Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoogganoonni biyyoota Lixaa muddamni Raashiyaan fi Yukireen akka qabbanaa'u gaafatan
US fi michootni ishee kan Awurooppaa muddamni Yukireen waliin jiru akkaan hammaatee gara weeraraatti akka hin galle Mooskoo akeekkachiisan.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Ministira Muummee UK Booris Joonsen fi hooggantoota biyyoota Firaans, Jarmanii fi Xaaliyaan waliin mariyachuun weeraramuu Yukireen hambisuuf ''mala harka isaanii jiru hunda'' fayyadamuurratti waliigalaniiru.
Baayidan Kibxatahar'aa gita isaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbila viidiyoon ni mariyatu jedhameera.
Raashiyaan daangaa Yukireen waliin qabdurratti loltootashee akkaan qopheessaa jiraachuun weerarri dhalachuu akka malu sodaa uumeera.
Warri Lixaa yaaddoo qabaataniis Mooskoon garuu karoora Yukireeniin haleeluu hin qabu jechuun warri Lixaa dubbii kakaasaa jiruu jechuun himatti.
Akka Waayit Haawus jedhutti biyyootni Lixaa koonfiransii Wiixata galgala gaggeessaniin sochii waraanaa Raashiyaan yaaddoo waloo qabaachuu ibsaniiru. `
Walabummaa dachii Yukireen eegsisuuf deeggarsa gochuufis hooggantootni biyyoota Lixaa shan waliigalaniiru.
Raashiyaan weerara yoo raawwatte diinagdee biyyattiirratti dhiibbaa guddaa gochuuf tarsiimoo waloo qopheessuus Waayit Haawus beeksiseera.
Akka miidiyaaleen US jedhanitti tarkaanfiiwwan fudhatamuu mala keessaa baankiiwwan Raashiyaa sirna kanfaltii idila addunyaa akka hin fayyadamne danquu kan argamu yeroo ta'u waraanni US kallattiin hirmaachisuurratti yaadni hin jiru.
Dubbii himaan Isteet Dippaartimant US Need Piraayis deebiin Waashingitan tarkaanfii Mooskoorratti hundaa'a jedhaniiru.
''Raashiyaan muddama hanqisuu yoo hin filanne, yoo karoora Yukireen weeraruuf qabatteen itti fufte, walabummaa Yukireen yoo mulqite...nuufi michoonni keenya tarkaanfii fudhachuuf ni qophoofna, murannoon tarkaanfii fudhachuuf ni qophoofna'' jedhan.
Ammaan tana loltootni Raashiyaa kumootaan lakkaawwaman dhiyeenya daangaa Yukireenitti bobbaafamanii aragamu.
Bakki sochiin waraanaa Raashiyaa kun itti jabaate bakka Raashiyaan bara 2014 Yukireen irraa fudhatte Kireemiyaatti.
Aanga'oonni Yukireen Moskoon dhuma Amajjiitti haleellaa waraanaa raawwachuuf qophoofteetti jechuun himatu.
Raashiyaan gama isheen olala warra Lixaatu muddama hammeessaa jiraa jetti.
Pirees Sekireetariin pireezidant Putiin Dimeetirii Peeskoov pireezidantiin Raashiyaa ''xiyyeeffannoo guddoon'' karoora Baayidan Yukireen irratti dhiyeessan dhaggeefatuu jedhaniiru.
Daandiin muddama hanqisuuf jiru tokko Kiyeev waldhibdee naannoo Donbas jiru humnaan furuuf yaada jiru jijjiiruurratti hundaa'a jedhaniiru.