Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaafi Raashiyaan Addeessarratti buufata hawaa ijaaruuf waliigalan
Ejensiin Qorannoo Hawaa Raashiyaa akka ibsetti, Bulchiinsa Qorannoo Hawaaa Biyyaalessaa Chaayinaa wajjin waliigalteen buufata qorannoo dirra Addeessaafi Orbitirratti ykn iddoo lachuutti ijaaruuf karoorsan.
Ejeensiin Qorannoo Hawaa biyyoota lamaanii akka himanitti, biyyootni biroos buufatalee qorannoo ijaaramuuf jiran kanatti gargaaramuu ni danda’u.
Raashiyaan ganna 60ffaa xiyyaara samii dhala namaa qabate yeroo jalqabaaf gara hawaatti ergite kabajuuf wayita qophirraa jirtutti oduun kun dhaga’ame.
Buufanni qorannoo saayiinsiif dirra Addeessaarratti ijaaramu kun aburraafi itti fayyadama Addeessaa dabalatee, qorannoo saayinsaawaa bal’aa gaggeessuuf akka oolu Ejensiin Qorannoo Hawaa biyyoota lamaanii ibsaniiru.
Ibsi Afaan Madariiniin bahe, ’’Chaayinaafi Raashiyaan muuxannoo saayiinsii hawaarratti kuufatanitti gargaaramanii, meeshaalee qorannoo hojjachuufi teeknoloojii qorannoo hawaatti qindoominaan wajjin fayyadamuun wixinee ijaarsa Buufata Qorannoo Hawaa Idil- Addunyaa waloo ni hojjatu,’’ jedha.
Ibsichi akka jedhutti, biyyoonni lamaanuu buufata qorannoo kana karoorsuu, wixinessuufi hojiitti hojjachuurratti waltumsu.
Sagantaa Qorannoo Hawaa Chaayinaa kan xiinxalu ogeessi Chin Laan jedhamu AFPtti akka himetti, pirojeektii ‘’barbaadamudha’’.
Tumsa pirojeektii qorannoo hawaa sadarkaa idil-addunyaa isa guddaa ta’e jechuun ibse xiinxalaan kun.
Chaayinaan qoodni aburraa hawaarratti qabdu kan biyyoota kaan wajjin wal biroo wayita madaalamu dhiyootti kan dagaage yoo ta’u, xiyyaarri hawaa ‘Chang'e-5’ jedhamtu biyyattiin gara Addeessatti ergite dhagaa fi biyyoo Addessarra funaanuun Mudde darbe gara dacheetti deebiteetti.
Xiyyaarri Hawaa kun milka’inaan ergama ishee xumuruun Chaayinaan dandeettiin qorannoo hawaa keessatti qabdu dabalaa dhufu mul’ise.
Qorannoo hawaa jalqaba kan bu’uuressite Raashiyaan waggoota dhiyoon asitti dursummaan qabdu Ameerikaa fi Chaayinaan irraa fudhatameera.
Bara darbe Ispees X rokkeetti furguggisuutti milkaa’uun, Raashiyaan kanaan dura qorattoota hawaa gara Buufata Qorannoo Hawaa gessuu addatti dhuunfataa kan turte dhabiisisuun ni yaadama.
Ameerikaan bara 2024tti dhala namaa ji’arra deebistee akka qubsiiftu beeksiteetti.
Sagantaa Artimis jedhamu kanaan dhiira fi dubartii dirra Addeessaarra qubsiisuuf karoorfameera