Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akaakuun Covid haarofti 'Omicron' akkamiin adda baafama?
Akaakuun koronaavaayirasii haaraan moggaasi 'Omicron' jedhamu kennameef saayintiistota Afrikaa Kibbaan jalqaba erga adda baafamee booda amma guutuu addunyaarratti biyyoota gara garaa keessatti mul'achaa jira.
Biyyoonni vaayirasichi keessatti argame hedduun imala biyyoota Kibba Afrikaarraa godhamu ugguraa jiru.
Vaayirasichi duraan Afrikaa Kibbaa keessatti akka argame gabaafamus, amma garuu Afrikaa Kibbaatti argamuun dura Neezarlaandis keessatti mul'atee akka ture baramee jira.
Ofii Omicron adda baasuuf qorannoo akkamiitu godhama?
Saamuda funyaan fi laagaa keessaa fudhatamuun qorannoon PCR (polymerase chain reaction) godhamuun namni tokko akaakuu vaayirasii kana qabaachuu fi qabaachuu dhiisuun adda ni baafama.
Gosa laaboraatoorii akkamii keessatti akka godhamerratti hundaa'uun qorannoo PCRn gosoota biroo akka deeltaas adda baasuun ni danda'ama.
Laaboraatooriiwwan hundi teekinooloojii kana adda baasu hin qaban.
Ameerikaan yoo dursitu laaboraatooriiwwan biyyoota akka UK, Raashiyaa, Jarmanii, Italii [Xaaliyaanii] fi Kooriyaa Kibbaa gahuumsa qorannoo akkanaa gochuun itti aanu.
Indiyaa keessatti garuu saamudawwan gara laboraatooriiwwanii ergaman keessaa dhibbeentaa 1 gadi qofa kan Deeltaa ykn Omicron ta'uun adda baafamuu danda'u.
'Omicron' addunyaarra faca'uu akkamiin beekna?
Qorannoo PCR godhameen kanneen mallattoo 'Omicron' ta'uu akka malu agarsiisan, xiinxala jiinii guutuu bu'a qorannoo mirkaneessuuf gara laaboraatooriitti ergamu.
Tooftaa 'genomic sequencing' jedhamuun namoonni akaakuu haaraa kanaan qabamuun isaanii adda baha.
Kun torbee fudhachuu waan maluuf akaakuuwwan vaayirasii 'Omicron' hedduun osoo hin qabamiin hafuu danda'u.
Afrikaa Kibbaa kutaa biyyaa Gaawuteeng keessa qofa namootni 77 akaakuu haaraa kanaan qabamuun mirkanaa'ee jira. Kun kan guutuu addunyaarratti mirkanaa'e keessaa dhibbeentaa 90 ta'a.
Vaayirasichi irra hedduu gara Awurooppaa waan faca'e fakkaata. Poorchugaal fi Neezarlaandis mata mataatti namoota 13 irratti vaayirasichi argamuu yoo mirkaneessan, UKn namoota 14 irratti argamuu gabaaste.
Lakkoofsi kun biyyoota kamtu dursee argate kan jedhu yoo ta'e malee biyyoota kamtu namoota vaayirasichaan qabaman hedduu qaba kan jedhu hin mul'isu.
Mallattooleen 'Omicron' maal fa'i?
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti mallattoon addaa akaakuu vaayirasii kanaa kaanirraa ittiin adda baasan hin jiru.
Kanaaf akkuma kaanii qufaa, ho'a qaamaa fi dhamdhamaa fi foolii nyaataa dhabuun mallattoolee ta'uu danda'u.
Afrikaa Kibbaa keessatti namoonni guutummaatti talaalaman vaayirasii akaakuu haaraa kanaan qabamaniiru garuu mallattoon isaanii hammana cimaa miti.
Dargaggoonni hedduun akaakuu haaraa kanaan qabamanii mallattoo cimaa qaban hospitaala seenaa jiran kanneen hin talaalamnedha.
Kana jechuun talaallii marsaa lamaafi marsaa sadaffaa kan humna ittisuu cimsu (booster) fudhachuun akaakuu haaraa kana akkasumas warra dhibii ofirraa ittisuun ni danda'ama jechuudha.
Waa'ee 'Omicron' maal beekna?
Akaakuun koronaa 'Omicron' jedhamu maal akka godhuu fi miidhaan isaa hangam akka ta'e wanti beekamu muraasadha.
Fakkeenyaaf ariitiin tamsa'uun isaa, caalaatti namootni akka dhibaman gochuun isaa, ykn ammoo talaallii amma jiruun guutummaatti ittifamuu danda'uun isaa adda hin baane.
Waraqaa irratti daran yaaddessaa fakkaata, kanaafi mootummoonni ariitiin daangaa isaanii cufachaa kan jiraniif.