Taaliibaan magaaloota gurguddoo marsinaan waraanni biyattiitti cimaa jira

Magaaloota kibbaafi lixa Afgaanistaaniitti argaman gurguddoo keessatti lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachquun dhagahame.

Hidhatoonni Taalibaan magaaloota kanneen to'achuuf jecha humnootii motummaa Afigaanistaan waliin wal waraanaa jiru.

Hidhatoonni Taalibaan kunneenis gartokkee Heraat, Laahkaar Gaah fi Kaandaahaar galaniiru.

Hidhattoonni Taalibaan kunneenis erga loltoonni biyyoota alaa Afgaanistaan keessa turan hundi Fuulbaana irra kaasee akka bahan labsanii kaasee baadiyyaa biyyattii keessaa qabachuu eegalan.

Haata'u malee carraan magaaloota kanneenii hin baramne. Kana malees motummaan haala kanaan hanga yoomiitti aangoorra turu danda'a laata kan jedhus baayyee yaaddeessaa ta'eera.

Haala kanaan walqabatees balaan namoomaa cimaa ta'uu mala jedhamuun sodaatamaa jira.

Ammaan tanatti Taalibaan walakkaa Afigaanistaan to'atee kan argamu yoo ta'u, kanneen keessaayis daangaaleen gara Iraaniifi Paakistaan ittiin ce'amu ni argamu.

Sanbata kaleessaa Laashikaar Gaah keessatti hidhatoonni Taalibaan kunneen waajira bulchiinsa naannichaa irraa fageenya kiilomeetira dhibba i qofatti akka argaman kan himamee ture yoo ta'u alkan keessa garuu gara booddeetti deebiifaman jedhame.

Guyyoota hedduu keessatti yaalii akanaa wayita raawwatan kun yeroo lamataati. Ajajaan humnootii Afigaan guyyaa Jimaataa humnootii Taaliibaan irratti miidhaa olaanaa qaqabsiisuu dubbatanii ture.

Haallisaa kan jijjiiramu fakkaatulleen garuu magaalaa guddoo bulchiinsa Laashikaar Gaah kan loltoonni Ameerikaa fi Inglizi hedduun lubbusaanii itti dhaban, ammalleen baayyee saaxilamtuu fakkaatti.

Kaayyoo cimaan Taalibaanootaa magaaloota to'achuudha.

Deeggartoonni finciltoota Taaliibaan miidiyaalee hawaasaa irratti waraanaa loltoonni isaanii magaalattii jidduutti taasisan kan agarsiisu viidiyoo maxxansaniiru.

Humnootiin addaa Afgaanistaan hidhattoonni gara duubaatti akka deebiifamaniif ergamaa jiraatan illeen, jiraataan naannichaa tokko akka jedheetti kun raawwataaa jiraatulleen Taalibaanoonni haalaan cimaa jiruu jedheera.

Hidhatoonnis manneen jireenyaa namoota idilee keessa waan galaniif kunis waraanicha walxaxaa taasisuutu himame.

Waaraanni dheeraa fi cimaan gara fuula duraatti ganaa kan dhagahamu fakkaata.

Miseensi Mana maree Kaandaahaar tokko BBCtti akka himaniitti, magaalattiin balaa harka Taalibaanootaatti kufuu cimaa keessa jirti. Hanga ammaattis namoonni kumaa hedduu bakka jireenyaa kan buqa'aniifi balaan namoomaa cimaan qaqabuuf jira jedhan.