Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarree Afgaanistaan: 'Yoo loluu baanne sirumasaayyu muuziqaa nu dhorkuuf deemu'
"Muuziqaan aadaa Afgaan keenya keessatti iddoo guddaa qaba. Dhorkaan yoo itti fufeefi shamarran akka hin weellisneef yoo dhorkaman, qaama aadaa keenyaa tokko dhabna," jetti taphaattuun piyaanoo konsertii Maaram Atayee.
Shamarreen ganna 18 kun miseensa orkeestiraa dubartooota Zohraa fi barattuu Mana Barnoota Muuziqaa Biyyaalessaa Afgaanistaanidha.
Akkuma dargaggeeyyi Afgaan biroo qajeelfama ministeerri barnoota dhiyeenya baase, kan shammarran ganna 12 gadii bakka dhiirri jiruutti akka hin weellisne jedhuun rifatteetti.
Mallattoo akeekkachiisaa
"Har'a shamarreen akka hin weellisneef dhorkani - yoo hin lolluu ta'e guutummaatti muuziqaa dhorku," jechuun Maaram BBCtti himteetti.
Sodaan ishee sababa malee miti - dhorkaan kun yaadannoo hamaa bulchiinsa Taaliban bara 1996 fi 2001 jidduu ture ishee yaadachiisa.
Hidhattoonni kun gosa amantaa Islaamaa mudaa hin qabnee, kan muuziqaa akka amantii wajjiin hin deemneetti waan amananiif, guutummaatti muuziqaa dhorkanii ture.
"Kan nama rifaasisuufi gaddisiisu ture. Bara 2021'tti namootni akkas godhu jedhee hin eegne," jechuun murtee dhiyeenya irratti yaada ishee ibsite.
Carraawwan
Maaram orkeestiraa Zohraatti kan makamte waggaa afur dura yoo ta'u, Paakistaan, Indiyaa, Chaayinaa, Poorchugaal, Azerbaajan, UK, Isweedin, Isloovakiyaa fi Awustraaliyaa dabalatee biyyooti hedduu keessatti konsartii dhiyeessiteetti.
Shammarraan biyya waggaa afurtamaaf lola waliiniin jeeqamaa turte keessatti carraawwan akkanaa argachuun waan adda ta'edha.
"Orkeestiraan kun addunyaa akka agarruuf, ogeessoota muuziqaa biroo waliin akka hojjannuufi aadaa biroo akka barruuf carraa nuuf kenneera," jetti Maaram.
Galii waligalaa waggaa doolara 500 qabachuun, Afgaanistaan biyyooti hiyyeeyyi addunyaa keessaa yokko yoo taatu, shammarraan barumsaa argatan ammo 30% gadidha.
Komii
Mineestirri barnoota akka jedhutti murtee kanarra kan ga'e sababa hirmaannaa sagantaalee muuziqaa irraan kan ka'e ijoolleen dubaraa barnootaan miidhamaa jira jechuun maatiileen komii waan dhiyeessaniifi jedhe
Ministeerri barnootaa Afgaan ibsa dhiyeenya baaseenimmoo, ministeerichi "barattoonni dubaraa hundi mirga baraachuufi filannoo qophiiwwan aartii fi aadaa irratti hirmaachuu isaan qaban ni deeggarra" jedheera.
"Kun wanuma hin taane," jedha aariin Dr Ahmaad Sarmaast. Dr Ahmaad bara 2015'tti Orkeestiraa Zoograa fi bara 2010tti ammoo Mana barnoota Muuziqaa Biyyaalessaa Afgaanistan nama hundeessedha.
"Utuma maatii tokko tokko irraa komiin jiraateyyuu, shamarraan Afgaanistan hunda callisiisuuf kun sababa hin ta'u," jechuun BBC'tti himeera.
Dhorkaa kana irratti erga mormiin dhiyaate booda, ministeerri barnootaa Afgaan dhimmicha irratti ibsa dabalataa Kamisa (Bitootessa 11) kenneen, barattoonni dubaraa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessa jiran eeyyama maatii isaaniin sirba irratti hirmaachuu danda'u jedheera.
Dr Sarmast garuu kana hin amanne. "Miidiyaalee idil addunyaa adeemsa keessa jirru utuu hin hubatiin wanta kana gabaasaa jiru," jedha. "Qajeelfamni dura ba'e ammayyuu hin haqamne."
Bilisaan of ibsuu
Namootni qajeelfama kana cabsan akka seerri eeyyameetti ni adabamu jedha mootummaan, ta'us garuu adabbiin akami akka kennamu ifa hin taane. Dr Sarmaast dhorkaa kana mormuun intarneeta gubbaatti sochii eegaleera.
"Namootni mormii isaanii agarsiisuuf weellisaa warabaanii akka intarneeta gubbaa kaa'aniif waamicha dhiyeessaan jira," jedha.
Bara 2014tti, yeroo bade of balleessaan Taaliban magaala Kaabul bakka barattoonni isaa qophii dhiyeessaa turan biratti haleellaa taasiseen Dr Sarmaast xiqqoomaaf du'a jalaa oole.
Gurrii isaa tokko sababa balaa kanaan dhagahuu kan hin dandeenye yoo ta'u, mataa isaa keessa caccabaa balaa kanaa baasuuf wal'aansa baqaqsanii hodhuu hedduuu godheera. Ta'us garuu ammayyuu kaayyoo isaa irraa hin kaanne.
"Shamarraan Afgaanistaan bilisaan karaa muuziqaaa of ibsuu danda'uu qabu," jedha.
Komiishiniin Mirga Namoomaa walabaa biyyatti sochii dhorkaa kana mormuutti dabalameera.
"Mirga barnootaa argachuu, walabummaan of ibsuu fi dandeetti artiif ibsachuun mirga bu'uraa daa'immaniidha," jedha komishiniin kun ibsa baaseen.
Taaliban aangoorra kan kaafaman bara 2001tti weerara waraanni Ameerikaan durfame tasiseeni. Ta'us garuu muuziqaa Afgaan deebisuuf wagga dheeraa fudhateera.
Rakkoowwan jalqabaa
Taaliban kufuus mormiin muziqaa irratti ka'u guutummaa guututti hin badne.
"Afgaanistaan keessatti nama cimaa qofaatu weellisaa ykn ogeessa muuziqaa ta'uu danda'a," jetti Maaram. Kanammoo mudannoo irraa beekti.
Akkoo fi akaakaan Maaram muuziqaa ni mormu ture, abbaaf haati ishees jalqaba mormii qabu ture. Garuu erga bara 2000tti gara Masiriitti imalanii booda mormiin isaani hir'achaa dhufe.
Maaram bara 2002tti Kaayiroo keessatti kan dhallatte yoo ta'u piyaanoo taphachuu kan eegalte umriii ganna shaniitti.
Imallii muuziqaa Maaram kan danqame umurii ganna 13tti yeroo maatiin ishee gara Kabulitti deebi'anidha.
"Yeroon as dhufe wanti hundi ni jijjiirame. Abbaankoo yoon muziqaa itti fufe waanti hamaan na mudata jedhe yaadda'a ture," jetti Maram. Piyaanoo mana keessatti taphachuu akka dhaabdullee gaafatee ture
Jaalala piyaanoo
Taphachuu dhaabuun Maaramitti itti cime.
"Amman Afgaanistaanitti deebi'utti muziqaan anaaf hangam waan addaa akka ta'e hin beekneen ture. As namni fi adaan jiru addadha. Rakkoowwan hedduutu jira," jetti Maaram. "Wanti hin geeddaramne muuziqaakoodha.''
Dr Sarmaast waliin haasa'uun torbanitti si'a lama akka piyaanoo taphattuuf abbaan ishee akka eeyyamuuf ishee gargaareera.
Boodarra mana barnootaa fi orkeestiraa inni hundeessetti dabalamuun umurii ganna 14'tti taphattuu piyaanoo taate.
"Muziqaa filachuunkoo jireenyakoo keessatti murtee isa baayyee gaarii ta'edha. Amma guddadheera barsiistonnikoos nama fakkeenya ta'u akkan ta'e natti himu," jetti.
Gartuun ishee barattoonni hedduun muziqaa akka jaallataniif kakaasaniiru jetti.
Kaayyoo guddaa
Maaram ammaa guyyaa guyyaan piyaanoo sa'aatii saddeetiif kan shaakaltu yoo ta'u barnoota ishees itti fufuu barbaaddi.
"Afgaanistaan keessa kolleejjiin muziqaatiin barnoota digirii kennu hin jiru, kanaaf biyyaa alaa deemuun barbaada," jetti.
Murteen mootummaan dhiyeenya fudhate kun kaayyoo namoota hedduu balleessu danda'a yaddoo jedhu qabdi.
Isheen carroomtee maatii isheerra deeggarsa guutuu fi kaayyoo ifa ta'e qabdi.
"Addunyaa irratti dubartii Afgaan konseertii piyaanoo qofaa dhiyeessite ishee jalqaba ta'uun barbaada."