Maalii: Hidhattootni ootoobisiitti abidda qabsiisuun namootni hedduun du'an

Humna farra shororkeessaa Maalii ''Forsat''

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan Jihaadistootaa Maalii keessatti dabaleera

Haleellaa konkolaataa deddeebisa uummataa irratti hidhattootni bananiin namootni gabaa deemaa turan yoo xiqqaate 31 tahan ajjeefaman.

Hidhattootni eenyu akka tahan hin baramne haleellaa banuun konkolaachisaa ajjeesan. Sana booda abidda itti qabsiisan jedhan qondaalonni mootummaa.

Namootni miidhaan irra gahe hedduun isaanii dubartoota hojiif gara gabaa deemaa turan akka tahan maddeen miidiyaa EFEtti himaniiru.

Haleellaan kun biyya Maalii keessatti isa dhiyoo yoo tahu hidhattootni [Jihaadistootni] sochiin biyyittiitti taasisan akkaan dabaleera.

Namootni hidhatan ''konkolaatatti dhukaasan, gommaa isaa dhoosan,sana booda namootatti dhukaasaa turan,'' Moolaye Guyindo, kantiibaan magaala naannichatti dhiyoo jirtuu Baankas, Rooyitasitti akka himanitti.

Akka isaan jedhanitti namootni baay'een biroo bakka bu'an dhabamaniiru yookan ammoo miidhaan isaan irra gaheera.

Suuraaleen miidiyaa hawwaasaa irratti qoodaman akkaan suukaneessoo yoo tahan ammayyuu reeffi konkolaataa gubate keessa guutee jira. Garuu BBC'n dhugummaa suuraa kanneenii adda baafachuu hin dandeenye.

Konkolaataan uummata dedebisu kun imala torbanitti si'a lama godhu ganda Soongootii gara gabaa Bandiyagaa, Km10 fagaattuti osoo deemuu haleelame.

Haleellichi handhuura biyyattii naannoo Mopti jedhamu keessatti kan gaggeefame yoo tahu haleellaan hidhattoota Al-Qaayidaa waliin hidhata qabu jedhamaniin gaggeeffamu dabaleera.

Mootumman Ce'umsaa Maalii erga fonqolchaan booda hundaa'e haleellaa kana irratti waan jedhe hin qabu. Haleellaan kun erga dhiyeenya haleellaan hoomaa waraanaa UN irratti Kaaba biyyattiiti gaggeeffamuun nama nagaa tokko galaafatee kan qaqabedha.

Ji'oota 16 keessatti fonqolchi mootummaa lama gaggeeffamuun mootummaan gidduugaleessaa erga laafattee haleellaan Jihaadistootaa dabaleera. Faransaay loltoota biyyichaa qabdu 5,100 tahaniin ittisaa jirti.