Akkaataa dubartoonni sagal hiriira ajjeechaa Naazii jalaa itti miliqan

Akkayyoon Guween Istraawus bara 1945 keessa akkamitti akka dubartoota qabsoo diddaa gaggeessan sagal Naaziin ajjeefamuuf hiriira qabatanii turan itti miliqsite yeroo itti himtu, Guween waa’ee seenaa kanaa caalaatti baruu feete.

Kunis akka isheen imala dubartoota kanaa qorattuufi jabinni isaanii wagga 75 booda akka baramu taasise.

Guween Istraawus obboleetti akkoo ishee ganna 83 Helen Podliyaaskii waliin, laaqana nyaachaa turte.

Helen lammii Firaansidha, Guween ammo barreessituu lammii Ameerikaa, Firaans keessa jiraattudha.

Bara 2002’tti ture haasaan isaanii gara jireenya durii Helenitti kan geeddarame. Guween akka obboleettiin akkoo ishee yeroo Waraana Addunyaa Lammaaffatti Firaans keessatti Warraaqsa keessatti hirmaacha turte beekti, garuu wa’ee jireenya ishee yeroo sanaa homaa hin beektu ture.

Helen akkamiin akka Gestapo (poolisii dhokataa Naazii) to’annoo jala ishee olchanii, akka dararamteefi kaampii Jarmaniitti ergamte seenaa himti.

Yeroo humnoonni Allaayid itti dhiyaachaa deeman, kaampii sana keessaa ba’ame, yeroo dheeraaf hiriira du’aa Naaziirratti akka baatuf dirqisiifamte.

“Sana booda garee dubartootaa waliinan miliqe,” jette. Guween baayyee ajaa’ibsiifatte.

Helen Podliyaaski yeroo Kaaba-lixa Firaansitti Warraaqsaaf hojjachaa turte umuriin ishee ganna 24 qofa ture.

Maqaan masoo isheen fayyadamaa turte Kiristiin ture. Helen Afaan Jermanii dabalatee afaanota shan dandeessi, akkasumas injiinara cimtuu turte.

Waggaa dhumaa waraanichatti, erga Naziin humna warraaqsaa Firaans keessa jiru diigee, bara 1944’tti Helen to’annoo jala oolfamte.

Yeroo sanatti dubartoonni biroo saddeetis to’annoo jala olfamaniiru. Hiriyaan mana barnootaa Helenis isaan keessaa tokkodha.

Suzaanee Modee (maqaa masoo Zaza, heerumtee ji’a tokko booda umurii ganna 22’tti abbaa waraashee akkumashee miseensa warraaqsaa ta’e waliin to’annoo jala olfamani.

Nikoole Kileereens, umurii 22, Jakuliin Aberii du Boolii (Jaakii) ganna 29, Madelon Varsetijenem (Lon) ganna 27 fi Julemeet Dayindels (Juju) ganna 23 warreen yeroo sanatti to’annoo jala oolfamanidha.

Renee Leboon Shataneey (Zinka) abbaa warraa ishee waliin loltoonni Biritish gara Ingilaanditti akka baqataniif gargaaraa turani.

Zinkaan yemmuu to’annoo jala olfamte daa’ima maqaanshee Firaans ture waliin hiidha akka seente Guween ni himti. Utuu gara Jarmaniitti hin ergamiin Zinkaan daa’imashee waliin guyyaa 18 qofa turte.

Ivoon Le Juulii (Mena) umurii ganna 22’tti to’annoo jala yoo olfamtu, dubartoota sagal keessaa isheen quxiuu Josefiin Bondanavaa (Josee) lammii Ispeen, yeroo to’annoo jala olfamte shamarree ganna 20 qofa turte jetti Guween.

Saglan isaanii gara kaampii dubartootaa Kaaba Jarmanii jiru Ravensbiruukitti dabarfamanii, sana booda kaampii hojii Leyiipzigitti ergamani. Asittidha kan isaan hiriyyummaa cimaa uummatan.

Haalli kaampicha keessa ture baayyee hamaa ture. Beeleffamaniiru, dararamaniiru, akkasumas sakkata’iinsaaf jechuun qullaa buufamanii cabbii keessa akka dhaabbatan taasifamniiru.

Ebla 1945’tti yeroo humnooti waliinii warshaa kaampichaa boombiin reebanitti, jarri Naazii kaampicha gadhiisanii ba’uuf akka murteessan Guween ni himti.

Naziin dubartoota beela’aniifi dadhabanii jiran 5,000 ta’an baha Jarmanii keessa hiriirsanii deemuu eegalani. Dubartoonni kun hiriirichi hagam akka ta’e hubatanii jetti Guween.

“Filannoo tokko qofa akka qaban barani,” jetti Guween, “miliquu qabu ykn ni ajjeefamuu ykn beelaan du’u.”

Yeroo hokkorii wayii uumametti carraa argatanii, boolla wayiitti utaalanii tuullaa reeffaa gatamee jiru keessa tokko fakkaatanii gadi ciisani.

“Yeroo sanatti tuullaan reeffaa hedduun waan tureef ni milkaa’ani, hiriirichis isaan malee itti fufe.”

Hedduun isaani dhukkuba adda addaan hubamanii turanis walabummaa argachuuf kutatanii ka’aniiru.

“Guyyaatti km shan ykn ja’a qofa adeemu ture,” jetti Guween.

“Beela’anii waan tureef, nyaataafi bakka nagana rafan argachuuf, gandoota darban keessatti namoota hasoofsiisuun irra ture, garuu yeroo ganda wayii seenan hundi yeroo balaaf isaan saaxuladha,” jetti Guween, “sababiinsaa kiyyoo isaaniif qopheeffameetti eenuu danda’u ykn jiraattonni gandichaa isaan ajjeesuu danda’u.”

Helene fi Lon, lamaan Afaan Jarmanii waan danda’aniif dursanii deemanii daallaa keessa rafuuf eeyyama gaafatu ykn nyaata kadhatu.

Imala isaanii kanaan, yeroo itti dubartoonni kun kana caalaa deemuu hin dandeenyu jedhanii sodaatan jira.

Jaakiin afuuraa baafachuu dadhabdee ture, garuu dubartoonni kun eenyuniyyu boodatti dhiisuu hin feene.

Yeroo sanatti konkolataan tokko gara isaanitti dhufe, looltonni Ameerikaa lama keessaa bu’anii, eegumsaa fi sijaaraa isaanif dhiyeessani.

Qorannooshee keessatti, Guween dubartootaa kanaaf waraana booda gara jireenya idileetti deebi’uun akkam cimaa akka ta’e hubatte.

“Baayyee dadhabanii fi gaddanii turani, akkasumas dubartii kaampii keessa turte ta’uun akka qaaniitti ilaalama ture… kanaaf qofummaanis ture,” jetti Guween.

Akka shamarraniitti, waraana booda seenaa isaanii akka hin dubbanneef itti himama, kanaaf gootummaan isaani utuu hin baramiin darbe jechuun Guween ni ibsiti.

Dubartoonni kun erga oolfamanii booda, gara nannoo adda addaatti ykn jireenya isaanii duriitti geeffaman.

“Boodarra turanii dubartoonni kun wal arganiiru, warri lubbuun oolan kun wal argataniiru,” jetti.

Obboleettiin akkoo ishee Helen bara 2012tti addunyaarra du’aan boqotte.