Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattuu Hitleriin mormitee Jarmaniif fakkeenya taate
Maqaanshee Jarmanii alatti badaa hin beekamu, biyyashee keessatti garuu Soofii Iskool seenaa guddaa kan qabduufi goota beekamtuudha.
Dilbata kana namootni hedduun guyyaa dhalootaa 100ffaa shamarree Hitleeriin mormitee gatii lubbuusheen kaffalte yaaddannoon kabaju.
Mormiin ishee yeroo hedduu kitaaba, filmiifi diraamaa keessatti himameera. Hanga har’aattis namoota hedduuf fakkeenya akka ta’een itti fufeera.
Soofii Iskool bara 1921tti biyya rakkoo keessa jirtu keessatti dhalatte. Guddinni ishee garuu mija’aa fi nagaa kan qabu ture.
Abbaanshee bulchaa magalaa Forchtenbarg ture (ta’us boodarra maatiinshee gara Ulmitti godaanani), Soofiin obbolaan ishee shan wajjiin mana amantaa Kiristaanummaa hordofan keessatti guddatte.
Garuu yeroo isheen umurii saafeelummaarra geessutti, Adoolf Hitler biyya bulchaa ture.
Jalqabaratti Soofiifi obboleessishee hangafaa Haansi Paartii Sooshaalistii Biyyaalessaa deeggaraa turan.
Akkuma dargaggoota hedduu, obboleessishee miseensa Sochii dargaggoota Hitleer paartichaa ta’e, isheen ammoo dhabbata paartichaa Liigii Shamarran Jarmanii jedhamutti dabalamte.
Abbaan ishee, nama Hitleriin qeeqaa ture waan tureef, deeggarsa paarticha jalqabaratti ijoolleen isaa qaban isa arsee ture. Dhiibbaan maatiifi hiriyyootaas suuta suuta bu’aa qabachuu eegale.
Obbolaan kun amantaa ofiisaaniifi siyaasaa paartiichaa wal simsiisuu hin dandeenye, akkataa hiriyyoonnisaaniifi artistoonni lammileen Juwishii akkamiin akka miidhaman yommuu argan, bulchiinsicha qeequu eegalan.
Yeroo Hitlar Poolandiin weeraretti ammoo tarkaanfiin mormitoota irratti fudhatamu jabaatee ture.
Yeroo dargaggoonni Jarmanii gara waraanaatti ergamanitti, jalalleeshee loltuu ture Firiitzi Hantanageelitti xalayaa akkas jedhu bareessitee: “Namootni tokko tokko akkamiin lubbuu namoota biroo akka itti fufinsaan rakkoof saaxilaan naaf hin galu.
Yoomiyyuu naaf hin galu, waan hamaadha jedheen yaadas. Kun biyyaa abbaakeenyaafidha naan hin jedhiin.”
Sofiin obboleessa ishee Hans meedisinii barachaa jiru hordoftee Yunivarsitii Muniichi seente, obbolaankun gartuu hiriyyoota walfakkaataa kan qaban akka turaniifi jalala artii, aadaa fi filoosofiif qabaniin akka walfakkaatan ni himama.
Ta’us yeroon kun yeroo hokkora ture. Barattoonni tokko tokko tajaajila waraanaa keessa turani. Bulchiinsa abba irree jala waan turaniif, bulchiinsicha mormuuf cichanii turani.
‘Hin callisiifamnu’
Gartuu obboleessishee Hansi fi hirriyyaan isaa Aleksaandar Ichmooreel jalqaba hundeessan “Waayit Roos” keessa miseensoota ja’a qofaatu ture.
Sana booda Soofii, Kiristoof Pirobist, Wiillii Giraaf fi piroofeessarri isaani Kart Hubeer miseensummaa gartuu kanaatti dabalamani.
Hiriyyootaa fi deggartootaa isaanii irraa deggarsa argachaa, barreeffama lammileen biyyatti akka bulchiinsa Naazii mormaniif jajjabeessu maxxansanii raabsuu eegalani.
Maxxansa isaanii irratti ajjeechaa lammilee Jiiwii mormuun, waraanni akka dhaabbattuuf gaafachaa turani.
“Nu callisiisu hin dandeessani jedha,” maxxansi tokko, “ nuti cubbuu keessan isinitti deebi’e dha, gartuun Waayit Roos nagaa isin dhowwata.”
Garee kun jalqaba bara 1943tti maxxansa isaani ja’affaa qopheessani.
“Yoo dargaggoonni Jaramnii ka’anii, haloo ba’anii fi baleessaa isaaii irraa deebi’anii, kanneen isaan cunqursan balleesanii Awurooppaa haaraa hin ijaaran ta’e, maqaan Jarmanii bara baraan bada.”
Kun maxxansa isaanii isa dhuma ta’e.
Guraandhala 18, 1943tti Haansi fi Soofiin maxxansa isaanii yunivarsitii keessatti raabsaa turani.
Sofiin maaliif darbii isa gubbaa gamoo yunivarsitichaatti olbaatee maxxansaa isaanii kana mooricha keessatti darbachuun bittimsite hin beekamu.
Namootni hedduun tarii hanga danda’ametti barattoonni hedduun maxxansicha akka arganiifi ta’a jedhanii yaadu.
Garuu akka waraqaan kun qilleensarra bittinfametti, hojjataa eegumsaa ishee argee Gestaappootti (poolisii dhokataa) dabarsee ishee kenne.
Ishee fi obboleessi ishee qoratamanii, dadhacha fakkiif gaggeefame booda, murteen du’aa irratti murtaa’e.
Miseensota gartuu isaani dabarsanii kennuu isaan didanis, anga’ooti garuu qoratanii bira ga’ani.
Ji’oota muraasa keessatti hiriyyoonni kun hundi ni ajjeefamani.
Ganama guyyaa gara bakka mormi irraa kutamee ajjeefamtutti geeffamaa turtetti, shammarreen ganna 21, Soofii, “ Guyyaa ifaa fi guyyaa gaariidha, ani deemuun qaba… Karaa keenyaan namootni kumaatamni kaka’anii yoo tarkaanfii fudhatan, du’ikoo maal rakkoo qaba,? jette.
Haasaan ishee, ciminnishee hanga har’aatti Jarmanii keessatti ni kabajama. Manneen barnootaa fi dandileen hedduus maqaashee fi obboleessasheen moggafamaniiru.
Namoota tokko tokkoof miseensonni gartuu Waayit Roos badaa kabajamuu dhabuun isaani ni gabbisiisani.
Ta’us garuu guyyaa dhalootaa ishee 100ffaa ta’u ture irratti, Jarmaniin saantima kabaja qopheessuun, manneen amantaa keessatti sagantaan kabaja isheef qophaa’e ni gaggeefama.
Fuulli Inistagiramii seenaa isheef qophaa’ee haaraanis ba’eera.