Waraana Kaaba Itoophiyaa: Naannoon Amaaraa garee miidhaa TPLF qaqqabsiise qoratu bobbaasuu beeksise

Naannoon Amaaraa iddoowwan finciltoota TPLF’n qabamanii turanitti miidhaa namaafi qabeenya irra gahe garee qoratu bobbaase.

Itti-gaafatamaan waajira Plilaaniifi Misoomaa naannicha dhimma kana qoratu, Obbo Annimuut Ballaxaa, waajiraalee naannichaa keessaa qofa garee ogeessota 120 ol qabu akka bobbaase BBCtti himaniiru.

Qorannoon kun kan adeemsifamu humnoonni nageenyaa mootummaa iddoo garee finciltootaa TPLF jalaa baase, Kaaba Shawaa, Kibba Walloo, Kaaba Walloo, Bulchiinsa Saba Oromoo, godinoota Kaaba Goondarfi Kibba Gondar fi magaalota lama dha jedhan.

‘’Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa iddoowwan finciltoota TPLF’n qabamanii turanitti miidhaa namaafi qabeenyarra gahe isa sirrii karaa saayinsawaa taheen qorachuu dha,’’ jedhan Obbo Annimuut.

Qorannichi deebisanii ijaaruuf, odeeffannoo amanamaafi qabatamaa tahe qindeessuun hawaasa idila-addunyaaf beeksisuu, akkasumas isa balleessee itti gaafatamaa taasisuufi oola jechuun ibsaniiru.

Waraanni bara darbe Naannoo Tigraayi’tti jalqabe gara Naannolee Amaaraafi Affaaritti babal’atee humnoonni TPLF iddoowwan Amaaraa baayyee to’atanii turaniiru.

Finciltootni kunneen gara Kaaba Shawaa babal’achuun gara Finfinnee siiquu kan yaalan yoo tahu, Ministira mummee Abiy Ahimad waraanicha hogganuuf gara adda waraanaa duuluu isaanii hordofee yeroo gabaabaa keessatti magaalotni kunneen to’annoo humnoota mootummaa jala galaniiru.

Magaalaan Waldiyaa baatii afurii oliif harka finciltootaa kan turte yoo tahu amma humnoota mootummaan to’atamteetti. Godinni Kaaba Walloo mootummaan qabamuun torbee darbe ture kan ibsame.

Naaannolee humnoonni TPLF to’atanii turanitti namoota, dhaabota fayyaa, manneetii barnootaa, yunivarsiitiiwwan, buufata xiyyaaraa, muuziyeemii fi hambaalee seenaa fi dhaabota mootummaa biroo irrattillee miidhaa qaqqabsiisuun isaanii gabaafameera.

Obbo Annimuut akka himanitti, miidhaa naannichatti qaqqabe gareen qo’atu fayyaa,qonna, barnoota dabalatee waajiraalee 16, yunivarsiitiiwwan 10 akkasumas Ejansii Istaastiksii Federaalaa kan hirmaachise dha jedhu.

Ejansichi garee qorannoo kanaatti kan dabalame miidhaa manaa manatti jiru qo’achuuf yoo tahu, ogeessonni magaaloota balleessaan hamaa irra keessa akka bobbaasan itti gaafatamaan kuni dubbataniiru.

Kanaaf immoo hojjettoonni ejansichaa 200 tahan garee qorannoo keessatti akka hammataman dubbataniiru.

Ogeessonni yunivarsiitiiwwan kudhan irraa walitti babbahanis garee kanatti dabalamaniiru.

Kanaanis, ogeessonni Baahirdaarii fi Dabirataaboor Kibba Goondaritti, ogeessonni Yunivarsiitii Dabaarqii fi Gondar immoo Waaghimaaraafi Kaaba Goondaritti, kan Yunivarsiitii Walloo immoo Kibba Walloo, Dasee fi Kombolchaa akkasumas Yunivarsiitii Dabirabirahaan irraa warri dhufan immoo Kaaba Shawaafi Bulchiinsa Saba Oromootti akka ramadaman Obbo Annimuut himaniiru.

Gareen qorannoo kuni kallattiiwwan waraanni itti adeemsifame jahatti bobba’uun kan hojjetu yoo tahu gareen tokko ogeessota 16 of keessatti qabata.

Gareen tokko of keessatti ogeessota afura miidhaa namoomaa, diinagdee, bu’uuraalee misoomaa fi yunivarsiitiiwwan irra gahe qo’atu qaba.

Baatii tokko dura waajirri Pilaaniifi Misoomaa Naannoo Amaaraa humnoota TPLF’n iddoowwan qabamanii turanitti miidhaan olaanaa tahe akka qaqqabe BBCtti himee ture.

Itti gaafatamaan waajira kanaa Obbo Annimuut akka jedhanitti godinaaleen shanan Kaaba Walloo, Kibba Gondar, Kaaba Goondar, Waaghimraa fi aanaalee 45 Kibba Walloo keessa jira keessatti qabeenyi biiliyoona 280tti tilmaamamu hatameera ykn barbadaa’eera.

Keesumaa miidhaan damee qonnaa irratti qaqqabe olaanaa tahe akka tahes himaniiru.

Oduu biroo kana waliin deeman: