Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olompikii Tookiyoo: Kooriyaan Kaabaa sodaa Covid-19'n dorgommiirraa hafuufi
Kooriyaan Kaabaa atileetota Covid-19 irraa eeguuf jecha Olompikii Tookiyoo barana Jaappaanitti dorgomamurratti akka hin hirmaanne beeksifte.
Taphoota Olompikii baranaa irratti hin hirmaattu jechuun hawwii Kooriyaan Kibbaa taphicha bu'uura godhachuun hariiroo biyyoota lamaanii fooyyessuuf yaadde akka gufatu taasiseera.
Bara 2018 biyyoonni lamaan garee waloo qopheessaniiti ture Olompikii gannaarratti kan hirmaatan.
Piyongiyaang namni vaayirasichaan qabame hin jiru jetti, ekispartoonni garuu ija shakkiin ilaalu.
Murteen Kooriyaa Kaabaa biyya jalqabaa Olompikii 2020 sababa vaayirasichaan danqamee tureefi barana gaggeeffamurraa hafte taasisa. Olompikiin Tookiyoon qopheessitu Adoolessa 23 eegala.
Hawwii gufate
Murteen kooriyaa Kaabaa erga koreen Olompikii gaafa Bitootessa 25 walgahee booda murtaa'e jedhe miidiyaan biyyatti waa'ee ispoortii gabaasu DPRK.
Waggaa darbe vaayirasichi biyyoota addunyaatti faca'uu erga eegale booda Kooriyaan Kaabaa daangaa ishee cufte. Lammiilee biyya alaa dhibbaan lakkaa'amanis akka isaan adda of baasan taasiste.
Erga waggaa darbe baaburri gara Kooriyaa Kaabaa seenus ta'e bahun dhorkameera. Balaliin xiyyaaraa idil - addunyaa gara caalullee dhaabateera.
Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Moon - Ja'e- in Olompikiin baranaa hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf gargaara jedhanii abdatanii turani.
Bara 2018 Olomikii gannaa Kooriyaa Kibbaatti qophaa'e ture irratti Kooriyaan Kaabaa atileetota 22, qondaaltota mootummaa, gaazexeessitoota akkasumas deeggartoota 230 ergitee turte.
Kanneen garee sana keessa turan keessaa obboleettiin bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Yo-jong tokkodha. Kunis, biyyattiin hariiroo dippilomasii Kooriyaa Kibbaafi US waliin akka eegaltu taasiseera.
Ergasii mariiwwan seena qabeessa hedduu kan Pirezidantii duraanii US Donaald Tiraamp fi hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim - Kong- un dabalatee hirmaachise taasifamaniiru.
Mariiwwan kanneen booda hariiroon fooyya'a jedhamee abdatamee ture. Ta'us wanti qabatamaa hin mul'anne. Inumaa ergasii duubatti deebi'e.
Biyyoonni Kooriyaa lamaan erga lola bara 1953 dhaabani as waliigaltee nagaa mallatteessan hin qabani.