Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubaayiitti poolisiin dubartoota qullaa suuraa ka'an to'ate
Dubaay keessatti gareen dubartoota alatti qullaa suura ka’aa turan 'safuufi duudhaa hawaasaa cabsan' jechuun poolisii himataman.
Viidiyoon Sanbata miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaan dubartoonni Yuukreen qullaa suuraa tariirratti ka’aa yoo jiran, argisiisa.
Wajiiri Yuukreen akka BBCtti himeetti, dubartootii lammii Yuukreen 11, namoota qaban kan keessa jiru. Miidiyaaleen Raashiyaa, dubartiin Raashiyaa tokko keessa jiraachuu himan.
Gocha akkanaaf, hidhaa ji’a ja’aafi adabbii Dirham 5,000 ($1159) itti murteeffamuu danda’a.
Seerawwan biyyoota Arabaa hedduun, seera Shariyaa hordofu waan ta'eef namoonni iddoo namoonni itti baayʼatanitti jaalala wal-argisiisuufi namoonni hariiroo saala walfakkaatuun qabu duraan hidhamuun beekama.
Dubartooti qullaa suuraa aanaa Mariinaa Dubaayiitti ka'an tun, kudhani lama ga’uu ibsan. Wajiirri Yuukreen kan Dubaay jiru, Kibxata dhimma dubartoota tanaa ilaalaa jedha.
Gabaasa duraan miidiyaan Raashiyaa dubartoota Raashiyaa 8 qabanii jedhuu didanii, garuu ejjensiin oduu Riya jedhamu, aanga’oota waabbefachuun, namni Raashiyaa kan qabame, nama sagantaa sana qindeesse.
Hidhaa hanga ji’a 18tti itti murtaa'uuf deema
Poolisoonni Dubaay namoonni fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasaniifi fakkiwwan amala hawaasa miidhuu maxxansan, hidhaafi adabbi akka itti murtaa’u akeekkachiise ture.
“Amalli akkanaa kan fudhatamaa hin qamneefi kan safuu hawaasaa Emireetiin walsimuu miti,” jedha ibsi poolisii.
Namni kammiyuu yeroo garas imalu, aadaafi seera biyya Dubaayiitti jirachuu qaba, seerri tuuristiif addatti hin jiru.
Oduun tuuristii osoo boqonna irra jiranii Dubaayiitti qabaman kun hedduu ifaatti ba'ee beekame.
Bara 2017 keessa dubartiin lammii Biriitish tokkoo, namicha itti hin heerumunitti saalqunnamtii raawwachuuf hidhaan waggaa tokkoo itti murtaa’ee ture. Akka hariiroon isaanii beekameen, namichi erga doorsisaa itti erge jennaan isheen aanga’ootaatti himatte.