Waraanni waloo osoo hin ijiraamiin filannoon hin jiraatu- Riik Maachaar

Itaanaan Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Riik Maachaar, waraanni waloo osoo hin ijaaramiin dura filannoo gaggeessuun hin ta'u jechuun akeekkachiisan.

Baatii darbee keessa pirezidaantiin biyyattii Saalvaa Kiir filannoon pirezidaantummaa bara 2023 keessaa akka gaggeeffamuun himanii ture.

Haata'u malee Mr Maachaar haasaa miseensoota paartii isaanittiif magaalaa Guddoo biyyattii Jubaa keessatti taasisaniin, ''Yoo waranaa waloo kan hinqabaannee ta'e filannoodhaaf qaama nageenyaa yoo argachu dandeessuu?'' jedhan.

Pirezidaantii Kiir fi Ittaanaan pirezidaantii Maachaa wal dhabdee humnootii mormiitootaa jidduu ture dhaabuuf jedha bara darbee Guraandhala keessa ture motummaa waloo kan hundeessan.

Akkasumas loltoota 83,000n waraanaa waloo akka hundeessan waliigalanii ture.

Kana malees Mr Maachaar filannoonni osoo hingaggeeffamiin dhura, haalawwan akka guutaman barbaadan sadii tarreessaniiru.

Isaan keessaa inni duraa baqattoonni miiliyoonaan lakka'ama biyyoota ollaa irraa gara biyyaatti haa deebii'an kan jedhuudha.

Akkasumas lakkoofsi ummataafi manneennii guutuu biyyaatti akka gaggeeffamuufi ''sababii filannoo bilisa, haqa qabeessaafi fudhatamaa barbaadnuuf, heerri motummaa dhaabbataa haa jiraatu'' jedhaniiru.

Sudaan Kibbaa keessatti wal waraanaa bara 2013 keessaa eegaleen Mr Kiir fi Mr Maachaar wal dhabanii lammiileen biyyattii gara miiliyoona afur ta'an bakka jireenyaa isaanii irraa buqqa'uuf madda ta'e.

Sudaan Kibbaa bara 2011 keessa ture Sudaan irraa adda bahuun akka biyyaatti walabummaa ishee kan labsite.