Omicron፡ Dhaabbati Fayyaa Addunyaa biyyoonni akaakuu koronaavaayirasii haaraadhaan akka hin rifanne hubachiise

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) sababa akaakuu koronaavaayirasii haaraa Omicron yaaddoo keessa galuu akka hin qabne hubachiise.

Vaayirasichi akka hin tatamsaane of-eeggannoo gochuudha malee rifannaan hin barbaachisu jedheera dhaabbatichi.

Jimaata kaleessaa konfiransii dhimma fayyaa tokkorratti kan dubbatan dhaabbatichatti qorattuu kan ta'an Dr Sooyumiyaa Shaaminaat, haalli addunyaan amma keessa jirtu kan waggaa darbeerraa adda jedhan.

Akaakuun koronaavaayirasii haaraan Omicron jedhamu haga ammaatti biyyoota 40 keessatti argameera.

Vaayirasiin kun talaalliidhaan qolatamuu danda'aa? kan jedhu hanga yoonaa wanti ifa ta'e hin jiru.

Dr Sooyumiyaa qorannoo Afrikaa Kibbaatti qoratame eeruun, ''akaakuun koronaavaayirasii kun sadarkaa olaanaadhaan tatamsa'uu danda'a,'' jedhan.

"Tilmaamuuf rakkisaa ta'us, akaakuun vaayirasii kun adunyaarratti saffisaan kan tamsa'udha. Fakkeenyaaf akaakuun koronaavaayirasii Deeltaa jedhamu vaayirasii addunyaarratti mul'ataa jiru keessaa dhibbeentaa 99 ta'a,'' jedhan.

Kanaafuu addunyaan dhiphinaa fi rifaatuu keessa galuurra of-eeggannoo cimsuurratti xiyyeeffachuu akka qaban ogeettiin kun dhaaman.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hoogganaan damee balaa tasaa Maayik Raayan, yeroo ammaa irratti xiyyeeffatamuu kan qabu talaallii koronaavaayirasii hundaan ga'uudha jedhan.

Talaalliin haga yoonaa hojiirra oolan akkaataa akaakuu vaayirasii Omicron qolachuu danda'uun haa fooyya'an jechuun qorannoon eere hanga yoonaa akka hin jirre himan.

Akaakuun vaayirasii Omicron argamuu hordofee biyyoonni addunyaa hedduun uggura imalaa Afrikaa Kibbaarra kaa'aa jiru.

Kunimmoo UN fi Gamtaa Afrikaa biratti mufii guddaa uumeera.

Ameerikaan namoonni garashee imalan guyyaa tokko dursanii qorannoo Covid-19 taasisuu dirqama gooteetti.

Vaayirasiin haaraan kun biyyoota Afrikaa fi Awurooppaa akkasumas Ameerikaa keessatti kan argame yoo ta'u, ammammoo Indiyaa keessattis mul'ateera.

Lammii Afrikaa Kibbaa umrii waggaa 66 fi hakiima lammii Indiyaa umrii waggaa 44 irratti vaayirasichi argamuu Indiyaan ibsiteetti.