Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Yukireen wajjin waraanatti seenaa jiruu fi gaaffilee kaan
- Barreessaa, Loorans Piitar
- Gahee, BBC News
Agarsiisa sodaachisaa moo qophii waraanaa? Erga walakkaa baatii Bitootessaa Yukireeniifi mootummoonni biyyoota Lixaa, Raashiyaan naannoo Crimea fi zoonii lolaa baha Yukireenitti waraana walitti qabuushee akeekkachiisaa jiru.
Raashiyaan maal yaadaa akka jirtu beekuun hedduu ulfaataa tahus, kanneen armaan gadii waa'ee dhimma kanaa hubannoo isinii kenna.
Raashiyaan Yukireen weeraruuf qophaa'aa jirtii?
Maddeen garagaraa akka gabaasanitti waraanni Raashiyaa gara daangaa baha Yukireen fi Kiraayimeyaatti socho'aa jira. Kiraayimeyaan lafa Raashiyaan Bitootessa 2014tti Yukireenirraa humnaan fudhattedha.
Gabaasaaleen kunniin irra jireessi Twitter gubbaa bahaniiru - fakkeenyaaf xiinxalaan Jane's intelligence, waa'ee misaayelota fageenya gabaabaa Iskander maxxanseera.
Kireemlin kanneen hirmaatan qaamota kam akka tahan hin himne. Dubbi himaan Pireezidant Vilaadmir Puutiin kan tahan Dmitry Peskov akka jedhanitti, waraanni biyyattii keessatti sosocho'u ''dhimma keessooti'' jechuun eenyuyyuu kanatti dhimmamuu hinqabu jedhan.
Kanneen Kiraayimeyaa keessa jiran dabalatee loltoonni muraasni, shaakala gochaa jiru. Garuu Aabba Peskov, Yukireen ''nu tuttuqaa jirti'' jedhan.
Maddeen basaasaa Yukireen keessaa BBCtti akka himanitti, waraanni dabalataa achi jiran baataaliyoonii 16 akka tahan himuun, kunis loltoota 14,000 gahu. Akka mootummaan Yukireen jedhutti ammoo, Raashiyaan gama bahaan loltoota 40,000, akkasumas Kiraayimiyaa keessa ammoo haga 40,000 qabdi.
Kanaaf humni kun humna weeraraatii? Tahuu mala, garuu xiinxaltoonni akka jedhanitti weerara guddaa tahuu hin danda'u.
Keessa lixuu yookiin dhokannaan seenuun mala Raashiyaan ittiin beekamtudha. Humni addaa Raashiyaa mallattoo hinqabneefi maqaa masoo "little green men" jedhamuun beekaman, 2014tti Kiraayimiyaa fudhatan.
Yukireen, Nato fi mootummoonni biyyoota Lixaa, Raashiyaan baha Yukireenitti iddoo finciltootaan qabame keessallee garee dhaabbataafi meeshaalee waraanaa ciccimoo qabdi jedhu. Kiremlin himannaa kana kan haalu oggaa tahu, loltoonni achi jiran hunduu ''tola olltotadha'' jedha.
Raashiyaafi Yukireen maaliif wal waraanu?
1991tti kufaatii Komunizimii booda, waraanni Raashiyaa lola biyyoota Gamtaa Soviyeetii duraanii garagaraa gidduu seeneera, Keessaafuu Cheechiniyaafi biyyoota 'Caucasus' jedhaman gidduu.
Ebla 2014tti erga Raashiyaan Kiraayimiyaa ofitti dabalte booda, finciltoonni Raashiyaa deeggaran baha Yukireenitti kan argaman naannolee Donetsk fi Luhansk jedhaman gara caalu to'atan.
Isaan dura ji'ootaaf hiriirri biyyoota Lixaa deeggaru (pro-Western) magaalaa guddittii Kiyeevitti gaggeeffame hordofee, pireezidantiin biyyattii Raashiyaatti hidhata qabu Viktor Yanukovych aangoorara bu'aniiru.
Naannoon lolaa Donbas jedhamuun beekamu kanatti jiraattota Afaan Raashiyaa dubbatantu itti hedduummaata. Jiraattonni hedduunis paaspoortii Raashiyaa qabu. Puutiin lammiileen Raashiyaa biyya biraa jiran yoo balaarra jiru jedhamee amanamee, nagaeenya isaanii eegsisna jedhaniiru.
Raashiyaafi Yukireen diinummaan kan wal ilaalan oggaa tahu, waraanni ifatti labsame garuu hinjiru. Darbee darbee Donbas'tti lolli ni dhalata.
Raashiyaan humna addaa GRU jedhaman, haleellaa saayibarii akkasumas pirooppaagaandaa fayyadamti waraana ho'aas hin taane, qabbanaa'aas hin taane gaggeessiti.
2014tti waraanatu ture, 2015tti garuu ni dhaabbate. Lola kanaan lubbuun 13,000 ol darbeera.
Yukireen akka jettutti Donbaasitti barana qofa loltoonnishee 26 du'aniiru. Guutuu bara 2020tti walbira yoo qabu lakkoofsa guddaadha - bara dabre keessa loltoota 56tu lubbuu dhabe. Finciltoonnis gamasaaniin namoonni 20 ol du'uu himaniiru.
Raashiyaan maaliif irra deebiin Yukireen sossodaachiisti?
Xiinxaltoonni Raashiyaa-Yukireen, Pavel Felgengauer fi James Sherr dabalatee kaani, muddama kana waan hammeessu akkasiin himu.
Guraandhala keessa Pireezidantiin Yukireen Volodymyr Zelensky abbaa qabeenyaa cimaa Yukireeniifi michuu Pireezidant Puutiin kan tahe Viktor Medvedchuk jedhamurratti qoqqoobii kaa'an. Kana malees biyyattiin buufataalee TV Raashiyaaf deeggarsa agarsiisan sadii uggurte.
Waliigalteen nagaa Minsk 2015tti mallattaa'e agrri caalu hojiirra oolaa hinjiru. Fakkeenyaaf, naannoolee finciltoonni to'atanitti filannoo qaama walabaan gaggeeffamaniif qophiin godhame hinjiru.
Lola amma duraan Raashiyaan bakka loltootashee ''nagaa eegsisuuf'' jecha ergite keessaa otoo hinbahin achuma turaniiru.
Fakkeenyaaf Moldova fi Ossetia Kibbaatti. Akka James Sherr jedhutti, haalli kun Yukireenitti raawwachuu mala. Kunis dhimmichi gara Raashiyaatti akka goru gargaara.
Akka kaan jedhanitti ammoo, Aabba Puutiin Pireezidant Joo Baayidan qoruuf kana godha jedhu. Baayidan akka Tiraamp osoo hin taane, Raashiyaarra ilaalcha cimaa qabu.
Putiin Fulbaana keessa filannoon waan isaan eeggata. Deeggarsi morkataa isaanii hidhaa jiru Alexei Navalny'f uummanni qabu ittuma fufeera. Tarii Kireemlin lammiilee Raashiyaa Yukireen keessa jiran ''baraaruuf'' yaaliin godhu filattoota hedduu gammachiisuu mala. Yoo Kireemlin dhimma Yukireen wajjin jirurratti olaantummaa fudhatti taanaan, deeggarsi Navalny daran gadi bu'a?
Nato'n Yukireeniif eegumsa taasisaa?
Yukireen miseensa Nato ykn North Atlantic Treaty Organization waan taaneefuu, waliigalteen miti kan eegumsi godhamuuf.
Tahus waliigalteen biyyootaa kun Yukireen wajjin hidhata dhiyoo qaba. Kanaanis biyyattiif misaayelonni farra-taankii Javelin jedhaman Ameerikaarraa kennameeraaf. Kanaaf Raashiyaan wayita Yukireen tuttuqxu biyyoonni Lixaa Yukireeniif deeggarsi waraanaa akka dhufu beekti.
Prezidant Zelensky'n Nato'n miseensummaa Yukireen akka ariifachiisuuf wawwaachaa jiru. Garuu seera dhaabbata waliigalatee biyyoota lixaa 30 tahan ofkeessaa qabu kanaaf, lolli amma Yukireen itti jirtu miseensummaatti dabaluuf rakkisaa taasiseera.