Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US hojjattootashee Afgaan keessaa baasuuf buufata xiyyaaraa Kaabul to'atte
Taalibaan magaalaa guddiitti Afgaan Kaabuliitti deebi'ee to'achuu hordofee jiraattoota magaalattii baqataa wayita jiraniitti loltoonni Ameerikaa buufata Xiyyaara Idil-Addunyaa Kaabul to'atan.
Loltoonni Ameerikaa hojjattoota Ameerikaafi gargaartota isaanii biyyattii keessaa baasuuf jecha naannoo buufata xiyyaarichaa qofaa osoo hin taanee to'annoo tiraafika qilleensaas qabataniiru.
Haata'u malee, balali'insiwwan idilee dhaabbateera waan ta'eef, lammiilee Afgaaniifi lammiilee biyya biraa kumaatamaan lakkaa'aman danqamanii jiru.
Warraabbiiwwan miidiyaa hawaasaa irratti qodamaa jiran akka mul'isaniitti, erga milishoonni Taalibaan Dilabata masaraa mootummaa biyyattii to'atanii booda namoonni dhibba hedduuttin lakkaa'aman gara buufata xiyyaaraatti wayita fiigan mul'atu.
Ameerikaan ammoo hojjattoota imbaasii ishee hunda gara buufata xiyyaaraatti geessuun baasuudhaaf eeggataa akka jirtu himte.
Kana malees, hojjattoota Afgaanii baasuu akka gargaaraniif jecha looltoota gara 6,000 ta'an erguu beeksiifte.
Pirezidaantiin Afgaanistaan Ashraaf Ghaanii Taalibaanoonni magaalaa guddoo biyyatti Kaabul to'achuu hordofee Dilbata guyyaa biyyaa bahuun dhagahameera.
Gabaasaalee qondaaltoota biyyattii eeruun akka jedhaniitti, Ittaanaan Pirezidaantii Amruullaah Saaleh illeen Afgaanistaan dhhisanii biyya biraatti baqataniiru.
Guyyaa Dilbataa loltootni Taalibaan maaalaa guddoo Afgaanistaan to'ataniiru. Mootummaan Afgaanistaan kan pireezidant Asgraaf Gaaniin hoogganamu diigamuun kan beekame warri Taalibaan Kaabul seenuu saa'aatiiwwan dura yeroo biyyatti gadhiisanii baqatanitti.
Loltootni US fi michoota ishee Afgaanistaan keessatti waggoota 20'f Taalibaaniin waraanaa turan biyyattii gadhiisanii bahuu hordofee saffisaan kutaalee biyyattii to'achaa kan dhufan loltootni Taalibaan, guutummaa biyyattii to'ataniiru.