Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sababii Covid-19n dubartoonni mil. 47 tajaajila karoora maatii dhabuu danda'u'
Sababii koronaavaayirasiitiin walqabatee dubartoonni miliyoona hedduun lakkaa'aman tajaajila ulfa itttisuu dhabu akka danda'aniifi kanaan walqabatees ulfi hin karoorfamne baay'achu akka danda'u Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii beeksiise.
Dubartoonni biyyoota galii gadi aanaafi jiddu galeessaa qaban 114 keessatti argaman miliyoonni 47 ta'an tajaajila karoora maatii argachu dhabu danda'u jedha UN.
''Akkasumas uggurri biyyoonni kaa'aan ji'oota jahaaf kan itti fufu yoo ta'e, ulfi hin karoorfamne miliyoonni torba umamuu danda'a jechuun akeekkachiisee jira.
Tajaajilli fayyaa bu'uuraas adda cituu maluu. Itti aansees baatiiwwan sadan sochiin itti eegalu keessa dubartoonni miliyoona lama ta'an dabalataan tajaajila ittisa ulfaa dhabu danda'u'' jechuun gabaasichii ibseera.
Haalli kun ammoo biyyoota akka Filippiinsi kan ulfa ofiirraa baasuun yakka itti ta'ee keessattii haalicha caaalaa yaachiisaa taasisaa jedhameera.
''Filiippiinsitti tibba weerara Covid-19 kana keessa dubartoonni miliyoona 1.2 ta'an ulfa hin karoorfamne mudachu danda'a,'' kan jedhan Dr Jooseef Mikaa'eel Siingiih biyyattiitti bakka bu'aa garee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti.
Tilmaamni kunis hir'ina tajaajila karoora maatii sababii koronaatiin dhibbeentaa 50 bara kana keessa mudachuu malu yaaduun kan tilmaamadheedha jedhaniiru.
Kanam malees ulfi karoora malee kunis hir'ina narsootaa, deessiftootaa fi kunuunsitoota tibba balaa tasaatiin walqabatee du'aatii haadhooliif illeen madda ta'u akka malu dabaluun himeera gareen kun.
Hirrina qorichaa
"Ammayyuu hir'inni akka kondomii fi qorichoota ittisa ulfaa muraasni nu mudateera,'' jedhu hogganaa dhaabbata mit-mootummaa Ruutis Of Heelzi jedhamu kan ta'an Amiinaa Evaanjaalist.
Gareen isaaniis biyya Filippiinsiitti bakkeewwan baadiyaa ta'an keessatti tajaajila karoora maatii dhiyeessuun hojjataa kan ture yoo ta'u, erga koronaan mudateen asi garuu qorichoota bakkaa bakkatti geessuuf hir'inni geejjibaa waan mudateef hanqinni kuusaa isaan mudachu himu.
Sagantaan Maatii Biyyaaleessa kan mootummaa BBC'tti akka himeetti kuusaa tajaajila maatii gahaa qabaatulleen bulchiinsoota hundatti geessuuf rakkoon akka isa mudate himeera.
''Dubartiin miila isheetiin fageenya kiiloo meetira 10 deemtee tajaajila argattu jirti. Amma garuu sababii Covid-19n daandiiwwan cufamaniif eegdota buufataalee sakkata'iinsaatiin dhaabamuun eessa akka deeman himuutu isaan barbaachisa,'' jettii Purtoo Piriinsaa hojjattuun Waajira Fayyaa Magaalaa Paalaawaan.
Filippiinsitti sababbii uggura kaa'ameetiin iddoowwan tokko tokkotti maatii tokko keessaa socho'uun kan hayyamamu nama tokko qofaadhaaf.
''Hayyamni socha'u kan keenname dhiiroota qofaaf miti. Garuu yeroo baay'ee kan socha'an isaan,'' jetti Ms Siwaanpoo'eel.
Keessattuu dubartoota abbaan warraa isaanii akka isaan qoricha fayyadaman hin beekneef, qoricha argachuun caalaa rakkisaa ta'a jetti.
Dubartoonni qoricha fudhatan xumuranilleen bahanii kan biraa argachuuf sababbii uggurichaatiin baayyee rakkatu.
Kun ammoo abbootiin warraa isaan waliin mana keessa oluusaanitiin walqabatee haalicha caalaa kan cimu taasisa jedhameera.
''Keessattuu dubartoota karaa umamaatiin ulfa ittisaniif amma danqaatu mudata. Tibba ulfi umamuu danda'uutti quunnamtii saalaa irraa kan of qusachu filatan ta'ulleen amma garuu abbootiin warraasaanii waliin mana keessa waan oolaniif kun rakkisaa itti ta'u mala,'' jetti.
Qorannoon bara 2017'tti biyya Filippiinsi keessatti gaggeeffame tokko, dubartoota umurii heerumaaf gahaniif kanneen hin heerumne keessaa kan %49 ta'an mala ittisa ulfaa kamuu kan hin fayyadamne akka ta'e mullisa.
Akkasumas kanneen heerumanii garuu dahuu hin barbaadne keessaa %17 kan ta'an mala ittisa ulfaatti hin fayyadaman.
''Biyyattii keessatti dubartoonni hedduu mala ittisa ulfaatti hin faayamde kunneenis sababii oduuwwan sobaa dhiibbaa biraa qabaachu mala jedhamanii himamaniin walqabateeti'' jedhu bakka bu'aan UNFPA Dr Jooseef Mikaa'eel.
Ulfi karooraan alaa kunis dubartoota hedduu dhiibbaa dinagdee, hawaasummaa fi xin-sammuutiif saaxilu danda'a.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras