Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: Kaabuul guyyaa jalqabaa bulchiinsa Taalibaan jalatti
- Barreessaa, Maliik Mudassir
- Gahee, BBC News, Kaabuul
Taalibaan waggoota 20 booda Dilbata magaalaa guddittii Afgaanistaan deebisee to'ateera. Kaabuul guyyaa jalqabaa bulchiinsa Taalibaan jalatti maal fakkaatti?
Gaazexeessaan BBC Maliik Mudassir guyyaa jalqabaa Taalibaan aangootti deebi'e Kaabuul maal akka fakkaattu ibsa.
Loltoonni Taalibaan bakka hunda jiru, iddoo sakatta'iinsaaf poolisoonni dhaabbatan ykn bakka duraan loltoonni turan.
Magaalattii keessa akka kaleessaa [Dilbata] muddamni guddaan hin jiru. Hidhattoonni Taalibaan sochii tiraafikaa magaalaa keessaa to'atu, konkolaattota sakatta'u, keessaahuu konkolaattota kan poolisii fi kan waraanaa turan.
Konkolaattota kana hunda isaanii fudhatanii itti dhimma bahaa jiru. Konkolaattota kana kan oofaa jiru loltoota Taalibaan yoo ta'anillee, bakka sakatta'insaatti dhaabbachuun dirqama.
Kana kan godhaniif hattoonni fi saamtonni loltoota Taalibaan fakkaatanii akka hin dabarreefi jechuun nutti himan.
Wanti buufata xiyyaaraatti mul'atu balaa guddaa qaba. Maatiin, ijoolleen, daa'imman, namooti gurguddoon waliin karaa kiiloomeetira 2 ta'u gara buufata xiyyaaraa geessurra miilaan deemu.
Namoonni hedduun biyyattii gadi dhiisanii baqachuuf yaalaa jiru. Gariin lafa magariisaa daandiirra jiru walakkaa taa'anii eegu.
Buufata xiyyaaraa yoon jedhu waa'ee namoota 10,000 ol ta'aniin haasa'aa jira. Karra buufata xiyyaarichaa irratti hidhattoonni Taalibaan gara samiitti ol dhukaasuun namoota bittimsuuf yaalu.
Namoonni gara keessaa seenuu barbaadan gariin dallaa, gariin karra yaabbataa turan. Dallaa shiboon tolfame kan yaabaa turanilleen jiru. Namni hundi seenuuf wal-dhiiba.
Buufata xiyyaaraatti namoota balaliin jala darbee achitti ugguraman agarreerra. Namni tokko kan Dilbata gara Uzbeekistaan imaluun irra ture, qondaalonni buufata xiyyaarichaa gatanii baqatan.
Namoonni hedduun paaspoortii ykn tikeettii malee achi jiru. Cal jedhaniituma xiyyaara ni balali'a jedhanii yaadan yoo koran bakka fedhan dhaquu waan danda'an isaanitti fakkaata jedha namni kun.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman nyaataa fi bishaan malee achitti danqamanii jiru. Daa'imman, dubartoonni akkasumas qaama miidhamtoonnillee jiru.
Tasgabbii jiddugaleessa magaalattii
Garuu gara jiddugaleessa magaalattii yoo deemte jireenyi bifuma idileen waan itti fufe fakkaata. Sochiin tiraafikaa daran xiqqaadha, suuqiiwwan hedduun cufamaniiru.
Haata'u malee namoonni kaleessa caalaa tasgabbii qabu - kaleessa namuu rifaatuu qaba ture. Sochiin tiraafikaas wal dhiphisee ture.
Karaa irratti dubartoota hedduun arge, kan kophaa deemanis jiru. Gariin isaanii wayyaa fuulaa fi qaama isaanii haguugu 'burqa' uffataniiru, gariin ammoo maaskii fi shaarpii mataa isaanii haguugu qofa uffatan.
Karaa irratti waan fedhan gochaa turan. Loltoonni Taalibaanis achuma turan, wayita isaan dhorkan hin agarre.
Karaarra muuziqaan tokko hin dhagaahamu. Hoteela keessaa duraan muuziqaan ni dhagaahama ture, amma hin jiru. Hojjettoonni sodaataniiru.
Magaalattiin garuu akkamiinuu jirti. Callisatu jira. Namoota hedduu hin dubbisne garuu shufeeronni taaksii maamila koo ta'an, Taalibaan aangoo fudhachuun isa homaa miti jedhu.
Kan nama ajaa'ibu namoota loltoota Taalibaan nagaa gaafatan argeera - "haloo, aangoon dabalataa isiniif mala, carraa gaarii", jedhaanii turan.
Loltoonni Taalibaanis gammachuu qabu - muraasa isaanii dubbiseera. Kanneen ani arge naamusaan socho'aa turan.
Kaleessa xiqqoo sodaadheen ture, hokkoraa fi wanti hamaan ni jiraata se'een ture. Garuu akka carraa homtuu hin taane. Callisaa fi tasgabbiitu jira.
Waggoota 20 booda magaalaan gudditti to'annoo qaama biraatti dabartee callisni akkanaa jiraachuu amanuun na rakkisa.