Raashiyaan Yukureen weeraruuf yaada akka hinqabne UStti himte

Qondaaltoonni Ameerikaafii Raashiyaa marii sadarkaa olaanaa gaggeessuuf erga Jeeneeviitti walgahiin booda Raashiyaan Yukureeniin weeraruuf yaada akka hinqabne Ameerikaatti himun dhagahame.

Walgahii sa'aatii torbaaf qondaaltoota biyyoota lamaanii jidduutti Wiixata kaleessaa gaggeeffameen booda, biyyoonni lamaanuu muddama naannichatti mul'atu xiqqeessuuf yaalii taasiisan akka itti fufuan waliigalan.

Haata'u malee mariichaan booda jijjiramni qabatamaan jiraachusaatiif mallattoon mul'ate omtu hin jiru.

Loltoonni Raashiyaa gara kuma 100tti siqan dhiheenya daangaa Yukureenitti akka argaman amanama. Kunis Raashiyaan Yukureen weeraruu dandeessi jechuun biyyoonni lixaa akeekkachisa akka kennan taasise.

Ameerikaan Raashiyaan Yukureeniin kan weerartu yoo ta'e qoqqobbaan jiraachu akka malu ibsaa turte.

Raashiyaan gamasheetiin walitti bu'iinsa biyyattiin biyyoota lixaa waliin taasiftu keessa Ameerikaan kan seentu yoo ta'e ''balaasaa salphisuun kan hin ilaallee'' ta'u akeekkachiifte turte.

Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sargeey Riiyaabikoov walgahichaan booda ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, ''Yukureeniin haleeluuf karooraafi kaayyoo omaatu akka hin qabne waahillan keenyatti himeera'' jedhan.

Qondaaltonni Raashiiyaa gitawwan isaanii Ameerikaatiin ''biyyisaanii leenjii loltummaa kan taasiftu daangaa ishee keessatti'' kan jedhan yoo ta'u, ''kanaafuu yaaddoon haala atattamaa ni uuma jedhamu akka hin jirre'' dubbatan.

Ittaantuun Ministira Haajaa Alaa Ameerikaa Weendii Shirmaan marichi yaaddoo nageenyaa gama lamaanii irratti hubannoon fooyya'e akka jiraatuuf jajjabeessuuf kan gaggeeffamee fi marii ''ifaafi kallattii'' ture jette jirti.

Dippilomaatonni Ameerikaafi Raashiyaa dhimma Yukureen irratti fuldura mari'achuuf yoo waliin taa'an kun kan jalqabaa yoo ta'u, Raashiyaanis Naton baha Awurooppaa keessaa akka bahuuf gaaffattee jirti.

Mariin kun jajjabeessaadha jedhamus, garaa garummaan biyyoota lamaan jidduu jiru garuu olaanaadha. Ameerikaan Raashiyaan loltoota ishee daangaa Yukureen irraa kaasuun muddamicha akka hir'iftuuf gaafattee jirti, garuu sun ta'usaatti waadaan galame omtu hin turre.

Dhimmoota muraasa irratti waliigalteerra kan gahame yoo ta'u, gareen lamaanu yaaddoosaanii kaasuun yoo xinnaate gara fuula duraatti mariin akka itti fufuuf fedhiin jiraachu himaniiru.

Raashiyaan Nato'n Yukureeniif miseensummaa akka hinkenninee wabii amnsiisaa akka kennuuf gaaffate. US garuu battalumatti fudhachu didde.

US biyyoonni lamaanuu leenjii loltummaa fi bobbaa miisaa'eelaa akka murteessaniif yaada kan kennite yoo ta'u garuu kun Raashiyaaf gahaa akka ta'ee wanti barame hin jiru.