Namtichi seera covid ittisuuf bahe cabsuun poolisiin sochii qaamaatiin adabe lubbuun darbe

Lammiin Filippiins seera Covid-19 ittisuuf bahe cabsuu isaatiif adabuudhaaf jecha poolisiin sochii qaamaa hojjachisee lubbunsaa darbe.

Daaran Maanaagoo Peenaaredondoo erga sa'aatii 12 ta'een booda bishaan dhugaatii suuqiidhaa bitachuuf akkuma manaa baheen poolisiin to'annoo jala oolche.

Poolisiin to'ate kunis akka adabbiitti sochii qaamaa taa'uufi ka'uu akka hojjatuu taasisee ture.

Jiraataa bulchiinsa Kaavaayit kan ture namni kun garuu sochii qaamaa sanaan booda du'uusaatu dhagahame.

Bulchiinsa Kaavaayit kan odola Luzaniitti argamu kana keessatti dhorkaan sochii labsamee ture.

Ajajaan poolisii magaalattii Maarloo Sooleeroo garuu poolisoonni adabbii humnaa akka raawwataniif itti hin himne jedhaniiru.

Namoonni dhorkaa sa'aatii sochii kaa'ame cabsan gorsi erga kennameefiin booda gara manasaaniitti kan deeman jedhan itti-gaafatamaan kun.

Dhugaa poolisichi sochii qaamaa jedhame kana raawwachiseera taanaan itti gaafatamas jedhan.

Fira nama du'ee kan ta'e Adiriiyaan Liyseenaa waa'ee du'a nama kana fuula feesbuukii isaa irrratti ifa taasise. Akka jedheettis, firasaa kana dabalatee namoota sa'aatii kaa'ameen booda alatti argaman walitti qabuun sochii qaamaa ka'uufi taa'uu si'a 100 hojjachiisaa ture.

Sochii kanaanis namni tokko yoo dogongore, irra deebiin akka hojjatu taasifama. Kaaanis namoonni to'annoo jala oolfaman kunneen kaa'uufi taa'uu yeroo 300 akka hojjatan taasifamu.

Mr Peenaaredondoon guyyaa Kamisaa galgala erga to'annoo jala oolfamamuun sochii qaamaa hojjachiifamaniin booda gara manaatti deebi'uun dhukkubsatanii Jimaata boqataniiru.

Jalqaba baatii Ebla kanattis dhaabbanni mirga namoomaa Humaan Raayits Waach, adabbiiwwaniifi dararaan namootaa cimaan weerara Covidn wal qabatee Filippiins keessatti hojiirra oolfamaa jiru dhaabbachu qaba jedheera.

Gama biraatiin ammoo pirezidaantiin biyyattii Rodiriigoo Gutereteen Kamisa TV irratti dhiyaachuun, ''namoota seera dhorkaa sa'aatii cabsitan of eeggadhaa, daandiirratti yoo argamtan isin na hin taasiisiin,'' jechuun poolisiin ajaja cimaa dabarsanii ture.