Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa dhorkaan imalaa sababii COVID ka'ame akka kaafamu gaafatan
Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa sababii gosa vaayirasii Covid-19 haaraa Omicron jedhamu biyyasaaniitti argameen walqabatee dhorkaan imalaa biyya isaaniifi biyyoota ollaarratti fudhatame balaaleeffatan.
Siiril Raamaafoosaan tarkaanfii fudhatameen ''baayyeen aareera'' jechuun atattamaan akka kaafamuuf gaafatan.
Biyyoonni akka UK, Gamtaa Awurooppaafi Ameerikaan kanneen dhorkaa imalaa ka'an keessatti argamu.
Gosti vaayirasii Omicron jedhamu haaraan ''gosa baayyee yaaddeessaa'' jedhameera. Ragaan jalqabaa akka mul'isetti balaa kanneen kana duraa caalaa babalachuu olaanaa qaba.
Gost vaayirasii haaraa kun jalqaba baatii kanaatti Afriikaa Kibbaa keessatti argamuun torban darbee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti gabaafame.
Gosti vaayirasii haaraa kunis Afriikaa Kibbaatti Guuteenee keessatti torbanoota lamaan darban keessa mul'achuun amma bulchiinsoota biyyattii hundatti faca'eef ka'umsa jedhame.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas tarkaanfii dhorkaa biyyoonni atattamaan taasisaniif akeekkachiseera. ''Tarkaanfii balaa bu'uurreeffateefi saayinsaawaa ta'uu qabata,'' jedhe.
Dhaabbatichatti daarektarri Afriikaa Maatshidiso Moeti guyyaa Dilbataa akka jedhaniitti, ''Omicron amma addunyaa bakkeewwan garaa garaatti mul'ateef dhorkaa imalaa Afriikaa irratti xiyyeeffate kaa'uun tokkommaa addunyaa miidha.''
Mr Raamaafosaan gama isaanitiin dhorkaa kaa'ameef bu'uurri saayinsaawaa ta'e kan hinjirreefi Afriikaan Kibbaa haala malee loogiin irratti raawwatame jedhan.
Itti dabaluunis dhorkaawwan kunneenis facaatii vaayirasichaa ittisuuf kan hingargaarreedha jedhan.
''Tarii dhorkaawwan kaa'aman kunneen diinagdeewwan biyyoota miidhaman caalaa kan hubaniifi akka vaayirasicha hin ittifneef dandeettiisaanii kan miidhu qofa ta'a,'' jedhan.
Biyyoonni dhorkaawwan kaa'an ''osoo miidhaan gara biraa diinagdeewwan keenyarra hin qaqabiin...atattamaan murteewwan keessan kaasaa,'' jechuun gaafataniiru.
Vaayirasii haaraan kunis UK, Jarmanii, Awustiraaliiyaafi Israa'el dabalatee ammaan kana biyyoota biraa keessattis mul'ataa jira.
Gama biraatiin ammoo Dilbata kaleessaa:
- Neezarlaand Amstardam keessatti namoota Afriikaa Kibbbaa irraa balaliinsa lamaan dhufan 13 irratti argameera.
- Dachi ammoo abbaa warraafi haadha warraa hoteela bakka keessa turamu keessaa baqatan to'achuu poolisiin beeksiisan.
- Israa'el ammoo Dilbata halkanii kaasee guyyoota 14'f lammiilee biyya biraa hundi gara biyyattii akka hin seeneef dhorkte.
- UKn ammoo waa'ee vaayirasii haaraa kanarratti mari'achuuf biyyoota garee torbaa (G7) Wiixta har'aatti walgahii ariifachiisaaf waamte.