Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: WBO fi TPLF dabalatee tokkummaan humnoota federaalistii fi konfederaalistii Itoophiyaa akkamii uuma?
Paartileen sagal humnoota federaalistii ofiin jedhan Ameerikaa magaalaa Waashingitan DCtti tokkummaa uummachuun waliigaltee walii mallatteessaniiru.
Waraana Bilisummaa Oromoo-WBO fi TPLF dabalatee gareeleen saboota Agaw, Qimaant, Gaambeellaa fi kaanis waliigaltee kana keessatti hammatamuu isaanii dubbi-himaan WBO Odaa Tarbii himeera.
Kaayyoon tokkummaa uummachuu humnoota kanaa Itoophiyaa keessatti bulchiinsa MM Abiy Ahimed kuffiisuun mootummaa cehumsaa hundeessuudha jedhe Odaa Tarbii.
Ammaaf paartilee sagal tahantu waliigalticha irratti hirmaate. Boodas kan biraa ni daballa kan jedhe Odaa Tarbii maaliif kun barbaachise jedhee BBC'n gaafannaan ''otuu mootummaa Abiy aangorra jiruu biyyi kun nagaa hin argattu. Kanaaf akka bu'u barbaanna,'' jedhe.
Mootummaan MM Abiy Ahimadin hoogganamu amma humnoota TPLF fi Oromiyaa keessatti ammoo WBO waliin wal waraanaa jira.
Mootummaan Itoophiyaa humnoota kanneen injifachuun ''Itoophiyaa itti fufsiisna'' jedhee amana. Odaa Tarbii mootummaa Itoophiyaa kuffisuuf humna isaa qabduu jedhamee yoo gaafatamu ''waanta qabatamaa lafarra jiruun ni mo'anna, kufaatiitti deemaa jira jennee amanna,'' jechuun deebise.
Humnoota federaalistii fi konfederaalistii
Humnoota sagal Waashingitan DCtti Sadaasa 5, 2021 waliigaltee mallatteessan keessaa irra caalaan isaanii sirna konfederaalistii akka tahan Odaa Tarbii BBCtti hime.
''Nu dabalatee yeroo cehumsi kun gaggeeffamu sirna konfederaalisti jalatti akka tahudha kan waliigalle. WBOn konfederalistiidha. Irra caalaa garuu nuyi mirga hiree murteeffachuutti amanna. Kana ammoo uummata Oromootti dhiyeessina. Isaan akka filatan goona.''
Haa tahu malee gama TPLF'n ejjennoon jiru heera mootummaa jiruun buluu akka tahes hime.
''TPLF yeroo cehumsi kun gaggeeffamu heera amma jiruun deemuu qabna jedhu. Aangoon mootummaa federaalaa jijjiramuu qaba. Naannoon dhimma isaa irratti irra caalaa aangoo qabaachuu qaba jedhanii amanu,'' jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa tokkummaa isaanii irratti maal jedhe?
Qondaalonni mootummaa Itoophiyaa tokkummaa'uu humnoota kanneenii ''humna kan hin qabne'' jechuun ibsan.
''Hin raajeffanne,'' jedhe dubbii himaan mootummaa Itoophiyaa Kabbadaa Deessisaa. Tokkummaan kun deeggarsa kan hin qabnedha kan jedhe Obbo Kabbadaan ''humna siyaasaa dadhabaa'' biyyicha keessati jechuun ibse.
''Gareen finciltootaa kunneen hundee hin qaban. Bu'uura hawaasaa hin qaban. Waggoota 40 darbaniif waa jijjiiruu osoo hin dandahiin akkasumatti turan,'' jedhan Obbo Kabbadaan.
Itti dabaluun haalli amma Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru ''haala siyaasaa Itoophiyaa baramedha.'' Sababni isaa ''yeroo tasgabbiin siyaasaa biyyattii keessatti barbaachisu diyaaspooraan Itoophiyaa mootummaan dadhabeera, aangoo irra turuu hin dandahu jechuun walitti dhufuun tokkummaa uumu,'' jedhan.
Humnootni TPLF naannoo Amaaraa keessaa magaalaa Dasee fi Kombolchaa qabatanii jiru. WBO naannoo Amaaraa keessaa magaala guddoo Godina Addaa Saba Oromoo, Kamisee fi Oromiyaa keessaa aanolee tokko tokko qabachuu hima.
Mootummaan garuu dhimma kana dhugaa tahuu hin himne. Mootummaan Itoophiyaa humnoota kanneen injifachuuf namoota kana dura humna waraanaa keessa tajaajilaa turan akka duulichatti makamaniif waamicha godheera.
Ameerikaan wal dhabdeen biyyattii keessatti mudate karaa nagaan akka hiikamuuf akka hojjechaa jirtu himti. Kun kanaan osoo jiruu lammiileenshee Itoophiyaa jiran hatattamaan akka bahaniif waamichas gooteetti.