Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: Taalibaan ogeessota rifeensaa hareedaa muruufi aaduu dhorke
Seeraa Islaamummaa kan cabsudha jechuun Afgaanistaan bulchiinsa Helmaand keessatti Taaliban ogeessonni rifeensaa hareeda akka hin haadne ykn hin murreef dhorke.
Namni seera kana cabse kamuu akka adabamu poolisiin Taaliban kan seera amantaa kabachiisus beeksiseera.
Oggeessoti rifeensaa magaala gudditti Kabuul keessa jiran tokko tokkos ajaji walfakkaataa akka kennameef himu.
Mootummaan foyya’aa ni uumama jechuun waadaa seenanis, ajaji akkanaa gartuun kun akkuma yeroo duraan aangoorra turanii bulchiinsa seera cimaa kana uuman fakkeessa.
Ji’a darbe aangoo erga qabate as, Taaliban mormitoota isaa irratti adabbii ciccimaa dabarseera.
Sanbata darbe, hidhattoonni Taaliban namoota nama ugguruun shakkaman afur ajjeesuun reeffa isaanii daandiilee bulchiinsa Heraat keessatti fannisaniiru.
Ajaja manneen rifeensaa bulchiinsa Helmand irratti maxxanfamaniin, Taaliban ogeessoti rifeensaa, yemmuu hareeda fi rifeensa sirreessan seera Shariyaa akka hordofaniif akeekkachiisaniiru.
“Eenyuyyu kana irratti komii kaasuuf mirga hin qabu,” jedha beeksisi BBC’n dubbise kun.
“Loltoonni irra daddeebiin dhufanii hareeda sirreessuu dhaabaa jechuun nu ajaju,” jedha ogeessi rifeensaa Kabuul jiru tokko. “Loltuun tokko qorattoota dhoksaan hojjatan erguun sin qabu dandeenya naan jedhe.”
Oggeesi rifeensa biraa, kan mana rifeensaa beekama magaalatti keessa hojjatu, nama ani qondaala mootummaadha ofiin jedhu irraa akka bilbilameef hima.
Namni kunis “mala Ameerikaanota hordofuu dhaabi” jechuun hareeda nama kamuu haaduu ykn sirreessuu akka dhaabuuf isa ajajeera.
Bara 1996-2001 gidduutti yeroo Taaliban biyyatti bulchaa turetti, rifeensa akkataa adda ta’een muraachuu dhorkuun, dhirooti hundi hareeda isaani akka guddifataniif ajajee ture.
Erga Sanaa garuu, hareeda guutummaatti haaddachuun beekamaa ta’ee, dhirooti Afgaan hedduunis rifeensa isaani akka faashiniitti sirreeffachuu baranii ture.
Oggeessoti rifeensaa nageenya isaaniif jecha eenyummaan isaani hin ibsamne garuu, sababa seera haaraa kanaan hojii isaaniin galii argachuun akka itti cime dubbatu.
“Waggootii dheeraaf manni rifeensaakoo, bakka dargaggoonni dhufanii akka fedhii isaanitti haaddataniifi faashinii hordofan ture,” jechuun ogeessi tokko BBCtti himeera. “Amma hojii kana itti fufuun buaa hin qabu.”
“Manneen rifeensaa fi oggeessonni rifeensaa daldala dhorkaa ta’aa jiru.,” jedha ogeessi biraa. “Waggootii 15f kun hojiikoo ture, amma garuu waanan itti fufu natti hin fakkaatu.”
Ogeessi rifeensaa magaalaa Heraat keessa jiru inni biraan kallattiin ajaji kun kennamuufi baatus, hareeda muruu akka dhaabe dubbata.
“Waayilotni hareeda isaani hin haddatani sababiin isaan daandii irratti Taaliban akka isaan hin miineef waan sodaataniifi. Isaanuma fakkaatani xiyyeeffannoo ofirraa kaasuu fedhu.”
Rifeensa sirreessuuf gatii isaa hir’isus, daldallii isaa kufaa jira. “Eenyuyyu wa’ee istaayilii ykn faashinii dhimma hin qabu amma,” jedha.