Firaansitti dubartoonni saala jijjiirratan raagbii akka taphatan heeyyamameef

Madda suuraa, Getty Images
Firaansitti dubartoonni saala geeddaratan bara dhufurraa eegalee dorgommii raagbii akka taphataniif, Federeshiniin Raagbii Firaans sagalee guutuun murtee dabarse.
Kunis qajeelfama qaamni idiladdunyaa dorgommicha hoogganu 'World Rugby' baase mormuuni.
Dhaabbatichi Onkololeessa keessa akka jedhetti ''dubartoonni saala geeddaratan (transgender) raagbii humna cimaan taphatamu akka taphatan hin gorsinu,'' jedhee ture.
Bitootessa dabre ammoo Waldaan Raagbii Ingilaand, dubartoonni tiraanisjandar tahan muraasni, taphicha hirmaachuun dura, ni sakatta'amu jechuun karoora wixinee baasee ture.
Federeshiniin Raagbii Firaans (FFR) waan jedhe: dubartoonni tiraanisjandar dhiirarraa dubartiitti jijjiirratan, yaalii hormoonii yoo xiqqaate ji'oota 12f taasisuusaanii mirkaneessu yoo tahe taphachuu danda'u jedheera.
Kana malees hangi testostiroonii isaanii litira tokko keessatti nanamoles shanii gadi tahuu mirkaneessuu qabu jedha.
Qajeelfama FFR ammaa kanaan, namoonni yaaliin saala jijjiirrataniifi galmeesaanii irrattis saala geeddaruu mirkaneessan, liigii saala itti geeddaratanitti taphachuu danda'u jedha.
''Raagbiin tapha nama hunda hammatudha, ispoortii waliin qooddannudha. Saala, eenyummaa, fi amantaan kan qoodu miti,'' jedhan pireezidantii ittaanaan FFR, Serge Simon.
''FFR loogii gosa kamiyyuu ni balaaleeffata. Namuu raagbii keessatti danqaa tokko malee hirmaachuu akka danda'u guyyuu ni hojjeta.''
2020 keessa 'World Rugby'n dubartoonni tiraansjandar ta'an dorgommii sadarkaa olaanaafi idiladdunyaa dubartootaarratti dorgomuu hinqaban jechuun, addunyaarraa federeshinii ispoortii isa jalqabaa tahe.
Kana dura, qaamni ispoorticha hoogganu kun qajeelfama Koree Olimpikii Idiladdunyaa, dubartoonni tiraansjandar ta'an, hamma testostiroonii qaamasaanii keessa jiru ji'oota 12f gadi hir'isuu qabu kan jedhu hordofa ture.
Haa tahu malee, 'World Rugby'n waldaaleen biyyaleessaa qajeelfama kana akkuma isaanii tolutti hojiirraa oolchuu danda'u jechuun heeyyamee ture.
Kanaanis FFR biyya Firaansitti dubartoonni saala geeddaratan dorgommii piroofeshinaalaa irratti hirmaachuu danda'u jechuun fedreshinii heyyame isa jalqabaa ta'eera.

















