Sudaan Kibbaatti dubartiin yeroo jalqabaaf Ministira Raayyaa Ittisaa ta'un muudaman eenyu?

Sudaan Kibbaatti dubartiin yeroo jalqabaaf Ministira Raayyaa Ittisaa ta'un muudaman.

Mootummaan tokkummaa Sudaan Kibbaa keessatti hundaa'e biyya waldhabdeen miidhamaa turtetti nagaa buusa jedhamee akka amanamu taasiseera.

Keessumaa bakkeewwan ijoo dubartiif kennamuun namoonni waa'ee isaa akka dubbatan taasiseera.

Yeroo ammaa Anjeliinaa Teeniin yeroo jalqabaaf Ministeera Raayyaa Ittisaa ta'aniiru.

Anjeliinaa Teeniin eenyu?

Aadde Teenin haadha warraa Riik Maachaar kan hogganaa garee finciltootaa turaniifi amma pirezidantii itti aanaa Sudaan Kibbaa ta'aniiti.

Aadde Teenin hojii nageenyaa irratti yeroo hojjetan garuu kuni kan duraa miti.

Yeroo abbaa warraan isaanii hidhaa manaa keessa turan, jalqaba Afrikaa Kibbaa ergasii Kaartum, sana waan dalagan qabu turan.

Yeroos garee dhaaba SPLM-IO's bakka bu'un koree Nageenyaafi Ittisaa hoggananii hojjetaa turan.

Qondaalli kuni dubartii kallattiin dubbataniifi nama siyaasaa dhiibbaa olaanaa geessisuu danda'an jedhamu.

Kana dura erga biyyi isaanii Sudaan irraa fottoqanii booda Ministeera Annisaafi Albuudaa ta'un bakkeewwan boba'aa qaban Sudaan waliin yeroo hiratan waliigalteen akka irra gahamu gaggeessaa turan.

Booda kanammoo erga waliigalteen nagaa mallattaa'ee as, akkaataa mootummaafi hidhattoonni waliin hojjetan dalagaa jiru.

Muudama isaanii booda garuu, Ministeera Raayyaa Ittisaa ta'uuf ga'umsa isaa qabuuyi jedhanii kan gaafatan jiru.