Waraana Kaaba Itoophiyaa: Naannoo Amaaraa bakka hidhattoota TPLF jala turanitti badiin gahe hangami?

Hidhattootni TPLF naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti lafa to'atanii turan keessatti dhaabbilee adda addaarratti saamichaa fi mancaatii geessisuu mootummaan Itoophiyaa himaa jira.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalate ji'oota dura gara naannolee Affaariifi Amaaraattis ce'ee rakkoo namoomaafi badii geessiseera.

Torbanoota darban MM Abiy Ahimad adda waraana irraa hooggansa keennuu isaanii hordofee guutummaan Affaariifi bakki hedduun naannoo Amaaraa to'annoo hidhattootaa jalaa haa bahan malee, saamichiifi mancaatiin bu'uura misoomaa qabeenyaa raawwatamuun gabaasamaa jira.

Naannoo Amaaraa keessatti manneen barnootaa, Yunivarsiitileen, Buufataaleen fayyaa, warshaalee fi dhaabbileen bu'uuraa biroonis saamamaniiru ykn manca'aniiru.

Himannaa kana ilaalchisee TPLF ifatti wanti jedhe jiraachuu baatus, himannaawwan amma dura irratti dhiyaachaa turan mara fudhatama dabsiisaa ture.

Warshaalee

Ji;a tokkoo oliif harka hidhattootaa jala kan turan magaalaalee gidduugala indaastiriifi daldalaa kan ta'an Dasee fi Kombolchaa keessatti warshaaleen hedduun saamamuufi manca'uu Minsiteeri Indaastirii ibseera.

Ministirichi obbo Malaakuu Allabal Kamisa ibsa miidiyaaleef kennaniin qo'annoo marsaa duraan warshaalee 40 irratti mancaatiifi saamichi raawwateera jedhan.

Kanneen keessaa warshaaleen saddeet sadarkaa yeroo dhiyootti hojiitti deebi'uu hin dadneenyeen manca'uu isaanii himaniiru.

Warshaaleen biroon saddeet miidhama gidduugaleessa kan hafan 24 ammoo miidhaa salphaan irra gahuu dubbataniiru.

Warshaaleen miidhama xiqqaa qaban hojiitti deebisuuf yaaliin godhamaa jiraachuufi warshaalee 40 miidhaman keessattii namootni qacaramanii hojjechaa turan kuma 11 ol ta'aniifi maatiin isaanii rakkoof saaxilamuus himaniiru.

Saamichi raawwatame ogeeyyiin kan deeggarame ta'uu meeshaaleen ogeeyyiin hiikamanii fudhatamuu isaaniirraa hubanneerraa jedhaniiru.

Meeshaalee isaanirraa hafe uummatni kan saame fakkeessuuf osoo saamaa jiranii viidiyoo waraabaniirus jedhu.

Manneen Barnootaa

aannoo Amaaraa bakka to'annoo hidhattootaa jala turan keessatti manneen barnootaa kuma afur ta'an irratti saamichiifi mancaatiin raawwatamuu biiroon barnootaa naannichaa beeksiseera.

Kanarraa ka'uunis barattootni miiliyoona 1.9 ta'aniifi barsiisonni 116,000 ol ta'an barnootarraa adda bahaniiru.

Manneen barnootaa kana deebisanii ijaaruufis qarshiin biiliyoona 11 ol akka barbaachisu hogganaan biirichaa Dr Maateb Tafarraa himaniiru.

Minsitirri banrootaa Dr. Birhaanuu Naggaa miidhaan manneen barnootaarra gahe olaanaa ta'uu dubbatanii irra deebiin yeroo ijaaraman garuu gahumsa gaariin akka ta'u dubbatan.

Dhaabbilee fayyaa

Mistirri Fayyaa Dr Liyaa Taadessee miidyaa biyyaalessaaf ibsa kennaniin naannoo Amaaraa keessatti qofa dhaabbileen fayyaa 2159 manca'uu himaniiru.

Lakkoofsi kun kan gabaasameen ol ta'uu akka malu himanii, mancaatiin kan irra gahe keellaawwan fayyaa 1706,buufataalee fayyaa 418 fi hoospitaalota 34 ta'uu ibsaniiru.

''Tokkoon tokkoon isaanii gamoon isaanii jijjiigeera, baayyeen isaanii saamamaniiru, meeshaaleen waldhaansaa keessa turan kan socho'uu hin dandeenye manca'aniiru.'' jedhan Dr Liyaan.

Bakka kamittuu waraana keessatti dhaabbileen uummata tajaajila hinmiidhaman jedhanii gocha kana uummataaf kan hin yaadne jechuun balaaleffataniiru.

Biiroon Fayyaa Naannoo Amaaraa mancaatii mudateen namootni miiiliyoona 3.7 ta'an rakkoo tajaajila fayyaaf saaxilamuu himeera.

Amma dhaabbilee manca'an deebisanii hojii eegalsiisuuf tattaaffiin eegaluu dubbataniiru Dr Liyaan.

Buufata Xiyyaaraa

Magaalaa seena qabeetti teessoo hambaa killiyya addunyaa taate Laalibalaa keessatti ta'e kan argamu buufatni xiyyaaraa Laalibalaa akkaan miidhamuu wayita gidduutti magaalitiin harka mootumma galtee ture gabaasameera.

Wajirri Kominikeeshinii naannoo Amaaraa buufatni xiyyaarichaa kaan saamamee kaan ammoo tajaajila akka hin kennine godhamee manca'uu gabaaseera.

Magaalaa irra deebiin harka humna hidhattootaa galte Laalibalaa keessatti buufata xiyyaaraa manca'a kana suphuun maallaqa miiliyoonaan kan gaafatu ta'uun gabaasamee ture.

Magaalaa Indaastirii kan taate Kombaalchaa keessatti kan argamu buufatni konteenaraas saamichaaf saaxilameera.

Buufaticha kan turan konteenaroota 100 irratti saamichi raawwachuu Tajaajila Geejibaa fi loojistikii Itoophiyaa beeksiseera.

Miishaaleen miidhaman kan hidha haaromaasaaf oolanillee akka ta'an gabaasameera.

Yunivarsiitii

Yunivarsiitiiwwan Naannoo Amaaraa keessatti argaman keessaa tokko kan ta'eefi magaalota Daseefi Kombolchaatti damee kan qabu Yunivarsiitichi, qabeenyi 'biiliyoona 10' gahu jalaa manca'uu himeera.

Miidhaan gahe guddaa waan ta'ef deeggarsi gama mootummaa yoo taasifame carraan deebi'ee eegaluu isaa bal''aadha jedhu Pirezidantiin I/Aanaa Yunivarsiitii Walloo Dr Amaaree Mitikkuu.

"Yunivarsiiticha sadarkaa hinjiru jedhamurra geesisaniiru. Gamoowwan kollejjii lama, akkasumas laaboraatoriiwwan haalaan miidhamaniiru. Kan barbada'aniis kan saamamanis jiru. Yoo mootummaan itti amane carraan dhaabbata barnoota olaanoo kana hojii eegalsiisuu ni jira jedhamee amana,'' jedhu Dr. Amaaraan.

Hambaa

Magaalaa Dasee keessa kan argamu Muuzimeen magaalichaa saamichiifi mancaatiin irra gahuu miidiyaan naannichaa gabasera.

Hambaaleen namtolcheefi uumamaa fi ragaalen saamamuun gabaafameera.

Ji'a tokko dura miidiyaaleef ibsa kan kennan hoogganaan waajira karooraa fi misoomaa naannoo Amaaraa obbo Aannimuut Ballaxaa Kaaba Walloo, Kibba Goondar, Kaaba Goondar, Waaghimraafi gariin Kibba Walloo keessa aanaalee jiran 45 keessatti saamichiifi mancaatiin biiliyoona 280 tilmaamamu raawwatamuu himanii turan.