Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasi: Chaayinaan guyyaa 10 keessatti guutuu Wuhaan qorachu dandeessii?
Chaayinaan jiraattota magaalaa Wuhaan bakka weerari Covid-19 irraa eegalee hunda qorachuuf karooraa cimaa baafte jirti.
Ibsi kunis jalqaba Eblaatii as yeroo jalqabaatiif namoonni koronaavaayirasiin qabaman haaraan jaha erga magaalattii keessatti argamaniin booda kan taasifameedha.
Aanga'oonni namoota miliyoona 11 magaalaa Wuhaan keessa jiraatan hundaa qorachuuf waadaa galani.
Qorachuun hangam fudhataa?
Dhuma baatii Eblaatti mootummaan bulchiinsa Hubeeyi guyyaa guyyaatti namoonni kumni 63 Wuhaan keessatti qoratamaa jiraachu gabasanii ture.
Caamsaa 10'tti ammoo baay'inni jedhame sun gara kuma 40'tti gad bu'ee.
Akka gaazexaan Hubeeyi tokko gabaaseetti, magaalattii keessaa jidduugalawwan qorannoo 60 oliitu jira.
Dandeettiin waliigalaa guyyaa jiddugalawwan kanneen inni guddaan 100,000 yoo ta'u, karoora guyyoota 10 keessatti jiraattoota magaalaa gutuu qorachuu fiixa baasuuf baay'ee cimaa ta'a.
Kanaafu aanga'oonnis ''Magaalicha keessatti bakkeewwan tokko tokkotti qorannoon Caamsa 12'tti bakka biraatti ammoo Caamsaa 17, bakka hundatti guyyaa walfakkaataa waan hin eegalleef guyyaa 10 keessatti hin xumuramu ta'a,'' jedhaniiru.
Haa ta'u malee ''aanaaleen hundi qoranicha jalqabanii guyyoota 10 keessatti ni xumuru.''
Hanga ammaati hangamitu qoratamee?
Akka midiyaalee biyya keessaa gabaasaniitti, hanga Caamsaa 14'tti namoonni miliyoona 2.7 ta'an magaalattii keessatti qoratamaniiru.
Garuu ammoo Yunivarsitii Wuhaaniitti Daarektarri Itti aanaan Kutaa baayolojii, Yaang Zhaangituu akka jedhaniitti jiraattoonni Wuhaan miliyoona sadii hanga shanii ta'an qoratamaniiru.
Baayyinni lakkoofsa jiraattoota magaalattii miliyoona 11 jedhamuus caaluu ykn isaan gadi ta'u mala.
Aanga'oonni akka jedhaniitti jiraattoonni magaalattii miliyoona shan ta'an bara haaraa biyyattiitiif Amajjii 23 uggura taasifameen duraa magaalattii bahanii jiru.
Uggurichi hanga Ebla 8'tti ture. Kanaafuu sana keessa namoonni meeqa akka deebii'an ifa miti.
Ofii hundi qoratamu qabaa?
Pirofeesar Yaang akka jedhaniitti hanga naannoo isaanitti namni vaayirasichaan qabame hin gabaafamneetti hundi qoratamuun dirqama miti.
Aanga'oonnis namoota caalaa saaxilamoo ta'an qorachuu akka eegalan himan. Fakkeenyaaf namoota umuuriin deeman, naannoo baayyee walitti baayyachuun jiraatamu, akkasumas kanneen hojii murteessoo kan akka eegumsa fayyaa irra hojjataniin eegalama jedhaniiru.
Akkasumas namoonni guyyoottan torban darban keessatti qorataman irra deebiin hin qorataman.
Garuu Dureen dhukkuboota daddarboo Jidduugalli Ittisaafi To'annoo Dhukkuboota Chaayinaa Wu Zunyou TV mootummaa biyyattiitti akka himaniitti, ''vaayirasichi namoota dandeettiin dhukkuba ittisu saanii dadhabaa ta'e irratti yeroo dheeraa fudhachu danda'a. Kanaafu, namoonni akkasi miira dhukkubbii mulatee baduuf saaxilamoodha,'' jedhaniiru.
Pirofesar Yaang akka jedhaniitti: ''Namoonni erga qoratamanii bilisa ta'anii boodas kan faalaman yoo ta'ees hin beekamu.''
Akkasumas Kaawunsilii Dhimmoota Biyyoota Alaa US'tti buu'ura taasifate keessatti qondaala fayyaa addunyaa olaanaa kan ta'an Yaanzhong Haang akka jedhaniitti, ''Ammalleen gara fuula duraatti weerarri addaa kan qorannoon bal'inaan taasifamu fala hintaane mudachu mala.''
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras