Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin ganna 95, ajjeechaa kumaatamootaa Naazii deeggartetti jedhamuun himatamte
Dubartiin miidiyaa irratti Irmigirad jedhamtu amma magaalaa Hamburgi cinaatti bakka rgamtu Pineberg keessa mana kunuunsaa keessa jiraattu ''ajjeechaa yoo xinnaate namoota 10,000 tahaniin'' himatamte.
Isheen kaampii hoggansa kaampii Stutthof jedhamuuf barreessituu turte.
Kaampiin kun bakka namootni hedduun keessatti dhuman yoo tahu amma naannoo Gidaanisk jedhamutti kan argamudha. Asitti bara Waraana Adunyaa lammaffaa hidhamtootni 65,000 tahan ajjeefamaniiru.
Amma ni qotratamti kan jedhu ifa miti. Gahee isheen ajjeechicha keessaa qabdi jedhame qoratamaa jira.
Kaampiin 'Stutthof' bara 1939 kan baname yoo tahu yeroo sana humni Naazii jedhuun beekamu Poolaandiin qabate. Eegdotni Naazii bakkicha akka kuusaa gaaziitti bara 1944 keessa fayyadamuu jalqaban.
1945 yeroo waraanichi dhumatu Sooviyeet Raasiyaan bilisa baaste. Hidhamtootni 100,000 ol tahan haala suukaneessaan mana hidhicha keessa tursiifamaniiru.
Baay'een isaanii sababa beelaa fi dhukkubaan dhumaniiru. Kaan gaaziidhaan kaan ammoo summii waraanamuun achi keessatti dhuman.
Miidhamtootni irra caalaan isaanii warra Jewushiiti. Akkasumas Jewush kan hin taane lammileen Poolaandii fi loltootni Raashiyaa qabamanis achi keessa turan.
Manni murtii 'Schleswig-Holstein' barreesituun duraanii kaampichaa kun qorannoof haa dhiyaattu kan jedhu irratti ammayyuu hin murteessine.
Yeroo yakkichi raawwate umuriin ishee wagga 21 waan tureef amma ijoolleetti ilaalamti.
• Cimdooliin maqaa mucaa isaanii Adoolf jedhan hidhaa bu'an
• Daa’ima ganna jahaa basaasummaa fi gootummaan Firaansitti yaadatamu
Namootni kaampicha keessatti gaaziin ajjeefamuu isaanii waanin beeku hin jiru ture jettetti.
Kun dhimma hin baratamnedha. Dubartoota muraasa qofatu dhimma ajjeechaa suukaneessaa Naaziin qoratamaa ture. Irra caalaan isaa eegdota kaampichaa warra ture irrattidha kan xiyyeeffatu ture jedhe gabaasaan BBC Damiyeen Maac Giinas Berlin irraa.
Abbootiin alangaa Imgrad F gaafachuun bara 2016 keessa gahee isheen qabdu ture irratti qorannoo jalqabaniiru.
Abbaan alngaa tokko namoota ajjeechaa kaampii du'aa 'Stutthof' irraa lubbuun hafuun biyyoota akka Israa'el jiraatan gaafachuu miidiyaan Jarman ARD gabaasera.
Dubartiin kun ''namootni 10,000 ol akka du'an kakaasuufi gargaaruun'' himatamuu himan.
Himatichi ''namoota kaampicha keessaatti malaan hidhamtoota waraanaa Jweush, Poolaandiii fi Sooviyeet Raashiyaa ajjeesan gargaarteetti'' jedha. Kunis Waxabajji bara 1943 hanga Eebla 1945tti yeroo barreesituu ajaja kaampichaa turtettidha.
Ajajaan duraanii Pool Werner Hooppi bara 1957 hidhaa waggaa sagaliin Bookam keessatti adabame.
Bara darbe Biruunoo Deey namni ganna 93, eegduu kaampii du'aa Stutthof ture ajjeechicja keessatti tumsiteetta jedhamuun hidhaa dhaabbii waggaa lamaan adabame.
Amma miidhamtootaan dhiifama gaafateera.