Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: Taalibaan dubartoonni dhiirota waliin taa'anii akka hin baranne dhorke
Yuuniversitoonni Afgaanistaan keessa jiran barattoota koorniyaan adda fooyanii barsiisuu, barattoonni uffata naamuusaa uffatanii argamuu qabu jedhe Taalibaan.
Ministirri Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Afgaanistaan Abdul Baqi Haqqani, shamarran barachuuf mirga qabu, garuu dhiirota waliin taa'anii miti jedhan.
Gosa barnootaa barattoonni barachuu qaban, kan bulchiinsi Taalibaan fooyyessee baases ibsaniiru.
Bara 1996 fi 2001 gidduutti wayita Taalibaan aangoorra ture dubartoonni fi shamarran barnootarraa dhorkamanii turan.
Taalibaan amma dubartoonni barachuu fi hojii mootummaa argachuu irraa dhorkamuu hin qaban ejjennoo jedhu mul'iseera.
Erga Hagayya darbe gaafa 15 aangoo mootummaa qabatanii garuu, hojjettoota fayyaa irraa kan hafe dubartoonni hundinuu hanga haalli nageenyaa fooyya'utti akka hojii dhaabanii manasaanii turan ajajeera.
Taalibaan alaabaasaanii masaraa mootummaatti fannisanii erga bulchiinsa isaanii ifatti labsanii guyyaa tokko booda ture Dilbata kaleessaa imaammata barnootaa isaa kan ibse.
Namoonni tokko tokko imaammati haaraan kun carraa shamarranii cufuudhaan wal hin caalu jedhu, sababni isaammoo biyyattiin yeroo ammaa dandeettii daree barnootaa dhiirotaa fi dubartootaaf adda addatti qopheessuu waan hin qabneef jedhu.
Aab Haqqani isa kanarratti wayita yaada kennan, barsiisota dubartootaa hedduu qabna, daree barnootaas akkasuma. Kana malee furmaata biraa hin qabnu jedhan.
"Akkaataa dandeettii yuuniversitootaan kan murtaa'uudha. Darbee darbee barsiisonni dhiiraa akka fuulasaanii dhokfatanii duubaa barsiisanis gochuu dandeenya, yookiin teeknooloojii fayyadamuun barsiisuu danda'u'' jedhan.
Manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa fi sadarkaa lammaffaa keessattis barattoonni shamarranii fi dhiirotaa adda adda taa'anii baratu, kun kutaalee Afgaanistaan hunda keessatti hojiirra oolaa jira.