Muddama Raashiiyaa-Yukireen: Raayyaan ittisa UK Yukireen ittisuuf waraanan erga jedhe

Biriteen erga Raashiyaan loltoota ishee gara kuma 100 ta'an daangaa Yukireen irra qubachiifteen booda Yukireen akka ittiin of ittistuuf jecha miisaa'eloota farra taankii fageenya gabaabaa dhiyeessaafi jiraachuu, Ministirri Raayyaa Ittisaa biyyattii beeksise.

Been Waalas miseensota mana mareetti akka himaniitti loltoonni Biriteen muraasnis Yukireeniif leenjii kennuuf gara sanatti ni ergamu.

Itti dabaluunis loltoonni Raashiyaa akka weeraruu danda'an ''sababii seera qabeessaafi yaaddoo dhugaatu'' jira jedhan.

Haata'u malee, Raashiyaan karoora weerara homaa akka hinqabne himuun biyyoota Lixaa himataa jirti.

Loltoonni Biritiish bara 2015 irraa kaasee humnoota waraanaa Yukireen leenjisuuf biyyattiitti argamu.

UK'n weerara Raashiyaa bara 2014 hordofuun humna galaanaa Yukireen deebistee ijaaruun gargaaruuf waadaa galtee jirti.

Haata'u malee, Waalaas ''gama amala doorsiisoo Raashiyaa dabalaa dhufeetiin'' wal qabatee UK nageenyaan gargaaruuf deeggarsa addaa akka kennituuf himan.

Haaluma kanaanis marsaan jalqabaa meeshaalee waraanaa salphaan guyyaa Wiixataa kan ergame yoo ta'u, addatti waa'ee gosa meeshaalee kanneenii gadii fageenyaan waan himame hin jiru.

''Yukireen daangaa ishee ittifachuun baayyee sirriidha. Deeggarsi haaraan kunis dandeettii ishee ni cimsa'' jedhan wayita mana mareetti himaniitti.

"Mee ifan taasisa: Deeggarsi kun kan fageenya gabaabaati. Innis meeshaa waraanaa ittisuuf dandeettii qabudha. Dhiibbaan inni Raashiyaa irraan gahu homtuu hin jiru, kan hojiirra ooluus ittiin of ittisuuf qofaaf,'' jedhan.

Akkasumas Raashiyaan yoo tarkaanfii ''diigumsaa kamuu'' Yukireen keessatti raawwatte ''qoqqobbiin idil-addunyaa irra kaa'amuuf'' jira jedhan.

Weerarri kamuu akka ''garboomsuu'' kan gara ''gama maraanuu badiinsa lubbuu hedduutti geessuutti'' kan ilaalamu ta'a, Ministirri Raayyaa Ittisaa UK.

''Nuti akkuma waggoota dhibbaaf waliin ture ummata Raashiyaa waliin michuu ta'u barbaadna. Addunyaa nuti itti Raashiyaa waliin walitti dhufeenya bu'aa qabeessaa itti ijaarachu dandeenyus jira'' jedhan.

''Ani ammalleen dippilomaasiin olaantummaa akka qabaatuun abdadha. Garuu filannoo dippilomaasii fi marii filachuu ykn waraanaafi bu'aasaa filachuu kan pirezidaantii Puutiini.''

Ambaasaadarri Yukireen kan UK murtee Biritish meeshaa waraanaa fi waraana dabalataa erguuf taasifteetti gammaduun, rakkoo guddaan miseensa Nato ta'u dhabu akka ta'ee BBC'tti himan.

''Miseensa Nato ta'u barbaadna... Awurooppaa keessatti waraana isa cimaa qofaa keenya loluuf jirra,'' jedhan Vadym Prystaiko.