Afgaanistaan: Dubartii daa’imman haati isaanii hoospitaalatti jalaa du’an harma hoosiftu

‘‘Mucaakoo osoon hoosisuu garaan na boora’e. Daa’imman biroo yeroo gidiraan irra ga’u argaan ture,’’ jetti Firoozaa Omaar.

Kibxata darbe Kaabuul, magaalaa guddoo Afgaanistaanitti haleellaa hospitaala hawwan keessatti da’anirratti raawwatameen daa’imman dhalattuu, hawwan fi narsoota dabalatee namoonni 24 haala suukanneessaan ajjeefamanii jiru.

Dubartii ganna 27 kan taate Firoozaan oduu kana TV irraa dhageesse. Hiriyootashii waliin erga haasofteefi suuraawwan miidiyaa hawaasaarra naanna’an yeroo agartummoo haalichi hamaa ta’uu hubatte.

Ofiisheef daa’ima ji’a afurii qabdi. Osoo ilmashee hoosiftuu waa’een daa’imman haati irraa duunaan dararamaa jiranii sammuushee jeequutti ka’e.

Gara-laafummaan kakaatee dhalattoota sunneen gargaaruuf murteessite. Kan itti aane gara-laafessummaafi kaka’umsadha.

‘‘Baati qulqulluu Ramadaanaa kana keessa soomaa oollee yeroo faxaruuf dhiyaachaa jirrutti haleellaan kun raawwate, abbaa warraa kiyyatti ijoollee kana gargaaruuf yaaduukoo ittin hime.

Abbaan warraashees yaadashiitiin walii-galee, mucaa isaanii akka ilaalu itti hime.

Yeroo sanatti, humni addaa Afgaan haadholii fi daa’mman 100 ta’an Hoospitaala Daasht-e-Baarchii keessaa baasuun, warra reef dhalate ammoo bakka jireenyaa Firoozaa irraa km2 iddoo fagaatee jirutti da’achiisee ture.

Boo’icha daa’immanii

Konkolaataadhaan bakka daa’imman sunneen jiran ga’uuf dhiyoo ta’us, balaa qaba. Magaalaa reefuu haleellaan keessatti raawwatee naasuu keessa jirtu waan ta’eef.

"Hospitaalicha yoon deemu daa’imman 20 ta’anun arge. Gariin isaanii miidhamanii jiru. Narsoota yoon haasosfsiisu warra baay’ee boo’aa jiran akkan hoosisu natti himani."

Walitti aansitee ijoollee afur hoosifte. Osoo isheen achi hin ga’in dura, narsoonni nyaata aannan nam-tolchee irraa tolfame daa’imman sunneeniif laachaa turani.

‘‘Daa’imman muraasni aannan sana dhuguu didaa turani.’’ Jettee yaadatti Firoozaan. Lubbuu daa’imman sunneeniif boqonnaa kan laatte dubartiin kun.

"Yeroon isaan hoosisetti, nan tasgabbaa’e. Waan isaan gargaaruu danda’eef, hedduu natti tole."

Yeroo manatti deebitummoo, dabareen kan ilmashee ture. "Sa’aatii lama wayii booda, ilmakoon hoosise." Jechuun dubbatti Firoozaan.

Muuxannooshee miidiyaa hawaasaa irratti barreessuun, hawwan biroos hospitaalichatti deemuun daa’imman kunneen akka hoosisan jajjabeessiti.

Dubartoonni biroos deemanii harma hoosisaa akka jiran kan dubbattu Firoozaan, haleellaa sana booda Roobiifi Kamisa kaleessaa garasitti deemtee jirti.

Kunis ta’uu kan danda’e, abbaan warraashee waan guutummaatti ishee deeggaruufi jajjabeessuuf akka ta’e dubbatti.

'Yakka waraanaa’

Amma yoonaatti qaamni haleellaa kanaaf itti-gaafatamummaa fudhate hin jiru, gareen mirga namoomaa ‘Human Rights Watch’ halellaa kana ‘Yakka waraanaa’ jechuun ibsee jira.

Mootummaan warra kana raawwate akka qabaniif raayyaa ittisaa ajajeera.

Kaabuul waggoota kurnan afur darbanitti walitti bu’iinsa hedduu keessumeessitus inni haadholiifi daa’imman ajjeesuuf aggaammate kun garuu isa hamaa ta’uun yaadatama.

Magaalaa dhalattee guddatte keessatti walitti bu’iinsi dhaabbii waan hin qabne fakkaachuun Firoozaa ni yaaddessa.

"Ijoolleen dhalattuun kun harmee isaaniitiin hammatamuun wayita irra jirutti ormi harma hoosisaanii jira." Jetti.

Akka ogeettii xiin-sammuutti maatii Afgaan hedduu dararaan irra ga’e gargaaruun ga’ee hawaasummaa ba’achuu feeti.

'Fedha daa’imman guddisuu'

Yeroo daa’imman hoosisuun rakkisaa ta’etti akka fayyaduuf aannan, akkasumas wantoota qulqullina ittiin eegan bituuf hiriyootashee kakaasuun qarshii walitti qabaa jirti.

Warreen miidhaan irra ga’een ala, daa’imman kuun hoospitaala daa’immanii Ataaturkirraa ba’anii jiru.

Warreen maatii hin qabneef garuu niyaaddofti. ‘‘Dursa kanin laadhu warra maatii malee hafaniifidha, daa’ima tokkommoo ilmakoo cinatti guddisuuf fedhii guddaan qaba.’’ Jechuun hamileen dubbatti.