Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fi michoonnishee Taalibaan humnoota nageenyaa duraanii Afgaan ajjeesuu akka dhaabuuf akeekkachiisan
Ameerikaafi michoonni ishee Taalibaan ajjeechaa humnoota nageenyaa duraanii Afgaanistaan irratti raawwatu akka dhaabuuf akeekkachiisan.
Ibsa waloo baasaniin, biyyoonni 22'n sirni bulchiinsa Islaamummaa hojjetootaafi humnoota nageenyaa mootummaa duraanii keessa turan irratti miidhaa hin qaqqabsiisu jechuun waadaa gale akka kabajuuf gaafataniiru.
Ibsi waloo kun "ajjeechaan jumlaa, buttaafi hidhaa ilaalchisuun gabaasaaleen bahan nu yaaddesseera," jedha.
Biyyoonni kunneen ibsa kana kan baasan bulchiinsa Islaamummaa Taalibaan kanaan ajjeechaafi ukkaamsaan akka gaggeeffamu kan agarsiisu gabaasni ba'uu hordofeeti.
Jalqaba torban kanaatti gabaasni Humaan Raayits Waach (HRW) baase Taalibaan ji'a afur dura erga biyyattii to'ateen kaasee aanga'oonni mootummaa duraanii Afgaanistaan 100 ol ta'an ajjeefamuufi butamuusaanii agarsiisa.
Gabaasni HRW kun hagayya 15 hanga Onkoloolessa 31'tti qofa miseensonni humnoota nageenyaa duraanii Afgaanistaan Taalibaaniin qabaman ykn harka kennatan 47 ajjeefamuusaanii galmeesseera.
Bulchiinsi Taalibaan kun hojjettoota mootummaa duraanii Afgaanistaan irra miidhaa tokkollee akka hin qaqqabsiifne ibsullee ajjeechaa raawwachuu isaa garuu gabaasni bahe kun mul'iseera.
Ibsi waloo kun Ameerikaatiin kan bahe yoo ta'u, Yunaayitid Kingdam, Gamtaa Awurooppaafi biyyoonni biroon 19 irratti mallatteessaniiru.
Biyyooni kunneen waan gabaasichaa bahe irratti yaaddoo cimaa qaban ibsachuun ajjeechaa jumlaafi butii taasifame jedhame irrattis qorannoon akka gaggeeffamu gaafataniiru.
Ibsa waloo US fi michootashee kun, "Taalibaaniin gochasaaniitiin madaaluu itti fufna," jechuun xumurameera.
Warri Taalibaan yeroo hedduu waadaa galaniin hojii faallaa ta'e raawwataa turaniiru. Kanaan duras gabaasaaleen mirgoota namoomaa bahan ajjeechaawwan raawwataman jiraachuu saaxilaniiru.
Ji'a Hagayyaa keessa gabaasa Aministii Internaashinaal gabaasa baaseen loltoonni Taalibaan 300 ta'an gaafa Hagayya 30 gara loltoonni mootummaa duraanii Afgaanistaan maatiisaanii waliin jiraatan ganda Dahaanii Kuul jedhamtu seenuu isaanii ibseera.
gabaasni kun akka jedhetti, loltoonni sagal erga harka kennatanii kan ajjeefaman yoo ta'u, lama ammoo dhukaasa kallattiin battalumatti tureenidha kan ajjeefaman.
Ol adeemaa umuriin waggaa 17 ta'u dabalatee namoonni nagaa biroo lama wal waraansa bakka sana tureen ajjeefamuus gabaasni Aministii Internaashinaal kun eeree jira.