Yaaddoo Omicron irraa kan ka'e namoonni imala ayyaanaa akka haqan WHO'n akeekkachiise

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) wayita akaakuun koronaavaayirasii haaraan Omicron akkaan addunyaa mara irratti tatamsa'aa jiru kanatti namoonni imala ayyaana waggaaf karoorsan akka haqan akeekkachiise.

"Jireenyi dhala namaa haqamuurra sagantaan ayyaanaa haqamuu wayya, tarkaanfiiwwan jajjaboon fudhatamuu qabu,'' jedhan Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanoom.

Qondaalli fayyaa addunyaa kun yaada kana kan kennan wayita ogeeyyiin fayyaa vaayirasichi US keessatti akkaan hammaachaa jiraachuu ibsanitti.

''Yeroo ammaa kana vaayirasichi akaakuu Delta caalaa akkaan tatamsa'aa jiraachuu ragaan ni agarsiisa,'' jedhan Dr Teedroos.

Biyyoonni akka Firaans, Jarmanii, Neezarlaands fi kaan tibba ayyaana bara haaraa faranjootaa kanatti sochii hawaasaa fi yeroo imalaa daangessuu fi ugguruu irratti argamu.

Ameerikaan uggura sochii uummataa labsuuf karoora akka hin qabne masaraan mootummaa biyyattii Wiixata kaleessaa ibseera.

Qondaalli biyyattii dhimma dhibeewwan daddarboo akkanaarratti hojjetan Dr Antooni Faawuchi ammoo sochiin ayyaana waggaaf taasifamu tatamsa'ina vaayirasichaa akkaan si'eessa jedhan.

Kanneen talaallii fudhatan dabalatee namoonni hedduun tibba ayyaanaaf socho'anitti qabamuu danda'u jedhan.

Ministirri Muummee Ingiliz Boriis Joonsan akkuma Omicron hammaachaa deemuun seeraa of-eeggannoo haaraa labsuuf akka jiran himan, garuu uggura kaa'uuf deeman hin ibsine.

Sagantaan kabaja ayyaana waggaa magaalaa Landan addababayii Trafalgar keessatti gaggeeffamuuf ture dantaa hawaasaa eeguuf jecha haqameera jedhan kantiibaan magaalattii Saadiq Kahaan.

Sadaasa darbe Afrikaa Kibbaatti kan mul'ate akaakuun vaayirasii Omicron, akaakuuwwan koronaavaayirasii keessaa isa hammaataadha jechuun WHO'n ramadeera.

Dr Teedroos Wiixata kaleessaa wayita ibsa kennan, namni hunduu fedhii qabu daangessee tarkaanfii jajjabduu fudhachuun vaayirasii hundaaf diina ta'e kana qolachuu qaba jechuun dhaaman.

Akka Dr Teedroos jedhanitti bara 2022 keessa yoo xiqqaate uummata addunyaa keessaa dhibbeentaa 70 kan ta'u talaallii guutuu fudhachuun vaayirasichi obba'uu qaba.

Yeroo jalqabaaf bara 2019 vaayirasichi keessatti mul'achuun kan amanamu Chaayinaan ragaa quubsaa kennuun maddi dhibee kanaa akka baramuuf adda durummaan hojjechuu qabdis jedhan.