Afgaanistaan: Eenyummaa gaggeessitoota Taalibaan keessa jiranii beektuu?

Pirezidaantiin duraanii Afgaanistaan Ashraaf Gaaniin erga biyyaa baqatee mootummaan isaa kufee, amma warra Taalibaanitu Afgaanistaaniin to'atee jira.

Ammatti eenyu akka yeroo ce'umsaa isaan "naga-qabeessaa" fi "haaloo bahuu" hin qabne jedhan kana itti gaafatamaa ta'uun gaggeessu hin baramne.

Garuu amma eenyutu Taalibaaniin gaggeessaa jiraa?

1. Hibatullaah Akhundizadaa

Hibatullaah Akhundizadaa Caamsaa 25, 2016 du'a Akhtar Mansour horofee Komaandara Olaanaa Taalibaan ta'e. Akhtar Mansour erga waggaa tokkoof garee kana gaggeessee booda haleellaa Ameerikaan gaggeessiteen ture kan ajjeefame.

Baroota 1980n keessa mormii Islaamistoonni duula waraanaa Sooviyeet Afgaanistaan keessatti gaggeessite dura dhaabbachuuf gaggeessan keessatti hirmaateera.

Haata'u malee, namni kun maqaa gaarii inni horate gaggeessummaa waraanaa calaa, gaggeessummaa amantiihaan.

Akhundizadaa baroota 1990n keessa dursaa mannen murtii Shariyaa ta'uun hojjeteera.

Bara 1990n keessa erga aangoo qabatee booda, Taalibaan adabbiiwwan Seera Silaamummaa bifa cimaa ta'een akka hojiirra ooluuf deeggaraa ture. Kanaaf, warra nama ajjeesaniifi ejjaan qabaman addabaabaayitti ajjesaafi warra hatan ammoo harka irraa muru ture.

Of qofaa dhaga'a kan jedhamu bara bulchiinsa Mullaah Mohammed Omaar keessa Taalibaan keessatti TV, muuziqaa, fiilmiiwwaniifi dibanni miidhaginaaf jecha dibataman dhorkaa turan. Ijoolleen duraa umuriin isaanii waggaa 10 fi isaa ol ta'es mana barumsaa akka hin deemne horkamu ture.

Mullaah Mohammed Omaar bara 2013 du'e jedhamee yaadama.

Akhundizadaa umuriin isaa waggaa 60ta keessa akka ta'u yoo amanamu, umurii isaa gara caalu Afgaanisaan keessa jiraate.

Haata'u malee, akka ogessonni jedhanitti gaggeessitoota Afgaanisaan Taalibaan kan magaalaa Paakistaan Quetta keessa jiran Quetta Shura jedhamuun beekaman waliin hidhata qaba.

Akka Komaandara olaanaa garee kanaatti, Akhundizadaa itti-gaafatamaa dhimmoota siyaasaa, waraanaafi amantiidha.

2. Abdul Gahaanii Baaradar

Mullaah Abdul Gahaanii Baaradar namoota afur bara 1994 Afgaanistaan keessatti Talibaan hundeessan keessaa tokkodha.

Erga Taalibaan waraana USn durfamuun bara 2001 keessa aangoorraa ari'amee booda fincilawwan gaggeeffamaniif nama murteessaa ture.

Haata'u malee, Guraandhala 2010 keessa oppereeshinii waloo US-Paakistaan gaggeessaniin magaalaa kibba Paakistaan Karaachii jedhamtu keessatti qabamee ture.

Hanga akka qaama karoora adeemsa nagaa buusuuf jedhamee gadi dhiifameetti waggoota saddetiif hidhaa ture. Bara 2019 irraa kaasee ammoo dursaa waajira siyaasaa Qaataar keessa jiruuti.

Bara 2020 keessa, Baaradar bilbilaan pirezedaantii duraanii US oonaald Tiraamp waliin dubbachuun gaggeessaa Taalibaan kallattiin pirezedaantii US waliin haasa'e jedhameera.

Har'a Abdul Gahaanii Baaradar gaggeessaa siyaasaa Taalibaan jabaadha.

"Mo'icha hin eegiin miti kan gonfanne... Amma dhimmi keenya akkamitti akka ummata keenya tajaajilluufi eegnudha," jedhe Baaradar ibsa magaalaa guddoo Qataar Dohaa keessatti waraabee ergeen.

Baaradar Dohaa keessa jiraachaa bakka bu'aa garee Taalibaan marii nagaa gaggeessaniidha.

3. Mohammad Yaqoob

Mohammad Yaqoob ilma hundeessaa Taalibaan Mullaah Mohammad Omaar.

Umuriin isaa waggaa 30 ol ta'a jehamee amanama. Yeroo ammaa kana Yaqoob dursaa oppereeshinii waraanaa garee kanaati.

Bara 2016 keessa du'a gaggeessaa duraanii Talibaan Akhtar Mansour hordofee, loltoonni hangi tokko Yaqoob akka Komaandara olaanaa garee kanaa ta'ee muudamu barbaadu. Kanneen biroo garuu ammallee baayyee ijoollee waan ta'eef muuxannoo gahaa hin qabu jedhu.

Akka miiiyaaleen biyya keessaa jedhanitti, Yaqoob Afgaanistaan keessa jiraata.

4. Siraajuddin Haqqanii

Haqqaniin itti-aangaa gaggeessitoota garichaa biraadha.

Du'a abbaa isaatiin booda, Jalaluddiin Haqqanii, gaggeessaa haaraa neetiwoorkii Haqqanii ta'eera. Neetiwoorkiin namni kun gaggeessu haleellaawwan hamaa Afgaanistaan keessatti humnootii Afgaaniifi michoota isaanii warra Lixaa ta'an irratti waggoota dhiyoo as gaggeeffaman raawwatudha.

Neetiwoorkiin Haqqanii kun yeroo ammaa gareewwan humna waraanaa humna qabaniifi soaataman keessaa isa tokkoha. Namoonni tokko tokko akka jedhanitti ammoo Afgaanistaan keessatti garee Islaamiik Isteet jedhamaniyyu caalaa dhiibbaa kan uumuu danda'anidha.

Gareen US akka shororkeessatti farrajje kun, daangaa Paakistaan-Afgaanistaan irratti socho'uuf maallaqaafi qabeenya loltuu Taalibaan to'ata.

Haqqanii umuriin isaa waggaa 45 ta'a jehamee kan tilmaamamu yoo ta'u eessa akka jiru hin beekamu.

5. Abdul Hakiim

Fulbaana 2020 keessa, Taalibaan Hakiim akka dursaa haaraa garee araraa Taalibaan kan Dohaa keessa jiruu ta'ee muudame.

Umuriin isaa naannoo waggaa 60 akka ta'u kan tilmaamu Hakiim, madaraasaa (mana barumsaa amantaa Islaamaa) ofii gaggeessu Paakistaan Quetta keessa qaa.

Gaggeessitoonni buleeyyii Taalibaan baayyeen Quettaa bakka jedhamutti baqachuun, achumarraa garee isaanii gaggeessu.

Haata'u malee, Islamabaad ammoo "Quetta Shura" kan jedhamu jiraachuudhuma isaayyu ni waakkatu.

Kana malees, Hakiim iskoolaara mana maree amantii Taalibaan cimaadha jedhamu kan dursu yoo ta'u, namoota Komaandara olaanaa Akhundizada waliin baayyee walitti dhufeenya cimaa qabu jedhaman keessaa tokkodha.