Waraana Kaaba Itoophiyaa: Itoophiyaan callisa UNESCO fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa komatte

Mootummaan Itoophiyaa UNESCO fi Dhaabbati Fayyaa Addunyaa mancaatii Kaaba biyyattiitti humnoota Tigraayiin raawwatameera jedhame ilaalchisuun callisaniiru jechuun komate.

Itoophiyaan akka jettutti qaama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ta'an jaarmiyaaleen akka UNESCO fi Dhaabbati Fayyaa Addunyaa barbadaa'uu qabeenyaa mudate ilaalchisuun hanga yoonaa callisuu filachuunsaanii kan nama gaddisiisudha.

Iddoowwan finciltoota Tigraayiin to'atamanii turanii fi amma harka mootummaatti deebi'an hedduu keessatti qabeenyi hedduun akka barbadaa'ee fi lubbuun namaa baduu mootummaan Itoophiyaa himeera.

Haata'u malee UNESCO fi Dhaabbati Fayyaa Addunyaa badii finciltooti raawwatan hin balaaleffanne jechuun qeeqe mootummaan Itoophiyaa.

Hoogganaa Itti Aanaa Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa Itoophiyaa kan ta'an Obbo Kabbade Daksiisaa ibsa Roobii kaleessaa gaazexeessitootaaf kennaniin finciltoonni Tigraay qabeenya badiinsa guddaa fi saamicha hamaa meeshaalee kumaatamatti lakkaa'aman irraan ga'aniiru jedhan.

Waraanni waliinii kaaba Itoophiyaatti waggaa tokko caale kanaan mootummaan Itoophiyaa jaarmiyaalee UN waliin qoccolloo fi walqoollifannaa keessa tureera.

Waraana waggaa caalaa ture kana keessatti dhiittaan mirga namoomaa hammaataadha jedhame raawwateera.

Waraanni Tigraay keessatti eegale gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaar babal'achuun lammiilee hedduu qe'eerraa buqqiseera.

Iddoowwan waraanni kun itti gaggeeffamu hundatti tajaajilli hawaasaa, misoomaawwan bu'uuraax, qabeenyi mootummaa fi dhuunfaa akkasumas lubbuu dhala namaarratti badii guddaan qaqqabeera.