Covid Omicron: Biyyoonni Awurooppaa yeroon talaallii dirqama godhan amma-Qondaala EU

Biyyoonni miseensota Gamtaa Awurooppaa ta'an akaakuu koronaavaayirasii 'Omicron' qolachuuf jecha talaallii dirqamaan kennuu qabu jedhan Hooggantuun Komishinii Gamtichaa Ursula von der Leyen.

Akaakuu vaayirasichaa akkaan tatamsa'u kana qolachuuf talaallii cimsuu fi dirqama gochuu qabna jedhan.

Omicron jalqaba ji'a Sadaasaa Afrikaa Kibbaatii argamuutu himame, ergasii gara Awurooppaa fi Ameerikaa ce'ee addunyaa yaaddessaara.

Biyyoonni hedduun uggura imalaa kaa'aa jiru, keessattuu uggurri imalaa Afrikaa Kibbaarra kaa'amemmoo akkaan qeeqamaa jira.

Afrikaan Kibbaa sababa vaayirasii haaraan mul'achuu gabaasteef adabamuu hin qabdu jechuun Pireezdaantii biyyattii dabalatee UN fi Gamtaan Afrikaa komii kaasaniiru.

Akaakuun vaayirasii haaraan kun biyyoota Awurooppaa keessattis saffisaan tatamsa'aa jira.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) qorannoosaa duraan akka irra ga'etti namoonni vaayirasii Omicron jedhamu kanaan qabaman mallattoolee sasalphoo kan agarsiisaniidha.

Biyyoota miseensota Gamtaa Awurooppaa ta'an keessaa tokko sadaffaan hin talaalamne kan jedhan Aadde von der Leyen, talaallii dirqama gochuun yeroonsaa ammadha jedhan.

Biyyoonni miseensota Gamtichaa ta'an dhuunfaa dhuunfaadhaan talaallii kennuurratti xiyyeeffatu malee, akkaataan talaalliin itti kennamaa jiru hunda biratti wal-hin fakkaatu jedhan wayita Biraasalsi irraa ibsa kennan.

Ostiriyaan Guraandhala darberraa eegaltee talaallii hundaaf dirqama gooteetti, Giriis ammoo nama umriin waggaa 60 keessa ta'ee osoo hin talaalamin jiru ji'aan Yuuroo 100 adabdi.

Chanselara Jarmanii haaraa ta'aa kan jiran , Olaf Scholz, talaalliin dirqama ta'uu qaba yaada jedhu deggeru.

Vaayirasiin Omicron Afrikaa Kibbaa keessatti namoota hedduu qabuun yaaddoo uumaa jira.

Vaayirasiin kun kan duraa caalaa akkaan tatamsa'aa jiraachuu ibsan qondaaltonni biyyattii.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) akaakuu vaayirasii haaraa kana talaallii amma jiruun qolachuun ni danda'ama jedheera.

Vaayirasiin kun US keessatti argamuun Roobii kaleessaa ibsameera. Naayijeeriyaa fi Kooriyaan Kibbaas vaayirasichi biyyasaaniitti mul'achuu ibsaniiru.

Biyyoonni hedduun sababa vaayirasichaa daangaasaanii cufachaatti jiru.

Biyyoonni hedduun sababii vaayirasichi Afriikaa Kibbaatti argameef ugguura imalaa kaa'aa jiru, tarkaanfiin adabbii fakkaatu Afriikaa Kibbaarraa ka'uu akka qabu akeekkachiise WHO.

Haalli akkasii walqixxummaa fi kabaji akka hin jiraanne godha malee furmaata hin ta'u jedhan Hoogganaan WHO Dr Teedros Adhaanom.

Uggurri imalaa Afriikaa Kibbaara kaa'amuunsaa saamudi vaayirasii haaraa kun sirnaan akka hin fudhatamne gufuu ta'eera jedhan.

Dhimma kanaan walqabatee US dursitee biyyoota Afrikaa saddeet irra uggura imalaa keessee jirti.