Lammiileen Itoophiyaa fi Eertiraa mootummaa Itoophiyaa deeggaran Naayiroobiitti hiriira bahan

Lammileen Itoophiyaa fi Eertiraa Keeniyaa jiraatan hiriira mormii giddu-seentummaa biyyoota Lixaa balaaleffatu mooraa Imbaasii Itoophiyaa Naayiroobiitti argamutti bahan.

Hiriira mormii kanarratti miseensota hawaasa Itoophiyaa fi Eertiraa, akkasumas Waldaa Michummaa Itiyoo-Keeniyaa jedhamutu waliin qopheesse.

Waraana Itoophiyaatti itti fufee jiru hordofuun biyyoonni Lixaa dhimma keessoo Itoophiyaa "gidduu seenan" jechuudhaan giddu seentummaan akka hafu kanneen hiriira bahan gaafataniiru.

Hiriirri walfakkaataan kutaalee addunyaa gara garaa keessatti amma dura gaggeefamaa ture.

Mootummaan Itoophiyaa fi deeggartoonni isaa Ameerikaa dabalatee biyyoonni Lixaa finciltoota Tigraay deeggaru jechuun komachaa turan. Dhimmi waraana Tigraay dhimma keessoo biyyattiiti jechuunis jiddu-seentumman akka hafu gaafatu.

Hiriirri kun gara Afrikaatti dhufuun Naayiroobiitti yoo godhamu, hirmaattonni Afrikaa mana maee nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessaa bakka bu’ummaa dhaabbii qabachuu akka qabdu hiriirtonni gaafataniiru.

Hiriira kanarratti lammileen biyyoota Sudaan fi Somaaliyaa alaabaa biyya isaanii qabatanii hiriiricha deeggaru agarsiisanille jiru.

Saganticharratti kan argaman Keeniyaatti Ambaasaddarri Itoophiya Mallas Alam ’’hawaasni kun dhiibbaa barbaachisa hin taane, qoqqobbii Itoophiyaa fi Eertiraarra kaa’ame dhaabsiisu fi mootummaa Itoophiyaa seera-qabeessan filatameerratti dhiibbaa taasifamu mormuuf ittigaafatamummaa qaba’’ jedhan.

Ambaasaddaar Alam miidiyaalee idil-addunyaas qeeqaniiru.

‘’Miidiyaaleen Idil-addunyaa Itoophiyaa jeequuf, kabaja biyyatti dhabsiisuu fi mootummaa maqaa balleessuuf itti gargaaraman,’’ jedhan.

Waldaa Michummaa Itiyoo-Keeniyaa bakka bu’uun namni dubbatan akkas jedhan; ’’dhimmi Itoophiyaa dhimma Afrikaa waan ta’eef of kabachisuuf hundi keenya hiriira kanatti dabalamneerra,’’ jedhan.

Bakka bu’aan kun dhiibbaan Itoophiyaarra gahu kan Afrikaarra gahuudha jedhan.

Lammileen Itoophiyaa hiriira kanarratti hirmaatan ’’biyya keenya kabachiifne jiraachuun dirqama’’ jedhan.