Waraana Kaaba Itoophiyaa: Godina bulchiinsa saba Oromoo to'annoo finciltootaan booda

Naannoo Amaaraatti godinni Bulchiinsa Saba Oromoo wayita to'annoo humnootii TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo-WBO jala turetti miidhaa cimaa keessummeessuu anga'aan godinichaa BBC'tti himan.

Gama kaaniin godinichi to'annoo finciltootaa jalaa erga bahee booda tarkaanfii humnooti mootummaa fudhataniin namoonni nagaa hedduun ajjeefamuu jiraattonni ni himu.

Lola Mudde 3 fi 4 bara 2021 godhameen humnooti mootummaa magaalaa guddittii godinichaa Kamisee dabalatee magaalota kaan to'annoo finciltootaa jalaa baasuu danda'aniiru.

Torbanoota itti aanan tarkaanfii humnooti mootummaa fudhataniin magaalota godinichaa akka Daawwaa Caffaa, Caffaa Roobiit fi kaan keessatti namootni 40 ol ajjeefamuu jiraattonni BBCn dubbise ni himu. Namootni kun gariin mana hidhaatii baafamanii kan ajjeefaman ta'uus himu.

Suuraalee fi viidiyoowwan namoota ajjeefamanii bo'oo bishaanii keessatti gataman mul'isus marsaalee hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa ture.

BBC'n dhugummaa suuraalee fi viidiyoowwan marsaalee hawaasaa irratti qoodamanii mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Haata'u malee jiraataan Kamisee BBC'n dubbise kan nageenyaa isaaf jechaa maqaan akka hin dhahamne gaafate, "hidhattoota Shanee fi TPLF sooraa turte, 'tokkosaa' turte, hariiroo hidhattoota Shanee waliin qabda jechuun ajjeechaa fi hidhaan raawwatamu heddummateera," jedha.

Wiixata Mudde 20, 2021 magaalaa Kamiseetti qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota lama karaatti baasanii ajjeesuu ijaan arguu hima jiraataan kun.

"Guyyaadha, naannoo sa'aatii sagalii ni ta'a. Namoota uffata aadaa hawaasni naannoo uffatu Dalboo (shirrixii) uffatan qaamoleen nageenyaa karaatti baasan, lamaanuu eenyummaa isaanii hin beeku, meeshaa waraanaa homaa harka hin qaban," jechuun hima.

Erga marfata (addabaabahii) irraan gahaniin booda hawaasaaf akka barnoota ta'uufi jechuun magaalaa walakkaatti rasaasaa kallattiin itti dhukaasanii ajjeesan jedha.

Namoonni sun hidhattoota Shanee jedhamanii shakkamuun to'atamanii mana hidhaa kan turan ta'uu fi mana hidhaatii baasanii magaalaa walakkaatti ajjeesuu akka hin oolle shakkii qabus hima jiraataan kun.

Namootni hedduun hidhamuurraa kan ka'e manneen hidhaa guutanii namoonni galma walgahii keessatti hidhamaa akka jiranis hima.

Humnoonni mootummaa godinicha finciltoota jalaa baasuu hordofee bulchaa godinichaa ta'uun kan muudaman Obbo Ahimad Alii ajjeechaa raawwatame jedhame irratti odeeffannoo bal'aa akka hin qabne himanii, haata'u malee namoota badii raawwatan irratti "tarkaanfiin fudhatamaa ture" jedhan.

"Humni tarkaanfiin irratti fudhatamu humna badii kana keessa qabatamaan keessa jiran ta'uu odeeffannoo nan qaba," jedhan Obbo Ahimad.

Namootni badii raawwachuun shakkaman to'annaa jala oolaa jiraachuu kan himan aanga'aan kun, namootni nagaa ajjeefamuu "ragaa hin qabu nan qulqulleeffadha" jedhan.

"Aanaan hin miidhamne hin jiru"

Turtii baatii tokkoo finciltoonni godinicha to'atanii turan keessatti namootni manni fi qabeenyi jalaa gubachuu, haleellaan saalaa raawwatamuu akkasumas dhaabbileen mootummaa fi misoomawwan bu'uuraa irratti badiin guddaan raawwachuu himu Obbo Ahimad.

"Aanaan hin miidhamne hin jiru. Gandoota 130 qabnu keessaa 86 miidhaan irra gahee jira," jedhan.

"Manneen barnootaa hedduun isaanii miidhamanii jiru. Dhaabbileen fayyaafi waajjiraaleen mootummaas kaan saamamanii kaansaanii tajaajila akka hin laanne haala itti godhametu jira," jedhan bulchaan godinichaa Obbo Ahimad.

"Keessumattuu invastimantiin naannoo Waladdiirraa qabnu haala guutummaan guututti jedhamuun kaan gubatee kaan manca'ee jira," jechuun himan.

Mancaatii qaqqabes koree sadarkaa godinaafi aanaatti hundaa'een qoratamaa jiraachuufi yeroo dhiyootti kan beeksifamu ta'uu BBCti himaniiru.

Ummata miidhame baraaruufis gargaarsi namoomaa taasifamaa jiraachuu Obbo Ahimad Alii ni himu.

"Haalli nageenyaa tasgabbaa'aa jira"

Yeroo ammaattis mootummaan godinicha deebisee dhaabuuf tumsuun cinatti humnootii isaan 'Shanee' jedhaniin godinicha keessaa "qulqulleessuuf" hojjetaa akka jiru Obbo Ahimad dubbatan.

Gareen hidhattootaa mootummaan 'Shanee' jechuun waamuu fi shororkeessummaan labsame WBO yeroo ammaatti aanaalee baadiyyaa godinichaa hunda keessatti sochii taasisaa jira jedhan.

Aanaaleen akka Jiillee Dhummuugaa, Arxummaa Fursii, Dawwee Haarawaa, Baatee akkasumas magaalota keessatti garee kanarratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu Obbo Ahimad Alii dubbatan.

"Humni Shanee bu'uuraan rukutamee jira. Garuu hafteen isaa waan jiruuf ummatni bal'aan caasaa nageenyaa akka milishaa, poolisii, Raayyaa Ittisaa fi humna federaalaa waliin ta'uun kan bakkaa bakkatti hafe gara seeratti dhiyeessaa jiru" jedhan.

"Yeroo gabaabaa keessatti goolabnee humna guutuun gara hojii idilee keenyatti ni deebina kan jedhudha," jedhan.

Haala nageenyaa yeroo ammaatti godinicha keessa jiru yeroo himanis, "haalli nageenyaa tasgabbaa'aa jira. Ummata waliinis marii bal'aa taasisaa jirra," jedhan.

''Mariin kun baay'ee nu fayyadaa kan jiruufi fuulduratti maal irratti xiyyeeffannee hojjechuu akka qabnu kan nutti agarsiisudha.''

Ammatti dhaabbileen mootummaa harki caalmaan hojiitti deebi'uu kan himan Obbo Ahimad, "dhaabbilee fayyaa… tokkoo lamaan alatti hedduun isaanii tajaajila kennaa jiru. Manneen barnootaas banamaa jiru; waajjiraaleen mootummaa hundi sadarkaa godinaatti hojii eegalaniiru," jedhan.