Jiraattonni Waldiyaa to'annoo TPLF jala wayita turan waan argan maal himu?

Magaalaan Godina Walloo Kaabaa taatee Waldiyaa yeroo TPLF jala galte baatii Hagayyaa kaasee deeggarsa omaa akka hin arganne jiraattonni BBC'tti himan.

Tajaajilli bilbilaafi intarneetii waan adda citeef, dhaabbileen fayyaa fi daldalaa hojii waan dhaabaniif jiraattonni maal keessa akka turan hin beekamu ture.

Kanaan kan ka'ee maatiiwwan rakkoo cimaa attamii keessaa akka turan beekamaadha.

Jireenyi magaalattii maal fakkaata ture?

Magaalaan Waldiyaa erga finciltoota TPLF jala galtee booda hidhattoota malee jiraattoonni baayyinaan socho'aa hin turre.

Tajaajilli komunikeeshinii waan adda citeef nageenya firaas ta'e waa'ee kaanii dhagahaa hin turre.

Saamichaafi mancaatiin qabeenyaa dhuunfaa fi mootummaa guyyaa guyyaan kan raawwatamu ta'u jiraattonni ni himu.

''Birri shanuu hin dhiisan. Bilbila waan fudhataniif qabatanii hin socho'an ture namoonni. Waan nama arrabsaniifu namoonni manaa hin bahan ture,'' jedhu jiraataan Nuuruuhuseen Ahimad.

Eddoo Piyaasaa jedhamurratti namoonni tokkofi lamaa ni argamu ture. Tajaajilli baankii waan hinturreef maallaqa argachuu baattulleen, hawaasni kan qabu walitti buusuun nyaachaafi dhugaa ture.

Hojii mukaa hojjataa kan ture Nuuruuhuseen galii hojiisaa irraa argatuun maatiisaa gargaaraa akka ture hima. Innis qaama miidhamaa yoo ta'an, haatiisaa sukkaara dhukkubsataa turan.

Qoricha waliif kennuu

Haatiisaanii qoricha fudhataa turan dhabuun akka rakkatan himu. ''Haatii keenya ijaa waaqaatiif lubbuun turan,'' jedha Nuruuhuseen.

Booda keessa garuu namoonni dhukkuba walfakkaataa qabaniifi qoricha baatii baayyeef bitatanii qaban kennuuf jalqabu hima.

Jiraataan magaalattii biroon Obbo Isheetuu Asaffaa gama isaanitiin dhukkubsataan sukkaaraa qofaasaa jiraataa ture tokko du'ee guyyoota lamaan booda akka argame dubbatu.

''Bilbilli waan hinturreefu namoota waammachuu hin dandeenye ture. Kansaa waanan beekuuf malee kaanis qoricha dhabuun kan du'an jiraachu danda'u,'' jedha.

Baatii Fulbaanaa keessa BBC dubbisee kan ture Ittigaafatamtuun qajeelcha fayyaa Godina fayyaa Walloo Kaabaa Aaddee Salaamaawiiti Ayaaleewu Waldiyaa dabalatee godinichatti dhukkubsattoonni sukaaraa kuma 18 fi fayyadamtoonni qoricha HIV/ADIS kuma 20 ol akkasumas wallaanamtoonni TB 1145 jiraachu ibsanii turan.

Hir'ina qorichaafi nyaataatiin alattis dhiibbaan xin-sammuu ture salphaa akka hinturre dubbata Nuuruuhuseen. ''Kan hanga har'a nu tursiisees waliif yaaduu ummataati,'' jedha.

Hojii konkolaachisummaa kan hojjatu Isheetuun buddeena waliin qooduun hanga har'aa gahu dubbata.

''Ana dabalatee namoonni baayyee waan baatii lama caalu mana keessaa hin qabaatu,'' kan jedhu Isheetuun, finciltoonni TPLF shaqata galu dhorkaa waan turaniif yeroo cimaa dabarsu hima.

Shaqannii argamus gatiin baayyee dabalu dubbatu jiraatoonni. Fakkeenyaaf soogiiddi kiiloo tokkoo bara nagaa birrii 15- 20 ture gara 150 gahu dubbatu.

Akkasumas zayitiin nyaataa leetiriin birrii 350, shiroon birri 150, xaafiin ammoo birrii kuma 7 ol galee akka ture himu.

Gatiin nyaataa dabalusaatiin alatti ibsaan waan hinturreef, haalli midhaan argame itti daakamuufi itti bilcheefamu rakkiisaa akka ture kaasu.

Kaan harkaan daakuu kan eegalan yoo ta'u, booda keessa abbaan amantaa Abuna Erimiyaas jedhaman humnootii TPLF gaafachuun jenereetaroota baankii mana baabuuraatti kennan jedha.

Ta'us gatii boba'aa jarkaana tokkoo birri kuma torba galee waan tureef baaburatti miidhaan daaksiisuun hin yaadamu ture.

Kanaafuu namoonni baayyee nyaata guyyaa harkaan daakuun qopheeffataa akka ture himu.

Bishaan magaalattiis adda citee waan tureef tibba roobaatti burqituuwwaniifi bishaan roobaa walitti qabuun fayyadamaa akka rutan Obbo Isheetuun ni dubbatu.

Erga roobni darbee ammoo bishaan lagaa barbaacha fageenya dheeraa akka imalaa turan himu Obbo Isheetuun.

Gaarreen kurtaa fi Haaraa

Gaarreen Kurtaa fi Haaraa eddoowwan jiraattonni Waldiyaa gammachuufi gaddasaa itti dhageessifatudha.

Jiraattoonni magaalichaa firootasaanii addaan citaniin lubbuun jiraachu bilbilaan kan itti himu gaaraa sana ol bahuun. Tajaajilli bilbilaa waan adda citeefu sarara sana argatanii bilbilachuun baayyee rakkisaa ture.

Darbee darbee ammoo firatti bilbilachuuf achi wayita deemamutti, 'eenyuuf odeeffannoo kennitee?' jedhamuun gaafatamuufi rakkoof saaxilamuun akka ture jiraattoonni ni himu.

Yeroo baayyee haadhooliifi kanneen umuuriin jaaraan hin xuqaman waan jedhamuuf isaan deemaa akka turan Obbo Isheetuun kan himan.

Darbaa darbees dargaggoonni baajaajiin deemanii bilbilanii deebii'anis turan jedha.

Ta'us achi deemuuf boba'aan mii'aa waan ta'eef hanga birrii 1500 kanfaluu dirqama jedha.

Kanaafuu kan humna qabaatee deemee bilbile hundaaf ergaa dabarsee deebii'a ture jedhu.

Maddi odeeffanno biraa ammoo raadiyoo ture jedhu.

Oolmaa Qulqullicha Abuna Erimiyaas

Nuruhuseen amantaansaa Islaamaa yoo ta'u oolmaa phaaphaasiin Kaaba Walloo Bitsu'i Abuna Erimiyaa oolaniif hin dagadhu jedha.

''Isaan jiraachusaanii dargaggoofi jiraattoota Waldiyaatiif lubbuu ta'e,'' jedha.

Abbaan amantaa kunis yeroo rakkoo sanatti waa hedduu raawwatan. ''Deeggarsa isaanitiin har'a geenye, umuriisaanii nuuf haa dheereessu'' jedha Nuruhuuseen.

Akkuma magaalattiin to'annoo finciltootaa jala galteen abbaan amantaa kuni koree nagaa abbootiin amantaa Islaamaafi jaarsooliin biyyaa keessa jiran hundeessan jedha.

Koreen kunis masijiidootaafi batasikaanoota garaa garaa keessaatti namoota bakka buusuun wantuma qabanii namoota harka qalleeyyiif deeggarsi akka taasifamu hojjataa turan jedha.

Deeggarsi kunis waan manaa qabanii kaasuun hanga abbootii qabeenyaa kakaasuun maallaqa qaban haala liiqaatiinis ta'e kennaan akka kennan gochuutiin birrii miiliyoonaan lakkaa'amu walitti qabuun qooduusaaani hima.

Maallaqa waliitti qabameen isa dabalatee namoota hedduuf kuma tokko tokkoon kennamu hima Obbo Isheetuun.

Haala sanaan hunda gargaaruun waan dadhabameef booda ammoo qonnaan bulaa naannoo magaalichaatti argamu irraa miidhaan gaafachuu hiraa akka turan dubbata.

''Garaa garummaa mantaafi sabaa waan hinturreef kun ummata caalaa waliitti siqsee ture'' jedhu.

Kana malees hidhattoonni yoo mana dhuunfaa saaman ''dhiisaa'' jechuu harkaa buusaa turan jedha jiraataan kun. Hidhattoonniis abbaa amantaa kana kabajaa akka turanis ni himu.

Abuna Erimiyaas konkolaataan jalaa kan fudhatame ta'ulleen osoo lubbusaaniif hin sodaatiin kanneen gargaarsi barbaachisuuf deeggarsa barbaadaa ture.

Gama biraatiin ammoo deeggarsa hawaasni wallaansa akka argatu taasisuu ilaalchise Sistar Tasfaanesh akkas jedhu. ''Kan isaanii madaallii hin qabu. Osoo isaan hin jiraane Walidiyaan ni miidahmti turte. Isaan jiraachun balaa baayyee irraa nu oolcheera,'' jedhan.

Sistar Tasfaanesh namoota tibba baatiiwwan shaniif magaalattiin harka finciltootaa turteetti uummata gargaaraa turan keessaa nama ijoo tokko turan.

Sistar Tasfaaneshe Barhuun haadha ijoollee sadii yoo ta'an, namoota hedduu gargaaruun beekamu.

Kilinikii dhuunfaa kan qaban yoo ta'u, ofiinuu kaleesaanii wallaanamanii gara magaalatiitti akkuma deebii'aniin ture magaalattiin kan TPLFn to'atamte.

Sistar Tasfaanesh waggaa 30n har'aas wayita TPLF Waldiyaa seenetti ogummaadhuma wallaansaa sana irra akka turan dubbatu. Ogummaasaaniitiin kan danda'an tajaajiluuf jecha achuma turuuf akka murteessan dubbatu.

Intalasaanii kutaa 12 barattuu tokkoof baayyee waan yaadda'aa turanif, ''kutaa tokkootti itti cufuun hojjaachaan ture'' jedhan. Dhaabbanni daldalaa ilimiisaanii keessa hojjatu saamamuufi manca'u himu.

Turtii sana keessatti haadhoolii wallaansaa, kaan deesiisaa fi kan du'an qopheessaa akka turan himu.

Dhaabbilee fayyaa dabalatee dhaabbileen dhuunfaafi mootummaa hedduun saamamuusaanii kan himan Sistar Tasfaanesh, dursanii meeshaalee wallaansaa muraasa waan dhoksaniif namoota muraasa wallaanuu akka danda'an himu.

Oggeessaa laaboraatorii tokkoofi narsoota sadii kana qaban yoo ta'u wayita barbaachisutti manaa waamuun waliin haadholiifi daa'imaanii wallaanaa akka turan himu.

''Alkan janareetara kaasuu hin dandeenyu, guyyaa qofaa hojjanna, uffata dambii wallaansaas hin uffannu ture,'' jedhu haala ture yoo ibsan.

Ta'us wallaansa baqaqsanii yaaluu kennuu waan hindandeenyeef, daa'imman afur ukkamfamuun du'usaanii dubbatu.

Kana malees haatii baadiiyaa Qaasiim jedhamuu deessee torbanii booda isaan bira dhufte tokkoos sababii obaasiin hafeen wal qabatee lubbuunshee darbu gaddaan yaadatu.

Kanas ta'ee haala hamaa sana keessatti haadhoolii heddu gargaaru danda'usaaniitti akka gammadan dubbatu.

Walidiyaan amma maaliirra jirti?

Torban darbe keessa baatiiwwan afuriin booda erga humnootiin TPLF bahaniin booda waraanni motummaa wayita magaalaa galuutti ummanni daandiitti bahuun simannaa yoo taasisuu mul'atee ture.

Mudannoon dhimma bilisummaa jedhamuuf akkan eddoo kennuuf na taasisee kana ture jedha Nuruhuseen.

''Baanee gammachuun kofallee bilisummaan baanee gallee'' jechuun miira ture yaadata.

Tajaajilli ibsaabiifi bishaanii hanga BBC Amaariiffi jiraattoota kanneen itti dubbiseetti Muddee 15, 2014tti hin eegallee ture. Kana malees dhaabbanni deeggarsaa idil-addunyaa magaalattii seenee akka hinturree himu jiraattoonni.

''Ammas namoonni rakkoorra jiru. Baankiin saamameera. isaan deebiisaniin eegalchiisuuf hojii baayyee gaafata. Waa hedduun saamameera,'' jechuun dhaabbiilee hedduu irratti badiin qaqabu hima Obbo Isheetuun.

Namoonni du'a jiraachuun dhagahamaa kan jiruufi kaan ammoo buqqa'anii ykn eessa buteen isaanii kan hin baramne jiraachus ni hima.

Sistar tasfaanash gama isaanitiin, hanga ammaatti dhaabbilee fayyaa dhunfaas ta'e kan motummaa irra caalaan hojii akka hin eegaliin himuun, isaan garuu hojjiisaanii hojjataa jiraachu dubbatu.

''Haadhooliin yeroo rakkinaa sanatti isaan deesiisee amma daa'imsaanii qabatanii dhufuun natti agarsiisaa jiru. Maatii hedduu horadheera,'' jedhan.