Waraana Itoophiyaa: KFO'n 'mootummaan yeroo' hatattamaan akka hundaa'u gaafate

Dhaabni mormituu filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa keessaa kan hin dorgomiin hafe Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) 'mootummaan yeroo' atattamaan akka hundaa'u gaafate.

Ibsi dhaabichaa kuni yeroo waraanni kaaba biyyattiitti hammaachaa dhufeefi dhaabbileen biyya alaa lammiilee isaanii biyyattii keessaa akka bahan akeekkachiisaa jiranitti dhagahame.

Mootummaan Itoophiyaa adeemsa biyyoonni lammiileen isaanii akka bahan dhaaman kan balaaleeffate yoo ta'u himannaa badiin shororkeessummaa gahuu mala jechuun US ibsitees qeqeera.

Sochii siyaasaa fi haala nageenya biyyattii fi naannoo Oromiyaa ilaallatan irratti yeroo hedduu ibsa ejjennoo baasaa kan ture KFO'n ibsa tibbana baaseenis biyyattiin 'haala yaaddessaa' keessa jirti jedheera.

Gaaga'amni siyaasaa Itoophiyaa hiikamuu kan danda'u 'marii biyyaalessaa haqa qabeessa, dhugaa fi hunda hirmaachiseen qofa' kan jedhu dhaabni kuni, waraanaan rakkoon biyyaa furamu hin jiraatu jedheera.

Kana dura dhaabni ABO kan dura taa'aa dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu 'mootummaan ce'umsaa' akka hundaa'u gaafataa ture.

Gama kaanin immoo torban muraasa dura gareewwan finciltoota sagal bulchiinsa MM Abiy buqqisuuf qindoomina uumuu isaanii beeksisaniiru.

Filannoo biyyaalessaa jahaffaa Waxabajjii darbe taasifameen dhaabni biyya bulchu olaantummaan irra aaneera. Dhaabni KFO fi ABO immoo dhaaba biyya bulchuun 'dhiibamne' jechuun hin hirmaanne ture.

Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee to'annoo jala kan oolan qondaaltonni KFO Obbo Baqqalaa Garbaa, Jawaar Mohaammad, Dajanee Xaafaa yeroo ammaa dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa jiru.

'Mootummaan yeroo' maal dalaga?

Miseensa koree hoji raawwachiistuu fi itti-gaafatamaan waajjira KFO Obbo Xurunaa Gamtaa turtii BBC waliin taasisaniin, rakkoo amma biyyattiin keessa seente furuuf 'mootummaan yeroo' atattamaan hundaa'uu qaba jedhu.

"Qabiyyeen ibsa miilana baasne kanaa, mootummaan amma aangoorra jiru biyya kana baraaruudhaaf hin dandeenye. Kanaaf mootummana yeroo gabaabaadhaaf hojjetu yookan mootummaan yeroo hundeeffamee haala mijeessee biyya kana tasgabbeessuutti haa adeemu" jedhan.

'Mootummaan yeroo' akka hundaa'uuf KFO'n gaafate kuni chaartara qopheessuun ji'oota sadii hanga ji'a jahaatti biyya tasgabbeessuuf fi hojimaata kallattii siyaasaa kan qopheessudha jedhan Obbo Xurunaan.

Tarkaanfiilee atattamaan fudhatamuu qabu jechuun KFO'n tarreesse keessaas, jeequmsii fi jechoonni jibbaa akka dhaabbatan, hogganoonni siyaasaa akka gadhiifaman keessatti argamu.

Dhaabichi ibsa tibbana baase keessatti mootummaan cehumsaa ji'oota 18 turu ijaaramuun mariin biyyaalessaa akka ta'uuf akkuma armaan duraa irra deebiin gaafateera.

"Mootummaan ce'umsaa kuni chaartara ce'umsaa mirkaneessuu, bu'uuraalee misoomaa waraanan manca'an suphuu, dinagdee tasgaabbeessuu fi dhumarrattis filannoon bilisa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta'e raawwachuudhaan aangoon isaa dhumata" jedhe dhaabichi.

Walitti bu'iinsa amma biyyattii keessatti ta'aa jiru kanaan dinagdeen biyyaa daaqamuun lammiileen miliyoonaan lakkaa'amanis beelaaf rakkoof saaxilamaniiru jedhe.

KFO'n haala siyaasa biyyattii jala bu'ee hordofuun yeroo yeroodhaan ibsi baasu kuni hangam bu'aa buusaa jira jennee Obbo Xurunaa gaafanne.

"Nuti ammalleen gara fuulduraattillee ibsa inuma baasna. Kan kana goonuufis gahee keenya keessaa tokko jennee waan amannuufi. Guyyaa tokko namni nudhagaha. Namni waa'een biyya kanaa yaaddessu gaaftokko nuwajjin hiriiree nutumsa jennee abdii waan qabnuufi" jedhan.

Haala qabatamaa amma biyyattiin keessa jirtu kan ilaaleenis jalqabarraa hanga ammaatti rakkoon biyyaa waraanaan furmaata argatu hin jiru jenneetuma ejjennuma duraa qabna jedhan qondaalli KFO kuni.

"Qaamoleen wal waraanaa jiran hundumtuu qawwee isaanii lafa kaa'anii gara marii nagaatti akka adeeman gaafataa turre. Ammas isuma gaafanna. Wanti amma deemaa jiru kuni iddoo tokkotti yoo hin dhaabbanne biyya balaa hin taanerra buusa jennee sodaa qabna" jedhan.

"Dhimma siyaasaatiif jedhamee, keessumaa ammoo aangoodhaaf jedhamee biyya keenya keessatti waraanni gaggeefamaa jiru dhaabbachuutu irra jira. Sabnis waan kanarratti yaadda'uutu irra jira jennee amanna" jedhan.

Waraanni Kaaba biyyattiitti waggaa dura yeroo haleellaan buufata raayyaa ittisaa kan kaaba biyyattiitti buufatee turerratti raawwateen hordofee eegalee ammallee xumura hin arganne.

Inumaa Waxabajjii waggaa darbe eegalee gara naannoo ollaatti ce'eera. Ammatti naannolee sadiitti lammiileen miiliyoona 7 ta'an deeggarsa midhaan nyaataa barbaadu.

Lammiileen kuma 400 ta'an immoo Tigraay keessatti haala beela fakkaatu keessa jiru jedheera Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN).

Dhukaasni dhaabatee waraanni mariin akka xumura argatu sochiin taasifamaa ture ammatti hin milkoofne.