuteera.
Garuu amala dhiirota aappii irrra jiran tokko tokkoof qophii miti. Ergaawwan gabaabaan na gahan irra caalaan isaanii namatti hin tolan. ''Ati dhiiradha'' kan jedhan fa'aan guuteera.
Kaan ammoo si ajjeesna jedhanii akkamitti akka na ajjeesan waliin naaf barreessuun na sodaachisu.
Waan rakkoo guddaa ture fedhii dhiirota dubartoota saala jijjiirataniiti. Akka nama yaaliin wayii irratti hojjetamuutti waan na ilaalaniif daangaa wal kabajuu sana darbanii argamu.
Haasaan keenya gara jalqabaa gaaffiiwwan waa'ee qaama saalakoo fa'aa fi saala akkamii akkan qabaachaa ture fa'aa irratti xiyyeeffatu.
Dhiirotni gaariin na waliin tahanii garuu ammas yeroo jaalalaa waliin dabarsuuf rakkoo tahanis jiru.
Namootni gaarii tahanii fi na kabajan dhuunfaatti na waliin dabarsan ammoo uummata keessatti dubartoota akka keenyaa waliin argamuu hin barbaadan.
Isaan kunneen maatii isaanii ykn hiriyoota isaanii waliin wal na hin barsiisan. Kaan ammoo dhaabbatni isaan qacare yoo kana tahuukoo bare hojiirra na ari'a jechuun sodaatu.
Anaaf garuu sodaama keessa isaanii natti fakkaata. Akka dubartiitti ofuma isaanii iyyuu na hin ilaalle. Namootnis akka gay, ykn jaalattoota saala wal fakkaataa tahuu isaanii himu hin barbaadan.
Muuxannoo akkasii keessa darbuun anaaf baay'ee ulfaataa ture.
Guyyaa tokko fiilmii ilaalla jechuun namni tokko na fudhatee deeme. Tikkeettii nuuf bite, ''anis Wow, namni kun addadha, haala gaarii irra jirra jedheen yaade.
Sana booda mana siniimaa gallee akkuma fiilmiin ilaalamuu jalqabeen booda, natti garagalee ''waan kana godha jedhee hin yaadu'' jechuun natti dubbatee ka'ee deeme.
Maaliif akkas taha jedhee isa duukaa buunaanis gatii tikkeetii isaa deebisatee achumatti na dhiisee deeme.
Baay'een miidhame. Rakkoon tokko ammoo narra jira jedhee yaadaan ture. Wanti namni narratti hin jaalanne jechuudha.

Ilaalcha jijjiiruu
Maakii Gingoyon Filiippiinsi keessa jiraatti. Appilikeeshinii jaalallee ittiin barbaaddatan 'My Transgeneder' jedhamu jaalallee ishee Siriyaal Maazur waliin gaggeesiti.
Yeroo appilikeeshiniin kun bara 2013 eegalu namootni miliyoona 1.3 tahan odeeffannoo dhuunfaa isaanii galchuun akkaawuntii banatan jette.
Haa tahu malee namoota dhibbaan lakkaa'aamantu yeroo yerootti fayyadama. Waggoota saddet booda namootni haalaan fayyadaman guyyaatti gara 120,000tti guddatan.
Akkasuma lakkoofsi namoota saala hin jijjiiranne garuu namoota saala jijjiiratan barbaadanis akkasuma dabale. Suuraa isaaniis sodaa malee qooduu jalqaban.
''Aappii kana bara 2013 kan qopheesineef namootni saala jijjiirattanii fi hin jijjiiranne jaalaaf wal barbaadan haala naga qabeessa taheen wal baruun jaalalaan akka waliin jiraataniif jenneeti,'' jette Maakiin.
''Namootni saala jijjiirrratan qofaatti bakka nagaa fi onlaayinii ammoo haalatti namoota waliin tahan barbaadu. Garuu as keessas haalotni ittoi miidhaman jiru.Haa tahun malee haalotni jijjiiramaa jiru. Ofitti amanee kaniin dubbachuu dandahu lakkoofsi anmoota akkasii haalaan dabalaa jiru.''
Egaa anis Joosh argadhe.
Karaa aappii kanaa ergaa gabaabaa naa barreesse. Umuriidhaan ammoo wagga shan natu isa caala. Humna waraanaa Ameerikaa keessa tajaajila.
Maatii Filipinoo Ameerikaa jaalalaan beekaman keessaa dhufe. Waa'ee koo hundaas isaanitti hime.
Joosh nama saala jijjiirate waliin tauun isaan rifaasisuus yeroo hundumaa gaarummaa natti agarsiisu. Namni ani firoota isaa keessaa argadhe obboleettii Jooshidha.
Yeroo anaaf ishee wal barsiise fuula isaa irraa gammachuun ifa ture. Ji'a booda ammoo maatii isaa hundaan wal bare. Jalqaba gaafan ol galu akaakkayyuun isaa Joosh,''isheenoo bareedduusha,'' jedhan.
Yeroo tokko Joosh akkamiin maoota kaan irraa karaa adda taheen akka na jaalaten gaafadhe, Hiriyoota isaa keessa namootni akkasii akka turanii fi akka beeku nati hime. Namoota saala hin jijjiiranne kaan waliin jaalala dabarsuufi namoota akka koo waliin dabarsuu gidduu garaagarummana akka hin jirre natti hime.
Amma waggaa lamaafi walakka ataheera. Ammas jaalalaan waliin jiraanna.

Madda suuraa, Daniella McDonald
Gufuu guddaan amma nu gidduu jiru sababa hojiif adda baanee ooluu qofa. Joosh ji'ootaaf humna waraanaa US keessa shaakala irratti dabarsa.
Ani ammoo barnoota medikaa ykn fayyaa guyyaatti sa'a 12 barachuun dabarsa.
Kaayyoo biraas garuu nan qaba. Hiriyaakoo akkuma koo saala jijjiiratee fi Narsii tahe waliin aappii jaalalleewan saala jijjiirattanii fi kan hin jijjiiratiin garuu fedha qaba irratti wal argan banuu barbaadna.
Dubartoota irra birqamaan miidhaan saalaa waan qaqqabuuf sana hanbisuuf hojjechuu barbaanna.
Namni kamiyyuu mirga jiraachuu fi jaalachuu qaba. Akkuma uummatni namoota akkasii baay'ee argaa dhufeen ilaalchi isaanii jijjiiramuun jaalala akka koo fi Joosh akka mul'atu abdiin qaba.
















