Haadholiifi daa’imman kaampii baqattootaa Gaambeellaatti rakkataa jiran

Shamarree umuriin ganna 19 lammiin Sudaan Kibbaa Naayaabeel Jook kaampii baqattootaa Gaambeellaa Jaawwiitti argamu keessa jiraatti.

Shamarreen kuni garaatti waan baattuuf hordoffii yaalaaf wiirtuu fayyaatti marmaarti, ‘’gammachuun koo mucaa qofadha, jireenya kanatti waan biraa hin qabu,’’ jetti.

Sudaan Kibbaa, Naasir irraa gara Itoophiyaatt kan baqatte waggaa shaniin dura ture. Walitti bu’insa bara 2013tti Sudaan Kibbaatti ka’een namoonni 1.5 tahan qe’eerraa buqqa’aniiru.

Naayaabeel Itoophiyaa yeroo dhuftu wayyaa uffatteen alatti waan biraa hin qabdu ture.

"Biyya koo dhiiseen kanin baqadhe rakkoon guddaa waan na mudateefi. As jireenyi kaampii keessaas immoo hangas mijata miti," jetti.

"Nyaata, modeesii fi wantoota bu’uuraa argachuuf kanneen deeggarsa kennan eeggachuun barbaachisaadha," jechuun ibsiti.

Kaampii baqattootaa Jaawwii keessa namoonni 61,971 jiraatu. Walumaa galatti kaampii baqattootaa Gaambeellaa saddeet keessa baqattoonni jiran 349,542 tahu.

Waggaa darbe Sudaan Kibbaa irraa gara Gaambeellaa namoonni 11,000 baqataniiru. Kanneen keessaa harki 55 dubartootadha.

Sochii gargaarsaa Mootummoota Gamtoomaniifi dhaaboti gargaarsaa biroo godhan marsariitiin ifa godhu Relief Web, baqattoonni kunneen akkmiin jireenya isaanii itti fufu waan jedhuuf karoorri yeroo dheeraa hinjiru jedha.

Hammi nyaataa baqattoota kanaaf dhiyaatu akka hir’isus himameera. Carraan baqattoota kanaas yeroo dhaa yerootti yaaddessaa tahaa jira.

Naayaabeel gara biyyashee deebi’uu hin dandeessu. Itoophiyaa keessa jiraachuunis immoo ishee yaaddessaa jira. Madda galii tokkoyyuu ijaa hin qabneef nyaata gargaarsaan qofa jiraatti.

Du’aa haadholii fi daa’immanii

Baqattooti Itoophiyaa keessa jiran baayyeen Naannoo Gaambeellaa keessatti argamu. Fedhiin waantota bu’uuraa baqattoota kanaa waan dabalaa dhufeef caasaan fayyaafi hawaasaa naannichaa rakkoo keessa jira jedha ReliefWeb.

Wiirtuun fayyaa kaampii baqattootaa Jaawwiitti argamu namoota 60,000 ol tahaniif tajaajila kenna.

Itti gaafatamaan baqattootaa fi kanneen baqaa deebi’anii Obbo Bezaanah Fantaahuun eeruun ReliefWeb akka gabaasetti dubartoonnii yaalii fi hordoffii ulfaa barbaadan km6 ol imaluun irra jiraata jedha.

"Fageenya hangas dheeratu imaluun isaanii immoo rakkoo fayyaa ni fida," jechuu isaanii hima.

Kanaaf bu’uuraaleen misoomaa jiraachuu dhabuun qormaata isa guddaa dha.Ogeessonni yaala atattamaa kennan jiraachuu dhabuun daa’ima dhalattus tahe haadha rakkoo irra buusaa jira.

Asnaaqa Geetaachaw wiirtuu fayyaa Jaawwiitti ogeessa deesisuuti. Haadhotiifi daa’imman akka du’an himu.

"Bara kana qofa haadholii sadii fi daa’imman lama gaafa du’an argeera. Otoo dhiiga argatanii ni hafu ture. Ambulaansiin gatii hin jirreef kana gochu hin dandeenye," jedhaniiru.

Afawoorq Solomoon illee ogeessa deesisuuti. Guyyaatti dubartoota shanii hanga jaha tahan akka daa’ima godhatan dubbata.

Kutaan daa’umsaa wiirtuu fayyaa kanaa deeggarsa Mootummota Gamtoomaniitiin ambulaansii kenname tokko qaba.

"Asitti wal’aansa baqaqsanii yaaluu hin kenninu. Kanaaf namoota lamaaf riifariin yoo barreefame isheen tokko deemti kaan eeguu qabdi," jedhu Afawoorq.

Deeggarsa dhabuu

ReleifWeb dhaabbanni gargaarsaa UNFPA bara 2021 keessa Gaambeellaatti meeshaalee yaalii atattamaaf tajaajilan raabseera jedha.

Kunis haadholiifi daa’imman kunuunsuufi tajaajilota kanaan wal-qabatan kennuuf gargaara.

Tajaajilli kuni kan kennamu baqattoota 104,894 tahaniifi jiraattota Gaambeellaafidha.

Deesiftootaa fi ogeessonni fayyaa biroos leenjii akka argatan taasifameera. Rakkoo yeroo dahumsaa qaqqabuuf yaalii atattamaa kennuuf ambulaansiin tokko Mootummoota Gamtoomaniirraa argameera.

Deesiftoonnis altiraasaawundiin UNFPA’n nuu kenneefi meeshaaleen biroon lubbuu dubartoota baayyee akka baraarru nu gargaareera jedhu.

Gaambeellaa keessa dubaroota haleellaa irraa hafaniifi haleellaaf saaxilaman wiirtuun hawaasaa gargaaru jira.

Wiirtuun kuni dubartooti jireenya haleellaa saalaa irra bilisa tahe akka jiraatan kan gargaarudha.

Tahus baqattoonni Sudaan Kibbaarraa Gaambeellaa galuun hanqinni nyaataa akka jiraatu godheera.

Kanaafis fayyaa haadholii fi dubartootaa eeguuf deeggarsi atattaamaa barbaachisa.

UNFPA’n deeggarsa doolaara miiliyoona tokkoo akka taasisuuf waamichi dhiyaatera. Kunis dubartoota haleellaan saalaa irra gahe deeggaruufi fayyaa wal-hormaataa fooyyessuuf akka oolu himameera.

Maallaqa Mootummoonni Gamtoomanii barbaachisa jedhe keessa hanga yoonaa kan argame harka 24 qofadha.

Naayaabeel haalli keessa jirtu ishee yaaddessullee abdii garuu hin kutanne.

"Gaafa tokko mucaa koo waliin biyya kootti akka deebi’u abdii qaba. Maatii kootti makamee jireenya haaraa akkaan jalqabu nan amana," jetti.